< Isaayyaas 38 >

1 Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos raajichi gara isaa dhaqee, “Waaqayyo akkana jedha: Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii” jedheen.
In those days was Hezekiah sick and near death. Isaiah the prophet, the son of Amoz, came to him, and said to him, "Thus says Jehovah, 'Set your house in order, for you will die, and not live.'"
2 Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee Waaqayyoon kadhate;
Then Hezekiah turned his face to the wall and prayed to Jehovah,
3 “Yaa Waaqayyo, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu.” Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe.
and said, "Remember now, Jehovah, I beg you, how I have walked before you in truth and with a perfect heart, and have done that which is good in your sight." Hezekiah wept bitterly.
4 Ergasiis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Isaayyaas dhufe:
Then the word of Jehovah came to Isaiah, saying,
5 “Dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaasitti himi; ‘Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala.
"Go, and tell Hezekiah, 'Thus says Jehovah, the God of David your father, "I have heard your prayer. I have seen your tears. Look, I will add fifteen years to your life.
6 Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani magaalaa kana nan eega.
I will deliver you and this city out of the hand of the king of Assyria, and I will defend this city.
7 “‘Kun mallattoo Waaqayyoo kan akka inni waan waadaa gale sana guutu mirkaneessuuf Waaqayyo biraa siif kennamee dha:
This shall be the sign to you from Jehovah, that Jehovah will do this thing that he has spoken.
8 Ani akka gaaddidduun aduu tarkaanfii kurnan gulantaa Aahaaz irraan gad buʼe sana dugda duubatti deebiʼu nan godha.’” Kanaafuu gaaddidduun tarkaanfii kurnan gad buʼee ture sun dugda duubatti deebiʼe.
Look, I will cause the shadow on the steps, which has gone down with the sun on the upper steps of Ahaz, to go backward ten steps. So the sun returned ten steps on the sundial on which it had gone down."'"
9 Barreeffama Hisqiyaas mootichi Yihuudaa erga dhukkubsatee fayyee booddee barreesse:
The writing of Hezekiah king of Judah, when he had been sick, and had recovered of his sickness.
10 Anis, “Walakkaa umurii kootiitti, ani siiʼool seenuun qabaa? Bara jireenya koo kan hafes dhabuun qabaa?” nan jedhe. (Sheol h7585)
I said, "In the middle of my life I go into the gates of Sheol. I am deprived of the residue of my years." (Sheol h7585)
11 Ani akkanan jedhe; “Ani biyya jiraattotaa keessatti, lammata Waaqayyoon hin argu; ani siʼachi sanyii namaa hin ilaalu, yookaan warra addunyaa kana irra jiraatan wajjin hin jiraadhu.
I said, "I won't see Jehovah in the land of the living. I will not look on humankind any longer with the inhabitants of the world.
12 Manni koo akkuma dunkaana tiksootaa buqqifamee narraa fudhatameera. Ani akkuma wayyaa dhooftuu jireenya koo marmareera; inni miʼa wayyaa dhooftuu irraa na kuteera; ati halkanii guyyaa na balleessita.
My dwelling is removed, and is carried away from me like a shepherd's tent. I have rolled up, like a weaver, my life. He will cut me off from the loom. From day even to night you will make an end of me.
13 Ani hamma bariitti obsaan nan eeggadhe; inni garuu akka leencaa lafee koo hunda caccabse; ati halkanii guyyaas na balleessita.
I waited patiently until morning. He breaks all my bones like a lion. From day even to night you will make an end of me.
14 Ani akka simbirroo yookaan akkuma daalotee nan wace; akka gugee boossuus nan aade; iji koo gara samii ilaaluudhaan dadhabe; yaa Gooftaa ani rakkadheeraa kottuu na gargaari!”
I chip like a swallow or a thrush. I moan like a dove. My eyes weaken looking upward. Jehovah, I am oppressed. Be my security."
15 Ani garuu maal jechuun dandaʼa? Inni natti dubbate; inni mataan isaas waan kana godhe. Ani waaʼee dhiphinaa lubbuu kootiif umurii koo guutuu gad of qabee nan jiraadha.
What will I say? He has both spoken to me, and himself has done it. I will walk carefully all my years because of the anguish of my soul.
16 Yaa Gooftaa, namoonni waanuma akkasiitiin jiraatu; hafuurri koos isaanumaan jireenya argata. Ati na fayyiftee lubbuudhaanis na jiraachifte.
Jehovah is against them, but they live, and all of them who live have his spirit. Restore me to health and let me live.
17 Dhugumaan akkas dhiphachuun koo faayidaa kootiif. Ati jaalala keetiin boolla badiisaa irraa na eegde; cubbuu koo hundas, dugda kee duubatti gatte.
Look, for peace I had great anguish, but you have in love for my soul delivered it from the pit of corruption; for you have cast all my sins behind your back.
18 Siiʼool si galateeffachuu hin dandaʼutii; duutis si jajachuu hin dandaʼu. Warri qileetti gad buʼan, amanamummaa kee abdachuu hin dandaʼan. (Sheol h7585)
For Sheol can't praise you. And death can't celebrate you. And those who go down into the pit can't hope for your truth. (Sheol h7585)
19 Isaan akkuma ani harʼa gochaa jiru kana yaa jiraataa, yaa jiraataa jedhanii si jajatu; abbootiin waaʼee amanamummaa keetii ijoollee isaaniitti ni odeessu.
The living, the living, he shall praise you, as I do this day. The father shall make known your truth to the children.
20 Waaqayyo na baraara; nus bara jireenya keenyaa guutuu, mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti miʼa ribuu irraa hojjetameen faarfanna.
Jehovah will save me. Therefore we will sing my songs with stringed instruments all the days of our life in the house of Jehovah.
21 Isaayyaas, “Maxinoo harbuu tolchaatii dhullaa isaa irra kaaʼaa; innis ni fayyaa” jedhee ture.
Now Isaiah had said, "Let them take a cake of figs, and lay it for a poultice on the boil, and he shall recover."
22 Hisqiyaasis, “Akka ani gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼuuf maaltu mallattoo taʼa?” jedhee gaafate.
Hezekiah also had said, "What is the sign that I will go up to the house of Jehovah?"

< Isaayyaas 38 >