< Isaayyaas 36 >
1 Bara mootummaa Hisqiyaas mootichaa keessa waggaa kudha afuraffaatti Senaaheriib mootichi Asoor magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda lolee ni qabate.
히스기야 왕 십 사년에 앗수르 왕 산헤립이 올라와서 유다 모든 견고한 성을 쳐서 취하니라
2 Ergasii mootichi Asoor, Raafaasqiis ajajaa waraana isaa loltoota hedduu wajjin Laakkiishii gara Yerusaalem, Hisqiyaas mootichatti erge. Ajajaan sunis jalʼisii Haroo Ol aanu kan karra Lafa Qotiisaa Namicha Wayyaa Miicuutti geessu bira gaʼee dhaabate;
앗수르 왕이 라기스에서부터 랍사게를 예루살렘으로 보내되 대군을 거느리고 히스기야 왕에게로 가게 하매 그가 세탁업자의 터의 대로 윗못 수도구 곁에 서매
3 Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan gara isaatti gad baʼan.
힐기야의 아들 궁내 대신 엘리아김과 서기관 셉나와 아삽의 아들 사관 요아가 그에게 나아가니라
4 Ajajaan waraanaa sunis akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa Hisqiyaasitti himaa: “‘Mootiin guddaan, mootichi Asoor akkana jedha: Of amanachuu kee kana maal irratti hundeeffatte?
랍사게가 그들에게 이르되 이제 히스기야에게 고하라 대왕 앗수르 왕이 이같이 말씀하시기를 네가 의뢰하니 무엇을 의뢰하느냐
5 Ati, “Ani tooftaa fi jabina waraanaa qaba” jetta; garuu dubbii faayidaa hin qabne dubbatta. Ati eenyun abdattee natti fincilta?
내가 말하노니 네가 족히 싸울 모략과 용맹이 있노라 함은 입술에 붙은 말 뿐이니라 네가 이제 누구를 의뢰하고 나를 반역하느냐
6 Kunoo ati Gibxin jechuunis ulee shambaqqoo caccabaa harka nama isatti irkatu kamii iyyuu waraanee madeessu sana abdatteerta! Faraʼoon Mootichi Gibxis nama isa abdatu hundaaf akkasuma.
보라, 네가 애굽을 의뢰하도다 그것은 상한 갈대 지팡이와 일반이라 사람이 그것을 의지하면 손에 찔려 들어가리니 애굽 왕 바로는그 의뢰하는 자에게 이와 같으니라
7 Yoo ati, “Nu Waaqayyo Waaqa keenya abdanna” naan jette, inni isuma Hisqiyaas iddoowwan sagadaa isaatii fi iddoowwan aarsaa isaa diigee Yihuudaa fi Yerusaalemiin, “Isin fuula iddoo aarsaa kanaa duratti waaqeffachuu qabdu” jedhe sana mitii?
혹시 네가 내게 이르기를 우리는 우리 하나님 여호와를 의뢰하노라 하리라 마는 그는 그의 산당과 제단을 히스기야가 제하여 버리고 유다와 예루살렘에 명하기를 너희는 이 제단 앞에서만 경배하라 하던 그 신이 아니냐 하셨느니라
8 “‘Amma kottuutii gooftaa koo mooticha Asoor wajjin dubbadhu; anis yoo ati namoota farda yaabbatan qopheeffachuu dandeesse fardeen kuma lama siifin kenna!
그러므로 이제 청하노니 내 주 앗수르 왕과 내기하라 나는 네게 말 이천필을 주어도 너는 그 탈 자를 능히 내지 못하리라
9 Yoos ati yoo gaariiwwanii fi abbootii fardaatiif jettee Gibxin abdatte iyyuu, akkamiin qondaaltota gooftaa kootii keessaa ajajaa gad aanaa isaa illee of irraa deebisuu dandeessa?
그런즉 네가 어찌 내 주의 종 가운데 극히 작은 장관 한 사람인들 물리칠 수 있으랴 어찌 애굽을 의뢰하여 병거와 기병을 얻으려 하느냐
10 Ati waan ani dubbii Waaqayyoo malee biyya kana lolee barbadeessuuf dhufe seetaa? Waaqayyo mataan isaa akka ani biyya kanatti duulee ishee barbadeessu natti dubbateera.’”
내가 이제 올라와서 이 땅을 멸하는 것이 여호와의 뜻이 없음이겠느냐? 여호와께서 내게 이르시기를 올라가 그 땅을 쳐서 멸하라 하셨느니라
11 Kana irratti Eliiyaaqiim, Shebnaa fi Yooʼaa ajajaa waraanaa sanaan, “Maaloo waan nu dhageenyuuf afaan warra Araamaayikiitiin garboota keetti dubbadhu. Utuma namoonni dallaa irra jiran dhagaʼanii afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin” jedhan.
