< Isaayyaas 37 >

1 Hisqiyaas mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti, uffata isaa tarsaasee wayyaa gaddaas uffatee mana qulqullummaa Waaqayyoo seene.
Da Kong Ezekias hørte det, sønderrev han sine Klæder, hyllede sig i Sæk og gik ind i HERRENS Hus.
2 Innis Eliiyaaqiim bulchaa masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaa fi luboota dura buʼoota hundi isaanii wayyaa gaddaa uffatan Isaayyaas raajicha ilma Amoos sanatti erge.
Og han sendte Paladsøversten Eljakim og Statsskriveren Sjebna og Præsternes Ældste, hyllet i Sæk, til Profeten Esajas, Amoz's Søn,
3 Isaanis akkana jedhanii isatti himan; “Hisqiyaas akkana jedha: Guyyaan kun akkuma yeroo daaʼimni tokko dhalachuu gaʼee garuu dubartiin humna ittiin ciniinsifattee deessu dhabduutti guyyaa lubbamuu, kan dheekkamsaatii fi kan salphinaa ti.
for at sige til ham: »Ezekias lader sige: En Nødens, Tugtelsens og Forsmædelsens Dag er denne Dag, thi Barnet er ved at fødes, men der er ikke Kraft til at bringe det til Verden!
4 Waaqayyo Waaqni kee dubbii ajajaa waraanaa kan gooftaan isaa mootichi Asoor akka inni Waaqa jiraataatti qoosuuf erge sanaa dhagaʼee dubbii Waaqayyo Waaqni kee dhagaʼe sanaaf jedhee isatti dheekkama taʼa. Kanaafuu ati hambaawwan hamma ammaatti jiraniif kadhadhu.”
Dog vil HERREN din Gud maaske høre, hvad Rabsjake har sagt, han, som er sendt af sin Herre, Assyrerkongen, for at haane den levende Gud, og maaske vil han straffe ham for de Ord, som HERREN din Gud har hørt — gaa derfor i Forbøn for den Rest, der endnu er tilbage!«
5 Yommuu qondaaltonni Hisqiyaas Mootichaa gara Isaayyaas dhufanitti,
Da Kong Ezekias's Folk kom til Esajas,
6 Isaayyaas akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa gooftaa keessanitti himaa; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati waan dhageesse jechuunis dubbii garboonni mootii Asoor ittiin na arrabsan sana hin sodaatin.
sagde han til dem: »Saaledes skal I svare eders Herre: Saa siger HERREN: Frygt ikke for de Ord, du har hørt, som Assyrerkongens Trælle har haanet mig med!
7 Dhaggeeffadhaa! Ani akka inni oduu wayii dhagaʼee gara biyya ofii isaatti deebiʼuuf hafuura tokko isa keessa nan kaaʼa; achittis akka inni goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.’”
Se, jeg vil indgive ham en Aand, og han skal faa en Tidende at høre, saa han vender tilbage til sit Land, og i hans eget Land vil jeg fælde ham med Sværdet!«
8 Ajajaan waraanaas yommuu akka mootiin Asoor Laakkiishii baʼee deeme dhagaʼetti, duubatti deebiʼee utuu mootichi Libnaa lolaa jiruu argate.
Rabsjake vendte saa tilbage og traf Assyrerkongen i Færd med at belejre Libna, thi han havde hørt, at Kongen var brudt op fra Lakisj.
9 Senaaheriibis akka Tiirhaaq mootichi Itoophiyaa sun isa loluuf dhufaa jiru dhagaʼe. Innis yommuu waan kana dhagaʼetti, akkana jedhee Hisqiyaasitti ergamoota erge:
Saa fik han Underretning om, at Kong Tirhaka af Ætiopien var rykket ud for at angribe ham, og han sendte Sendebud til Ezekias og sagde:
10 “Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin akkana jedhaa: Waaqni ati abdattu sun, ‘Yerusaalem dabarfamtee harka mootii Asooritti hin kennamtu’ jedhee si hin gowwoomsin.
»Saaledes skal I sige til Kong Ezekias af Juda: Lad ikke din Gud, som du slaar din Lid til, vildlede dig med at sige, at Jerusalem ikke skal gives i Assyrerkongens Haand!
11 Ati waan mootonni Asoor guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaan biyyoota hunda godhan dhageesseerta. Ati immoo ni haftaa ree?
Du har jo dog hørt, hvad Assyrerkongerne har gjort ved alle Lande, hvorledes de har lagt Band paa dem — og du skulde kunne undslippe!
12 Waaqonni saboota abbootiin koo barbadeessan sanaa jechuunis waaqonni Goozaan, waaqonni Kaaraan, waaqonni Rezefii fi waaqonni namoota Eden kanneen Telaasaar keessa turan sanaa isaan oolchaniiruu?
