< Isaayyaas 35 >

1 Gammoojjii fi lafti gogaan ni gammadu; lafti onaan ni ililcha; ni daraaras. Akka arfaasee,
荒野和不毛之地必要歡樂,沙漠必要欣喜,如花盛開,
2 baayʼinaan daraara; akka malee gammadees ililcha. Ulfinni Libaanoon, surraan Qarmeloosii fi Shaaroon ni kennamaaf; isaan ulfina Waaqayyoo, surraa Waaqa keenyaas ni argu.
盛開得有如百合,高興得歡樂歌唱;因為它們將獲得黎巴嫩的光華,加爾默耳和沙龍的美麗;它們將見到上主的榮耀,我們天主的光輝。
3 Harka dadhabe jajjabeessaa; jilba laafes cimsaa;
你們應加強痿弱的手,堅固顫動的膝,
4 warra garaan isaanii sodaatuun akkana jedhaa: “Jabaadhaa; hin sodaatinaa; Waaqni keessan ni dhufa; inni haaloo baasuuf dhufa; gatii malu qabatee isin oolchuuf ni dhufa.”
告訴心怯的人說:「鼓起勇氣來,不要畏懼!看,你們的天主,報復已到,天主的報酬已到,他要親自來拯救你們!」
5 Ergasii iji nama jaamaa ni banama; gurri nama duudaas ni dhagaʼa.
那時瞎子的眼睛要明朗,聾子的耳朵要開啟;
6 Gaafas namni naafti akkuma gadamsaa utaala; arrabni hidhamaanis gammachuudhaan faarfata. Bishaan gammoojjii keessaa, burqaanis gammoojjii keessaa cabsee baʼa.
那時瘸子必要跳躍如鹿,啞吧的舌頭必要歡呼,因為曠野裏將流出大水,沙漠中將湧出江河,
7 Lafti nama gubu haroo, lafti gogaan immoo burqaa bishaanii taʼa. Boolla duraan waangoonni keessa ciisan irratti marga, shambaqqoo fi dhallaadduutu biqila.
白熱的沙地將變為池沼,炕旱的地帶將變為水源,豺狼棲息的洞穴將生出蘆葦和菖蒲。
8 Karaan guddaan tokko achi ni jiraata; innis, Karaa Qulqullinaa jedhamee waamama; inni warra Karaa sana irra deemaniif taʼa. “Xuraaʼonni” isa irra hin deeman; gowwoonni achiinuu hin baʼan.
那裏將有一條大路,稱為「聖路,」不潔的人不得通行:這原是他百姓所走的路,愚蠢的人也不會迷路。
9 Leenci achitti hin argamu; yookaan bineensi hamaan achi irra hin baʼu; isaan achitti hin argaman. Garuu warra furaman qofatu achi irra deema;
那裏沒有獅子,猛獸也不上來,路上遇不到一隻野獸,獨有被贖出的人們行走。
10 warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu. Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.
上主所解救的人必要歸來,快樂地來到熙雍,永久的歡樂臨於他們頭上,他們將享盡快樂和歡喜,憂愁和悲哀必將遠遁。

< Isaayyaas 35 >