< Isaayyaas 34 >

1 Yaa saboota, isin as dhiʼaadhaatii dhaggeeffadhaa; yaa namoota, isinis qalbeeffadhaa! Lafti haa dhageessu; kan ishee keessa jiraatu hundis, addunyaa fi wanni ishee keessaa baʼu hundinuu haa dhagaʼan!
Ku zo kusa, ku al’ummai, ku kuwa saurara ku kasa kunne, ku mutane! Bari duniya ta ji, da kuma dukan abin da yake cikinta, duniya, da dukan abin da yake fitowa daga gare ta!
2 Waaqayyo saboota hundatti aareera; dheekkamsi isaa loltoota isaanii hunda irra buʼeera. Inni guutumaan guutuutti isaan barbadeessa; inni akka qalamaniif dabarsee isaan kenna.
Ubangiji yana fushi da dukan al’ummai; hasalarsa tana a kan mayaƙansu. Zai hallaka su tas, zai ba da su a karkashe.
3 Isaan keessaa warri duʼan alatti gad darbataman; reeffi isaanii ni ajaaʼa; tulluuwwan dhiiga isaaniitiin tortoru.
Za a jefar da waɗanda aka kashe gawawwakinsu za su yi wari; duwatsu za su jiƙu da jininsu.
4 Raayyaawwan samii hundinuu ni baqu; samiinis akkuma kitaaba maramaa ni marmarama; raayyaan urjiiwwanii hundinuu akkuma baala wayinii coollagee, akkuma harbuu muka harbuu irraa harcaʼuutti harcaʼu.
Za a tumɓuke dukan taurarin sammai za a kuma nannaɗe sararin sama kamar littafi; dukan rundunar sama za su fāffāɗi kamar ganyayen da suka yanƙwane daga kuringa, kamar’ya’yan ɓauren da suka bushe daga itacen ɓaure.
5 Goraadeen koo samii keessatti hamma quufutti dhugeera; kunoo inni Edoomitti muruuf, gara saba ani guutumaan guutuutti barbadeesseetti gad buʼeera.
Takobina ya sha zararsa a cikin sammai; duba, ya sauko cikin hukunci a kan Edom, mutanen da zan hallaka tas.
6 Goraadeen Waaqayyoo dhiiga keessa cuuphameera; inni coomaan, dhiiga xobbaallaawwan hoolaatii fi reʼootaatiin, moora kalee korbeeyyii hoolaatiin haguugameera. Waaqayyo Bozraa keessatti aarsaa, Edoom keessatti immoo qalma guddaa qopheesseeraatii.
Takobin Ubangiji ya jiƙu da jini, ya rufu da kitse, jinin raguna da na awaki, kitse daga ƙodar raguna. Gama Ubangiji ya yi hadayar Bozra da kuma babban kisa a Edom.
7 Gafarsi isaan wajjin, jiboonnis korommii gurguddaa wajjin dhumu. Lafti isaanii dhiigaan jiiti; biyyoon isaaniis moora quufa.
Babban bijimin jeji zai fāɗi tare da su, maruƙan bijimi da manyan bijimai. Ƙasarsu za tă cika da jini, ƙura kuma zai cika da kitse.
8 Waaqayyo guyyaa itti haaloo baʼu, waggaa itti waaʼee Xiyoon falmu qabaatii.
Gama Ubangiji yana da ranar ɗaukar fansa, shekarar ramuwa, don biya wa Sihiyona bukata.
9 Burqaawwan Edoom leeleetti, biyyoon ishees dinyii bobaʼutti geeddarama; lafti ishee immoo leelee bobaʼu taʼa!
Za a mai da rafuffukan Edom rami, ƙurarta za tă zama kibiritun farar wuta; ƙasarta za tă zama rami mai ƙuna!
10 Inni halkan yookaan guyyaa hin dhaamu; aarri isaas bara baraan ol baʼa. Lafti sun dhalootaa hamma dhalootaatti ontee hafti; namni tokko iyyuu deebiʼee ishee keessaan hin darbu.
Ba za a kashe ta ba dare da rana; hayaƙinta za tă yi ta tashi har abada. Daga tsara zuwa tsara za tă zama kango; babu wani da zai ƙara wucewa ta wurin.
11 Cululleen gammoojjiitii fi dhaddeen lafa sana ni fudhatu; urunguu fi arraagessi mana isaanii achitti ijaarratu. Waaqni Edoom irra, funyoo jeequmsaatii fi madaalii badiisaa ni diriirsa.
Mujiyar hamada da mujiya mai kuka za su mallake ta; babban mujiya da hankaka za su yi sheƙa a can. Allah zai miƙe a kan Edom magwajin bala’i da ma’aunin kango.
12 Gurguddoonni ishee waan mootummaa jedhamee waamamu achii hin qabaatan; ilmaan mootota ishee hundi ni badu.
Sarakunanta ba za su kasance da wani abin da ake kira masarauta ba, dukan sarakunanta za su ɓace.
13 Masaraa ishee qoraattii, daʼannoo ishee doobbii fi sokorruutu dhaala. Isheen boolla waangoo, iddoo urunguun jiraattu ni taati.
Ƙayayuwa za su mamaye fadodinta ƙayayyuwa da sarƙaƙƙiya za su cika kagaranta. Za tă zama mazaunin diloli da gida don mujiyoyi.
14 Uumamawwan gammoojjii waraabessa wajjin wal gaʼu; hafuuronni hamoo reʼee diidaa fakkaatan wal waamu; uumamawwan halkanii achi boqotan; ofii isaaniitiifis iddoo aara galfannaa argatu.
Halittun hamada za su sadu da kuraye, awakin jeji za su yi ta kiran juna; a can halittun dare su ma za su huta su kuma nemi wurin hutu wa kansu.
15 Urunguun achitti manʼee ijaarrattee hanqaaquu hanqaaqxi; cuucii yaaftees qoochoo jalatti kunuunfatti; allaattiinis dhirsaa fi niitii taatee achitti walitti qabamti.
Mujiya za tă yi sheƙa a can ta zuba ƙwai; za tă ƙyanƙyashe su, ta kuma kula da’ya’yanta a inuwar fikafikanta; a can kuma shirwa za su taru, kowa da abokinsa.
16 Kitaaba Waaqayyoo keessaa ilaalaatii kan akkana jedhu dubbifadhaa: Isaan kanneen keessaa tokko iyyuu hin dhabamu; tokkittiin iyyuu dhirsa ishee hin dhabdu. Afaan Waaqaa ajajeeraatii; Hafuurri isaas walitti isaan qaba.
Duba a cikin littafin Ubangiji ka kuma karanta. Babu wani a cikin waɗannan da ya ɓace, babu ko ɗaya da ba ta da abokiya. Gama bakinsa ne ya ba da umarni, Ruhunsa kuma zai tara su wuri ɗaya.
17 Isatu qooda isaanii hiraaf; harki isaa safartuudhaan isaaniif qooda. Isaan bara baraan qooda kana ni qabaatu; dhalootaa hamma dhalootaattis achi jiraatu.
Ya ba su rabonsu; hannunsa ya rarraba musu ta wurin awo. Za su mallake ta har abada su kuma zauna a can daga tsara zuwa tsara.

< Isaayyaas 34 >