< Isaayyaas 36 >

1 Bara mootummaa Hisqiyaas mootichaa keessa waggaa kudha afuraffaatti Senaaheriib mootichi Asoor magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda lolee ni qabate.
Katika mwaka wa kumi na nne wa mfalme Hezekia, Senacherebi, mfalme wa Asiria, alivamia miji yote ya Yuda na kuwakamata.
2 Ergasii mootichi Asoor, Raafaasqiis ajajaa waraana isaa loltoota hedduu wajjin Laakkiishii gara Yerusaalem, Hisqiyaas mootichatti erge. Ajajaan sunis jalʼisii Haroo Ol aanu kan karra Lafa Qotiisaa Namicha Wayyaa Miicuutti geessu bira gaʼee dhaabate;
Halafu mfalme wa Asiria akamtuma kamanda mkuu na jeshi kubwa kutoka Lachishi mpaka Yerusalemu kwa mfalme Hezekia. Alipofika kwenye mfereji katika kisima cha juu, katika njia kuu na katika shamba la dobi na akasimama pale.
3 Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan gara isaatti gad baʼan.
Maofisa wa Israeli waliotumwa kuzungumza nao walikuwa ni Eliakimu mtoto wa Hilkia, kiongozi wa jumba, Shebna katibu wa mfalme, na Joa mtoto wa Asapha, anayeandika makubaliano ya serekali.
4 Ajajaan waraanaa sunis akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa Hisqiyaasitti himaa: “‘Mootiin guddaan, mootichi Asoor akkana jedha: Of amanachuu kee kana maal irratti hundeeffatte?
Kamanda mkuu wa jeshi akawaambia wao, ''Mwambieni Hezekia kwamba mfalme mkuu, mfalme Asiria, asema, 'Nini chanzo cha ujasiri wako?
5 Ati, “Ani tooftaa fi jabina waraanaa qaba” jetta; garuu dubbii faayidaa hin qabne dubbatta. Ati eenyun abdattee natti fincilta?
Unaongea maneno yasiyo na maana tu, nasema kama kuna shauri na nguvu za vita. Sasa ni nani unayemuamini? na ni nani aliyekupa ujasiri wa kuniasi mimi.
6 Kunoo ati Gibxin jechuunis ulee shambaqqoo caccabaa harka nama isatti irkatu kamii iyyuu waraanee madeessu sana abdatteerta! Faraʼoon Mootichi Gibxis nama isa abdatu hundaaf akkasuma.
Tazama, umeweka imani yako Misri, maana banzi la mwanzi unalolitumia kama fimbo ya kutembelea, ikiwa mtu ataiegemea na kuishika kwenye mkono wake itamchoma. Hivyo ndovyo jinsi Farao mfalme wa Misri alivyo kwa yeyote anayemuamini.
7 Yoo ati, “Nu Waaqayyo Waaqa keenya abdanna” naan jette, inni isuma Hisqiyaas iddoowwan sagadaa isaatii fi iddoowwan aarsaa isaa diigee Yihuudaa fi Yerusaalemiin, “Isin fuula iddoo aarsaa kanaa duratti waaqeffachuu qabdu” jedhe sana mitii?
Lakini ikiwa utasema nami, ''Tunamwamini Yahwe Mungu wetu,''Je sio yeye ambaye Hezekia ameondosha mahali palipoinuka na madhebau, asema kwa Yuda na Yerusalemu, ''Lazima tuabudu mbele ya madhebau hii katika Yerusalemu''?
8 “‘Amma kottuutii gooftaa koo mooticha Asoor wajjin dubbadhu; anis yoo ati namoota farda yaabbatan qopheeffachuu dandeesse fardeen kuma lama siifin kenna!
Hivyo sasa, nataka kukufanya wewe kuwa zawadi nzuri kwa Bwana mfalme Asiria. Nitakupa farasi elfu mbili, kama utaweza kuwatafutia dereva.
9 Yoos ati yoo gaariiwwanii fi abbootii fardaatiif jettee Gibxin abdatte iyyuu, akkamiin qondaaltota gooftaa kootii keessaa ajajaa gad aanaa isaa illee of irraa deebisuu dandeessa?
Ni kwa jinsi gani unaweza kumpinga moja kati ya nahodha aliye mdogo katika watumishi wa Bwana wangu? Mmeweka imani yenu Misri katika gari na farasi!
10 Ati waan ani dubbii Waaqayyoo malee biyya kana lolee barbadeessuuf dhufe seetaa? Waaqayyo mataan isaa akka ani biyya kanatti duulee ishee barbadeessu natti dubbateera.’”
Halafu sasa, Je nimewezaje kusafiri mpaka hapa pasipo Yahwe kupigana dhidi ya nchi hii na kuhiaribu? Yahwe asema nami, Vamia nchi hii na uhiharibu.
11 Kana irratti Eliiyaaqiim, Shebnaa fi Yooʼaa ajajaa waraanaa sanaan, “Maaloo waan nu dhageenyuuf afaan warra Araamaayikiitiin garboota keetti dubbadhu. Utuma namoonni dallaa irra jiran dhagaʼanii afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin” jedhan.