De Folk, mine Fædre tilintetgjorde, Gozan, Karan, Rezef og Folkene fra Eden i Telassar, har deres Guder kunnet frelse dem?
13 Mootiin Hamaati yookaan mootiin Arfaad eessa jira? Mootiin magaalaa Seefarwaayim, mootiin Heenaa yookaan mootiin Iwaa eessa jira?”
Hvor er Kongen af Hamat, Kongen af Arpad eller Kongen af La'ir, Sefarvajim, Hena og Ivva?«
14 Hisqiyaasis ergamoota sana harkaa xalayaa fuudhee dubbifate. Ergasiis gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼee xalayaa sana fuula Waaqayyoo duratti diriirse.
Da Ezekias havde modtaget Brevet af Sendebudenes Haand og læst det, gik han op i HERRENS Hus og bredte det ud for HERRENS Aasyn.
15 Hisqiyaas akkana jedhee Waaqayyoon kadhate:
Derpaa bad Ezekias den Bøn for HERRENS Aasyn:
16 “Yaa Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, Waaqa Israaʼel, kan Kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta.
»Hærskarers HERRE, Israels Gud, du, som troner over Keruberne, du alene er Gud over alle Jordens Riger; du har gjort Himmelen og Jorden!
17 Yaa Waaqayyo, gurra kee as qabiitii dhagaʼi; yaa Waaqayyo, ija kees banadhuu ilaali; dubbii Senaaheriib kan inni Waaqa jiraataa arrabsuuf erge kana hunda dhaggeeffadhu.
Bøj nu dit Øre, HERRE, og lyt, aabn dine Øjne, HERRE, og se! Læg Mærke til alle de Ord, Sankerib har sendt hid for at spotte den levende Gud!
18 “Yaa Waaqayyo, mootonni Asoor uummata kana hundaa fi biyyoota isaanii balleessuun dhugaa dha.
Det er sandt, HERRE, at Assyrerkongerne har tilintetgjort alle de Folk og deres Lande
19 Isaan waaqota jaraa ibiddatti naqanii barbadeessaniiru; waaqonni sun mukaa fi dhagaa harka namaatiin soofaman turan malee waaqota hin turreetii.
og kastet deres Guder i Ilden; men de er ikke Guder, kun Menneskehænders Værk af Træ eller Sten; derfor kunde de ødelægge dem.
20 Kanaafuu yaa Waaqayyo Waaqa keenya, akka mootummoonni lafaa hundinuu akka ati qofti Waaqayyo Waaqa taate beekaniif, harka isaatii nu baasi.”
Men frels os nu, HERRE vor Gud, af hans Haand, saa alle Jordens Riger kan kende, at du, HERRE, alene er Gud!«
21 Sana booddee Isaayyaas ilmi Amoos akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Sababii ati waaʼee Senaaheriib mooticha Asoor na kadhatteef,
Saa sendte Esajas, Amoz's Søn, Bud til Ezekias og lod sige: »Saa siger HERREN, Israels Gud: Din Bøn angaaende Assyrerkongen Sankerib har jeg hørt!«
22 dubbiin Waaqayyo isaan mormuudhaan dubbate kunoo kanaa dha: “Intalli Xiyoon durbi qulqullittiin si tuffattee sitti qoosti. Intalli Yerusaalem yeroo ati baqattutti mataa ishee sitti raafti.
Saaledes lyder det Ord, HERREN talede imod ham: Hun haaner, hun spotter dig, Jomfruen, Zions Datter, Jerusalems Datter ryster paa Hovedet ad dig!
23 Kan ati itti qoostee arrabsite sun eenyu? Ati eenyutti sagalee kee ol fudhattee of tuulummaadhaan ija ol qabatte? Qulqullichuma Israaʼel sanatti mitii!
Hvem har du haanet og smædet, mod hvem har du løftet din Røst? Til Israels Hellige løfted i Hovmod du Blikket!
24 Ati karaa ergamoota keetiitiin, Gooftaatti qoosteerta. Ati akkanas jetteerta; ‘Ani gaariiwwan koo hedduudhaan fiixee tulluuwwaniitti, fiixee Libaanoon kan akka malee ol dheeratuttis ol baʼeera. Ani birbirsawwan isaa akka malee dhedheeroo, gaattiraawwan isaa filatamoo sanas ciccireera. Ani fiixeewwan isaa kanneen akka malee ol fagoo, bosonoota akka malee mimmiidhagoo qaqqabeera.
Ved dine Trælle haaned du HERREN og sagde: »Med mine talløse Vogne besteg jeg Bjergenes Højder, Libanons afsides Egne; jeg fælded dets Cedres Højskov, dets ædle Cypresser, trængte frem til dets øverste Raststed, dets Havers Skove.
25 Ani biyya ormaatti boolla bishaanii qotadhee achitti bishaan dhugeera. Ani faana miilla kootiin lageen Gibxi hunda gogseera.’
