< Isaayyaas 33 >
1 Yaa barbadeessaa, ati kan hin barbadeeffamin siif wayyoo! Yaa gantuu, ati kan hin ganamin siif wayyoo! Ati yommuu barbadeessuu dhiiftutti ni barbadeeffamta; yommuu ganuu dhiiftuttis ni ganamta.
Ole wenu, waharibifu ambao hamjaharibiwa! Ole wao wasaliti ambao hamjaslitiwa! Pindi mtakapoacha uaribifu, nanyi mtaharibiwa. Pindi mtakapoacha usaliti, nayi mtasalitiwa.
2 Yaa Waaqayyo, nu maari; nu si eeggannaa. Ati ganama ganama jabina keenya, yeroo dhiphinaatti immoo fayyina keenya nuuf taʼi.
Yahwe, tuurumie sisi; tumekusubiri wewe; umekuwa mkono wetu kila asubuhi, na wokovu wetu katika kipindi cha mateso.
3 Sagalee kakawwee keetiitiin, namoonni baqatu; yeroo ati ol kaatutti, saboonni ni bittinnaaʼu.
Watu wamekimbia kwa kusikia sauti kubwa; uliponyanyuka, mataifa yametawanyika,
4 Yaa saboota, akkuma hawwaannisni walitti qabamu sana boojuun keessan walitti qabama; namoonnis akkuma tuuta hawwaannisaa irra uʼutaalu.
Mateka wako wamejikusanya kama mkasanyiko wa nzige; kama nzige warukavyo, watu wataruka juu yake.
5 Waaqayyo ol ol jedha; inni ol gubbaa jiraataatii; inni murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan Xiyoonin guuta.
Yahwe ameinuliwa. Anaishi mahali pa juu. Ataijaza Sayuni kwa haki na usawa.
6 Inni bara keetiif hundee amansiisaa, kuusaa fayyinaa, kan ogummaatii fi kan beekumsaa taʼa; Waaqayyoon sodaachuun furtuu badhaadhummaa kanaa ti.
Atakuwa imara katika kipidi chenu, wingi wa wokovu, busara, na maarifa; hofu ya Yahwe iko katika hazina yake.
7 Kunoo gootonni isaanii sagalee ol fudhatanii daandii irratti iyyu; ergamoonni nagaas hiqqifatanii booʼu.
Tazama, wujumbe wanalia mtaani; wanadiplomasia wanamatumaini ya amani kwa kulia kwa uchungu.
8 Karaawwan gurguddaan onaniiru; namni karaa irra deemu hin jiru. Walii galteen diigameera; dhuga baatonni ishee tuffatamaniiru; namni tokko iyyuu hin kabajamu.
Barabara kuu imeachwa faragha; hakuna wasafiri tena. Maagano yamevujika, mashahidi wanadharaulika, na utu wa mtu hauheshimiki.
9 Lafti ni boossi; ni barbadoofti; Libaanoon ni qaanofti; ni coollagdi; Shaaroon akka gammoojjii taati; Baashaanii fi Qarmeloos baala isaanii harcaafatu.
Nchi imeomboleza na kunyaukia mbali; Lebanoni inaibisha na kunyaukia mbali; Sharoni imekuwa kama jangwa wazi; Bashani na Kermeli zimepuputisha majani yake.
10 Waaqayyo akkana jedha; “Ani amma nan kaʼa; ani amma ol ol nan jedha; ani amma nan kabajama.
''Sasa nitanyanyuka, ''asema Yahwe; '' sasa nitanyanyuliwa juu; sasa nitainuliwa.
11 Isin habaqii ulfooftu; cidii deessu; hafuurri isin baafattan ibidda gubee isin fixuu dha.
Utashika mimba ya makapi na utazaa mabua; na punzi yako ni moto ambao utakuunguza wewe.
12 Namoonni akkuma nooraa gubamu; akkuma qoraattii cirameettis ibiddi itti qabsiifama.”
Watu watachomwa na kuwa kama chokaa, kama miiba ya porini inavyokatwa na kuchomwa.