Halafu Eliakimu mtoto wa Hilkia, na Shebna na Joa asema kwa kamanda mkuu, Tafadhali zungumza na watu wako kwa lugha ya kiashuru, maana kiashuru tunakielewa. Usiongee na sisi kwa lugha kiyahudi katika masikio ya watu ambao wako ukutani.''
12 Ajajaan waraanaa sun garuu akkana jedhee deebise; “Namni gooftaan koo akka ani waan kana itti himuuf itti na erge gooftaa keessanii fi isin qofaa? Namoota dallaa irra tataaʼan warra akkuma keessan udaan ofii isaanii nyaatanii fincaan ofii isaanii dhuguu qabaniifis mitii?”
Lakini kamanda mkuu akasema, ''Je bwana wenu ametuma kwa bwana wako na kuzungumza haya maneno? Je hajanituma kwa watu walio kaa kwenye ukuta, ili wale kinyesi chaao mwenyewe na kunywa mkojo waomwenyewe?
13 Ergasii ajajaan waraanaa sun ol kaʼee afaan Ibrootaatiin akkana jedhe; “Dubbii mooticha guddaa, dubbii mootii Asoor dhagaʼaa!
Halafu kamanda mkuu akasimama na kupiga kelele kwa sauti kubwa kwa lugha ya kiyahudi, na akisema,
14 Mootichi akkana jedha: Hisqiyaas isin hin gowwoomsin. Inni isin baasuu hin dandaʼu!
''Mfalme asema, ' Msimruhusu Hezekia awadanganye ninyi, maana hataweza kuwaokoa ninyi.
15 Hisqiyaas, ‘Waaqayyo dhugumaan nu baasa; magaalaan kunis dabarfamtee harka mooticha Asooritti hin kennamtu’ jechuudhaan akka isin Waaqayyoon amanattaniif isin hin sossobin.
Msimruhusu Hezekia awafanye muumuamini Yahwe, Nawambieni Hakika Yahwe atatukomboa sisi; mjii huu hautachukuliwa na mfalme wa Asiria.''
16 “Hisqiyaasin hin dhaggeeffatinaa. Mootiin Asoor akkana jedha: Ana wajjin nagaa buusaatii gara koo kottaa. Ergasii tokkoon tokkoon keessan muka wayiniitii fi muka harbuu keessan irraa ni nyaattu; boolla bishaan keessanii keessaas ni dhugdu;
Msimsikilize Hezekia, maana hivi ndivyo mfalme wa Asiria anavyosema: 'Fanyeni amani na mimi na mje kwangu. Halafu kila mmoja wenu atakula kwenye mzabibu wake mwenyewe na tunda la mti wake mwenyewe, na kunjwa maji ya kisima chake mwenyewe.
17 kunis hamma ani dhufee gara biyya akkuma biyya keessanii jirtuu, gara biyya midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, biyya buddeenaa fi iddoo dhaabaa wayiniitti isin geessutti taʼa.
Mtafanya hivi mpaka nije kuwachukua na kuwapeleka kwenye nchi kama ya kwenu. nchi ya mavuno na mvinyo mpya, nchi ya mkate na shamba.
18 “Hisqiyaas, ‘Waaqayyo nu baraara’ jedhee isin hin dogoggorsin; Waaqni saboota kamii iyyuu takkumaa harka mooticha Asoor keessaa biyya ofii baafatee beekaa?
Msimruhusu Hezekia awapotoshe nyie, akisema, Yahwe atatuokoa nyie; Je kuna miungu ya aina yeyote ya watu iliyowakomboa kutoka mikononi mwa mfalme wa Asiria?
19 Waaqonni Hamaatii fi waaqonni Arfaad eessa jiru? Waaqonni Seefarwaayim eessa jiru? Isaan harka koo keessaa Samaariyaa baasaniiruu?
Wako wapi miungu wa Hamathi na Arpadi? Iko wapi miungu ya Sefarvaimu? Je wameikomboa Samaria kutoka kwenye nguvu zangu?
20 Waaqota biyyoota kanneenii hunda keessaa kamtu biyyoota isaanii harka koo keessaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqayyo akkamiin harka koo keessaa Yerusaalemin baasuu dandaʼa ree?”
Miongoni mwa miungu yote ya nchi hii, Je kuna miungu ya aina yeyote iliyoikomboa nchi yao kutoka kwenye nguvu yangu, ni kama Yahwe anaweza kuawokoa Yerusalemu kutoka kwenye nguvu yangu?''
21 Namoonni garuu sababii mootichi, “Deebii hin kenninaafii” jedhee ajajeef inuma calʼisan malee deebii tokko iyyuu hin kennine.
Lakini watu wanabaki kimya na hawataki kujibu, maana amri ya mfalme ilikuwa, ''Msimjibu''.
22 Kana irratti Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan, uffata isaanii tatarsaasanii gara Hisqiyaas dhaqanii waan ajajaan waraanaa sun jedhe itti ni himan.
Halafu Eliakimu mtoto wa Hilkia, yeye aliye juu ya kaya, Shebna mwandishi, na Joa mtoto wa Asafu, na mtunza kumbukumbu, walikuja kwa Hezekia na nguo zilizotoboka na wakapeleka maneno ya kamanda mkuu.

< Isaayyaas 36 >