< Isaayyaas 38 >
1 Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos raajichi gara isaa dhaqee, “Waaqayyo akkana jedha: Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii” jedheen.
A kwanakin nan sai Hezekiya ya kamu da ciwo ya kuma kusa ya mutu. Annabi Ishaya ɗan Amoz ya tafi wurinsa ya kuma ce, “Ga abin da Ubangiji ya ce ka shirya gidanka, domin za ka mutu; ba za ka warke ba.”
2 Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee Waaqayyoon kadhate;
Hezekiya ya juye fuskarsa wajen bango ya kuma yi addu’a ga Ubangiji,
3 “Yaa Waaqayyo, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu.” Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe.
“Ka tuna, ya Ubangiji, yadda na yi tafiya a gabanka da aminci da dukan zuciya na kuma yi abin da yake nagari a idanunka.” Sai Hezekiya ya yi kuka mai zafi.
4 Ergasiis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Isaayyaas dhufe:
Sai maganar Ubangiji ta zo wa Ishaya cewa,
5 “Dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaasitti himi; ‘Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala.
“Ka tafi ka faɗa wa Hezekiya, ‘Ga abin da Ubangiji Allah na kakanka Dawuda, ya ce na ji addu’arka na kuma ga hawayenka; zan ƙara maka shekaru goma sha biyar ga rayuwarka.
6 Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani magaalaa kana nan eega.
Zan kuwa cece ka da wannan birni daga hannun sarkin Assuriya. Zan kiyaye wannan birni.
7 “‘Kun mallattoo Waaqayyoo kan akka inni waan waadaa gale sana guutu mirkaneessuuf Waaqayyo biraa siif kennamee dha:
“‘Ga alamar Ubangiji gare ka cewa Ubangiji zai aikata kamar yadda ya yi alkawari.
8 Ani akka gaaddidduun aduu tarkaanfii kurnan gulantaa Aahaaz irraan gad buʼe sana dugda duubatti deebiʼu nan godha.’” Kanaafuu gaaddidduun tarkaanfii kurnan gad buʼee ture sun dugda duubatti deebiʼe.
Zan sa inuwar da rana ta yi a kan matakalar Ahaz ta koma baya da taki goma.’” Saboda haka inuwar ta koma da baya daga fuskar rana har taki goma.
9 Barreeffama Hisqiyaas mootichi Yihuudaa erga dhukkubsatee fayyee booddee barreesse:
Rubutun Hezekiya sarkin Yahuda bayan ciwonsa da kuma warkarwarsa.
10 Anis, “Walakkaa umurii kootiitti, ani siiʼool seenuun qabaa? Bara jireenya koo kan hafes dhabuun qabaa?” nan jedhe. (Sheol )
Na ce, “Cikin tsakiyar rayuwata dole in bi ta ƙofofin mutuwa a kuma raba ni da sauran shekaruna?” (Sheol )
11 Ani akkanan jedhe; “Ani biyya jiraattotaa keessatti, lammata Waaqayyoon hin argu; ani siʼachi sanyii namaa hin ilaalu, yookaan warra addunyaa kana irra jiraatan wajjin hin jiraadhu.
Na ce, “Ba zan ƙara ganin Ubangiji ba, Ubangiji a ƙasa ta masu rai; ba zan ƙara ga wani mutum, ko in kasance tare da waɗanda suke zama a wannan duniya ba.
12 Manni koo akkuma dunkaana tiksootaa buqqifamee narraa fudhatameera. Ani akkuma wayyaa dhooftuu jireenya koo marmareera; inni miʼa wayyaa dhooftuu irraa na kuteera; ati halkanii guyyaa na balleessita.
Kamar tentin makiyayi an rushe gidana aka kuma ƙwace ta daga gare ni. Kamar mai saƙa, na nannaɗe rayuwata, ya kuma yanke ni daga sandar saƙa; dare da rana ka kawo ni ga ƙarshe.
13 Ani hamma bariitti obsaan nan eeggadhe; inni garuu akka leencaa lafee koo hunda caccabse; ati halkanii guyyaas na balleessita.
Na yi jira da haƙuri har safiya, amma kamar zaki ya kakkarya ƙasusuwana duka; dare da rana ka kawo ni ga ƙarshe.
14 Ani akka simbirroo yookaan akkuma daalotee nan wace; akka gugee boossuus nan aade; iji koo gara samii ilaaluudhaan dadhabe; yaa Gooftaa ani rakkadheeraa kottuu na gargaari!”
Na yi kuka kamar mashirare ko zalɓe, na yi kuka kamar kurciya mai makoki. Idanuna suka rasa ƙarfi yayinda na duba sammai. Na damu; Ya Ubangiji, ka taimake ni!”
15 Ani garuu maal jechuun dandaʼa? Inni natti dubbate; inni mataan isaas waan kana godhe. Ani waaʼee dhiphinaa lubbuu kootiif umurii koo guutuu gad of qabee nan jiraadha.
Amma me zan ce? Ya riga ya yi mini magana, shi kansa ne kuma ya aikata. Zan yi tafiya da tawali’u dukan kwanakina saboda wahalar raina.
16 Yaa Gooftaa, namoonni waanuma akkasiitiin jiraatu; hafuurri koos isaanumaan jireenya argata. Ati na fayyiftee lubbuudhaanis na jiraachifte.
Ubangiji, ta waɗannan abubuwa ne mutane suke rayuwa; ruhuna kuma yana samun rai a cikinsu shi ma. Ka maido mini da lafiya ka kuma sa na rayu.
17 Dhugumaan akkas dhiphachuun koo faayidaa kootiif. Ati jaalala keetiin boolla badiisaa irraa na eegde; cubbuu koo hundas, dugda kee duubatti gatte.
Tabbatacce wannan kuwa saboda ribata ne cewa in sha irin wahalan nan. Cikin ƙaunarka ka kiyaye ni daga ramin hallaka; ka sa dukan zunubaina a bayanka.
18 Siiʼool si galateeffachuu hin dandaʼutii; duutis si jajachuu hin dandaʼu. Warri qileetti gad buʼan, amanamummaa kee abdachuu hin dandaʼan. (Sheol )
Gama kabari ba zai yabe ka ba, matattu ba za su rera yabonka ba; waɗanda suka gangara zuwa rami ba za su sa zuciya ga amincinka ba. (Sheol )
19 Isaan akkuma ani harʼa gochaa jiru kana yaa jiraataa, yaa jiraataa jedhanii si jajatu; abbootiin waaʼee amanamummaa keetii ijoollee isaaniitti ni odeessu.
Masu rai, masu rai, su suke yabonka, kamar yadda nake yi a yau; iyaye za su faɗa wa’ya’yansu game da amincinka.
20 Waaqayyo na baraara; nus bara jireenya keenyaa guutuu, mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti miʼa ribuu irraa hojjetameen faarfanna.
Ubangiji zai cece ni, za mu kuma rera da kayan kiɗi masu tsirkiya dukan kwanakinmu a cikin haikalin Ubangiji.
21 Isaayyaas, “Maxinoo harbuu tolchaatii dhullaa isaa irra kaaʼaa; innis ni fayyaa” jedhee ture.
Ishaya ya riga ya ce, “Ku shirya curin da aka yi da’ya’yan ɓaure ku kuma shafa a marurun, zai kuwa warke.”
22 Hisqiyaasis, “Akka ani gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼuuf maaltu mallattoo taʼa?” jedhee gaafate.
Hezekiya ya riga ya yi tambaya ya ce, “Me zai zama alama ta cewa zan haura zuwa haikalin Ubangiji?”