< Isaayyaas 34 >

1 Yaa saboota, isin as dhiʼaadhaatii dhaggeeffadhaa; yaa namoota, isinis qalbeeffadhaa! Lafti haa dhageessu; kan ishee keessa jiraatu hundis, addunyaa fi wanni ishee keessaa baʼu hundinuu haa dhagaʼan!
Come near, O nations, to listen; pay attention, O peoples. Let the earth hear, and all that fills it, the world and all that springs from it.
2 Waaqayyo saboota hundatti aareera; dheekkamsi isaa loltoota isaanii hunda irra buʼeera. Inni guutumaan guutuutti isaan barbadeessa; inni akka qalamaniif dabarsee isaan kenna.
The LORD is angry with all the nations and furious with all their armies. He will devote them to destruction; He will give them over to slaughter.
3 Isaan keessaa warri duʼan alatti gad darbataman; reeffi isaanii ni ajaaʼa; tulluuwwan dhiiga isaaniitiin tortoru.
Their slain will be left unburied, and the stench of their corpses will rise; the mountains will flow with their blood.
4 Raayyaawwan samii hundinuu ni baqu; samiinis akkuma kitaaba maramaa ni marmarama; raayyaan urjiiwwanii hundinuu akkuma baala wayinii coollagee, akkuma harbuu muka harbuu irraa harcaʼuutti harcaʼu.
All the stars of heaven will be dissolved. The skies will be rolled up like a scroll, and all their stars will fall like withered leaves from the vine, like foliage from the fig tree.
5 Goraadeen koo samii keessatti hamma quufutti dhugeera; kunoo inni Edoomitti muruuf, gara saba ani guutumaan guutuutti barbadeesseetti gad buʼeera.
When My sword has drunk its fill in the heavens, then it will come down upon Edom, upon the people I have devoted to destruction.
6 Goraadeen Waaqayyoo dhiiga keessa cuuphameera; inni coomaan, dhiiga xobbaallaawwan hoolaatii fi reʼootaatiin, moora kalee korbeeyyii hoolaatiin haguugameera. Waaqayyo Bozraa keessatti aarsaa, Edoom keessatti immoo qalma guddaa qopheesseeraatii.
The sword of the LORD is bathed in blood. It drips with fat— with the blood of lambs and goats, with the fat of the kidneys of rams. For the LORD has a sacrifice in Bozrah, a great slaughter in the land of Edom.
7 Gafarsi isaan wajjin, jiboonnis korommii gurguddaa wajjin dhumu. Lafti isaanii dhiigaan jiiti; biyyoon isaaniis moora quufa.
And the wild oxen will fall with them, the young bulls with the strong ones. Their land will be drenched with blood, and their soil will be soaked with fat.
8 Waaqayyo guyyaa itti haaloo baʼu, waggaa itti waaʼee Xiyoon falmu qabaatii.
For the LORD has a day of vengeance, a year of recompense for the cause of Zion.
9 Burqaawwan Edoom leeleetti, biyyoon ishees dinyii bobaʼutti geeddarama; lafti ishee immoo leelee bobaʼu taʼa!
Edom’s streams will be turned to tar, and her soil to sulfur; her land will become a blazing pitch.
10 Inni halkan yookaan guyyaa hin dhaamu; aarri isaas bara baraan ol baʼa. Lafti sun dhalootaa hamma dhalootaatti ontee hafti; namni tokko iyyuu deebiʼee ishee keessaan hin darbu.
It will not be quenched—day or night. Its smoke will ascend forever. From generation to generation it will lie desolate; no one will ever again pass through it.
11 Cululleen gammoojjiitii fi dhaddeen lafa sana ni fudhatu; urunguu fi arraagessi mana isaanii achitti ijaarratu. Waaqni Edoom irra, funyoo jeequmsaatii fi madaalii badiisaa ni diriirsa.
The desert owl and screech owl will possess it, and the great owl and raven will dwell in it. The LORD will stretch out over Edom a measuring line of chaos and a plumb line of destruction.
12 Gurguddoonni ishee waan mootummaa jedhamee waamamu achii hin qabaatan; ilmaan mootota ishee hundi ni badu.
No nobles will be left to proclaim a king, and all her princes will come to nothing.
13 Masaraa ishee qoraattii, daʼannoo ishee doobbii fi sokorruutu dhaala. Isheen boolla waangoo, iddoo urunguun jiraattu ni taati.
Her towers will be overgrown with thorns, her fortresses with thistles and briers. She will become a haunt for jackals, an abode for ostriches.
14 Uumamawwan gammoojjii waraabessa wajjin wal gaʼu; hafuuronni hamoo reʼee diidaa fakkaatan wal waamu; uumamawwan halkanii achi boqotan; ofii isaaniitiifis iddoo aara galfannaa argatu.
The desert creatures will meet with hyenas, and one wild goat will call to another. There the night creature will settle and find her place of repose.
15 Urunguun achitti manʼee ijaarrattee hanqaaquu hanqaaqxi; cuucii yaaftees qoochoo jalatti kunuunfatti; allaattiinis dhirsaa fi niitii taatee achitti walitti qabamti.
There the owl will make her nest; she will lay and hatch her eggs and gather her brood under her shadow. Even there the birds of prey will gather, each with its mate.
16 Kitaaba Waaqayyoo keessaa ilaalaatii kan akkana jedhu dubbifadhaa: Isaan kanneen keessaa tokko iyyuu hin dhabamu; tokkittiin iyyuu dhirsa ishee hin dhabdu. Afaan Waaqaa ajajeeraatii; Hafuurri isaas walitti isaan qaba.
Search and read the scroll of the LORD: Not one of these will go missing, not one will lack her mate, because He has ordered it by His mouth, and He will gather them by His Spirit.
17 Isatu qooda isaanii hiraaf; harki isaa safartuudhaan isaaniif qooda. Isaan bara baraan qooda kana ni qabaatu; dhalootaa hamma dhalootaattis achi jiraatu.
He has allotted their portion; His hand has distributed it by measure. They will possess it forever; they will dwell in it from generation to generation.

< Isaayyaas 34 >