이에 엘리아김과 셉나와 요아가 랍사게에게 이르되 우리가 아람 방언을 아오니 청컨대 그 방언으로 당신의 종들에게 말씀하고 성위에 있는 백성의 듣는 데서 유다 방언으로 말하지 마소서
12 Ajajaan waraanaa sun garuu akkana jedhee deebise; “Namni gooftaan koo akka ani waan kana itti himuuf itti na erge gooftaa keessanii fi isin qofaa? Namoota dallaa irra tataaʼan warra akkuma keessan udaan ofii isaanii nyaatanii fincaan ofii isaanii dhuguu qabaniifis mitii?”
랍사게가 가로되 내 주께서 이 일을 네 주와 네게만 말하라고 나를 보내신 것이냐 너희와 함께 자기의 대변을 먹으며 자기의 소변을 마실 성 위에 앉은 사람들에게도 하라고 보내신 것이 아니냐
13 Ergasii ajajaan waraanaa sun ol kaʼee afaan Ibrootaatiin akkana jedhe; “Dubbii mooticha guddaa, dubbii mootii Asoor dhagaʼaa!
이에 랍사게가 일어서서 유다 방언으로 크게 외쳐 가로되 너희는 대왕 앗수르 왕의 말씀을 들으라
14 Mootichi akkana jedha: Hisqiyaas isin hin gowwoomsin. Inni isin baasuu hin dandaʼu!
왕의 말씀에 너희는 히스기야에게 미혹되지 말라 그가 능히 너희를 건지지 못할 것이니라
15 Hisqiyaas, ‘Waaqayyo dhugumaan nu baasa; magaalaan kunis dabarfamtee harka mooticha Asooritti hin kennamtu’ jechuudhaan akka isin Waaqayyoon amanattaniif isin hin sossobin.
히스기야가 너희로 여호와를 의뢰하게 하려는 것을 받지 말라 그가 말하기를 여호와께서 반드시 우리를 건지시리니 이 성이 앗수르 왕의 손에 붙임이 되지 아니하리라 할지라도
16 “Hisqiyaasin hin dhaggeeffatinaa. Mootiin Asoor akkana jedha: Ana wajjin nagaa buusaatii gara koo kottaa. Ergasii tokkoon tokkoon keessan muka wayiniitii fi muka harbuu keessan irraa ni nyaattu; boolla bishaan keessanii keessaas ni dhugdu;
히스기야를 청종치 말라 앗수르 왕이 또 말씀하시기를 너희는 내게 항복하고 내게로 나아오라 그리하면 너희가 각각 자기의 포도와 자기의 무화과를 먹을 것이며 각각 자기의 우물 물을 마실 것이요
17 kunis hamma ani dhufee gara biyya akkuma biyya keessanii jirtuu, gara biyya midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, biyya buddeenaa fi iddoo dhaabaa wayiniitti isin geessutti taʼa.
내가 와서 너희를 너희 본토와 같이 곡식과 포도주와 떡과 포도원이 있는 땅에 옮기기까지 하리라
18 “Hisqiyaas, ‘Waaqayyo nu baraara’ jedhee isin hin dogoggorsin; Waaqni saboota kamii iyyuu takkumaa harka mooticha Asoor keessaa biyya ofii baafatee beekaa?
혹시 히스기야가 너희에게 이르기를 여호와께서 우리를 건지시리라 할지라도 꾀임을 받지 말라 열국의 신들 중에 그 땅을 앗수르왕의 손에서 건진 자가 있느냐
19 Waaqonni Hamaatii fi waaqonni Arfaad eessa jiru? Waaqonni Seefarwaayim eessa jiru? Isaan harka koo keessaa Samaariyaa baasaniiruu?
하맛과 아르밧의 신들이 어디 있느냐 스발와임의 신들이 어디 있느냐 그들이 사마리아를 내 손에서 건졌느냐
20 Waaqota biyyoota kanneenii hunda keessaa kamtu biyyoota isaanii harka koo keessaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqayyo akkamiin harka koo keessaa Yerusaalemin baasuu dandaʼa ree?”
이 열방의 신들 중에 어떤 신이 그 나라를 내 손에서 건져내었기에 여호와가 능히 예루살렘을 내 손에서 건지겠느냐 하셨느니라
21 Namoonni garuu sababii mootichi, “Deebii hin kenninaafii” jedhee ajajeef inuma calʼisan malee deebii tokko iyyuu hin kennine.
그러나 그들이 잠잠하여 한 말도 대답지 아니하였으니 이는 왕이 그들에게 명하여 대답지 말라 하였음이었더라
22 Kana irratti Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan, uffata isaanii tatarsaasanii gara Hisqiyaas dhaqanii waan ajajaan waraanaa sun jedhe itti ni himan.
때에 힐기야의 아들 궁내대신 엘리아김과 서기관 셉나와 아삽의 아들 사관 요아가 그 옷을 찢고 히스기야에게 나아가서 랍사게의 말을 고하니라