Fremmed Vand grov jeg ud, og jeg drak det, tørskoet skred jeg over Ægyptens Strømme!«
26 “Ati waan kana hin dhageenyee? Bara dheeraan dura anatu waan kana hojjete. Ani bara durii keessa waan kana nan karoorfadhe; amma immoo hojii irra oolfadheera; kunis akka ati magaalaawwan dallaa jabaa qaban diigdee tuullaa dhagaa gootuu dha.
Har du ej hørt det? For længst kom det op i min Tanke, jeg lagde det fordum til Rette, nu lod jeg det ske, og du Gjorde murstærke Byer til øde Stenhobe,
27 Namoonni isaanii humna dhabanii abdii kutataniis qaanaʼan. Isaan akkuma biqiltuu diidaa, akkuma biqiltuu kichuu tokkoo, akkuma marga mana gubbaatti biqilu kan utuu hin guddatin gubatee ti.
mens Folkene grebes i Afmagt af Skræk og Skam, blev som Græsset paa Marken, det spirende Grønne, som Græs paa Tage, som Mark for Østenvinden.
28 “Ani garuu lafa ati jirtu, yoom akka dhuftuu fi yoom akka deemtu, akka ati akka malee natti aartu illee nan beeka.
Jeg ser, naar du rejser og sætter dig, ved, naar du gaar og kommer.
29 Sababii ati akka malee natti aartee of tuulummaan kees gurra koo seeneef, ani funyaan keetti hokkoo koo, afaan keetti immoo luugama koo kaaʼee akka ati karuma dhufte sanaan deebitu sin godha.
Fordi du raser imod mig, din Trods har naaet mit Øre, lægger jeg Ring i din Næse og Bidsel i Munden og fører dig bort ad Vejen, du kom!
30 “Yaa Hisqiyaas kun mallattoo siif taʼa: “Isin waggaa kana waan ofumaan biqilu, waggaa lammaffaatti immoo waanuma isa irraa latu nyaattu. Waggaa sadaffaatti garuu facaafadhaa galfadhaa; muka wayiniis dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa.
Og dette skal være dig Tegnet: I Aar skal man spise, hvad der saaed sig selv, og Aaret derpaa, hvad der skyder af Rode, tredje Aar skal man saa og høste, plante Vin og nyde dens Frugt.
31 Ammas hambaan mootummaa Yihuudaa tokko, jalaan hidda baafatee gubbaan immoo ija naqata.
Den bjærgede Rest af Judas Hus slaar atter Rødder forneden og bærer sin Frugt foroven;
32 Yerusaalem keessaa hambaan tokko, Tulluu Xiyooniitii immoo gareen warra badiisa jalaa baʼe tokkoo ni dhufa. Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu waan kana ni raawwata.
thi fra Jerusalem udgaar en Rest, en Levning fra Zions Bjerg. Hærskarers HERRES Nidkærhed virker dette.
33 “Kanaafuu Waaqayyo waaʼee mooticha Asoor akkana jedha: “Inni magaalaa kana hin seenu, yookaan xiyya tokko illee asitti hin darbatu. Inni gaachana qabatee fuula isaa duratti hin dhiʼaatu yookaan tuullaa biyyoo itti hin marsu.
Derfor, saa siger HERREN om Assyrerkongen: I Byen her skal han ej komme ind, ej sende en Pil herind, ej nærme sig den med Skjolde eller opkaste Vold imod den;
34 Inni karuma dhufe sanaan ni deebiʼa; magaalaa kanas hin seenu” jedha Waaqayyo.
ad Vejen, han kom, skal han gaa igen, i Byen her skal han ej komme ind — saa lyder det fra HERREN.
35 “Anis sababii ofii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee magaalaa kana nan eega; nan oolchas!”
Jeg værner og frelser denne By for min og min Tjener Davids Skyld!
36 Ergasii ergamaan Waaqayyoo gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture.
Saa gik HERRENS Engel ud og ihjelslog i Assyrernes Lejr 185 000 Mand; og se, næste Morgen tidlig laa de alle døde.
37 Kanaafuu Senaaheriib mootichi Asoor qubata sana keessaa baʼee baqate; Nanawweetti deebiʼees achi jiraate.
Da brød Assyrerkongen Sankerib op, vendte hjem og blev siden i Nineve.
38 Gaaf tokko utuu inni mana sagadaa Waaqa isaa Nisrook jedhamuu keessatti waaqeffachaa jiruu ilmaan isaa Adramelekii fi Sharezer goraadeedhaan isa ajjeesanii gara biyya Araaraatitti baqatan. Ilmi isaa Eesarhadoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Men da han engang tilbad i sin Gud Nisroks Hus, slog hans Sønner Adrammelek og Sar'ezer ham ihjel med deres Sværd, hvorefter de flygtede til Ararats Land; og hans Søn Asarhaddon blev Konge i hans Sted.

< Isaayyaas 37 >