13 Isin warri fagoo jirtan waan ani hojjedhe dhagaʼaa; warri dhiʼoo jirtanis humna koo beekaa!
Enyi mlio mbali sana, sikiliza nilicho kifanya; na enyi mlio karibu, kirini ukuu wangu.''
14 Cubbamoonni Xiyoon keessaa ni sodaatu; warri Waaqatti hin bulles hollachaa, “Nu keessaa eenyutu ibidda waa balleessu wajjin jiraachuu dandaʼa? Nu keessaa eenyutu ibidda bara baraan hin dhaamne wajjin jiraachuu dandaʼa?” jedhu.
Watenda zambi wa Sayuni wanogopa; tetemeko limewakuta wasio na Mungu. Ni nani miongoni mwetu anayeweza kukaa kwenye moto mkali? Na ni nani miongoni mwetu anayeweza kukaa kwenye moto wa milele?
15 Namni qajeelummaan jiraatee dhugaa dubbatu, kan faayidaa karaa dabaatiin argamu lagatee harka isaa mattaʼaa fudhachuu irraa eeggatu, namni marii nama ajjeesuu irraa gurra isaa cuqqaallatee jalʼina ilaaluu irraa ija isaa dunuunfatu,
Nyie mnaotembe katika haki na kuongea kw uaminifu; yeye anayedharau mapato ya ukandamizaji, yeye anayekataa kuchuka rushwa, ambaye hausiki kwenye kupanga vurugu za kihalifu, na ambaye haangali maovu-
16 iddoo ol kaʼaa irra jiraata; daʼannoon isaas kattaa jabaa taʼa. Buddeenni isaaf ni kennama; bishaanis isatti hin hirʼatu.
Ataiweka nyumba yake juu; sehemu yake ya ulinzi itakuwa ni ngome ya mwamba; chakula na maji yake hayataisha.
17 Iji kee mooticha miidhagummaa isaatiin arga; biyya fagoo jirtu illee ni ilaala.
Macho yako yatamuona mfalme katika uzuri wake; watatazama nchi kubwa.
18 Atis akkana jettee garaa keetti raafama durii sana yaadda: “Ajajaan ol aanaan sun eessa jira? Namichi gibira fuudhu sun eessa jira? Ajajaan itti gaafatamaan gamoowwanii eessa jira?”
Moyo wako utakumbuka hofu; yuko wapi mwandishi, yuko wapi yule aliayepima pesa? na yuko wapi yeye aesabue minara?
19 Ati siʼachi saba hamaa, kan haasaan isaa namaaf hin galle, kan afaan isaa haaraa taʼee fi hin hubatamne hin argitu.
Hautawaona watu wanaopinga, watu weye lugha ya ajabu ambayo hautaweza kuielewa.
20 Xiyoon, magaalaa ayyaana keenyaa hubadhuu ilaali; iji kee Yerusaalemin, iddoo jireenyaa nagaa qabu, dunkaana hin buqqifamne arga; qofoon ishee hin buqqifamu; yookaan funyoon ishee tokko iyyuu hin citu.
Itazame Sayuni, mji wa sikukuu yetu; macho yako yataiona Yerusalemu kama makao tulivu, hema ambalo halitatolewa, vigingi vyake havitatolewa wala kamba zake hazitakatika.
21 Waaqayyo achitti Humna keenya taʼa. Iddoon sunis akkuma lageen gurguddaatii fi burqaawwanii taʼa. Dooniin waraanaa kan batoodhaan oofamu tokko iyyuu isaan irra hin deemu; dooniin jabaan tokko iyyuu isaan irra hin qaxxaamuru.
Badala yake Yahwe katika ukuu wake atakuwa pamoja na sisi, katika eneo la maji mengi na mifereji mingi. Hakuna manuari na mpiga makasia watakayepita hapo, na hakuna mashua itakayopita uko.
22 Waaqayyo abbaa murtii keenyaatii; Waaqayyo seera nuuf kenna; Waaqayyo mootii keenya; inni nu fayyisa.
Maana Yahwe ni hakimu wetu, Yahwe ni mwanasheria wet, Yahwe ni mfalme wetu; atatukomboa sisi.
23 Funyoon kee laafeera; utubaan isaa jabaatee hin dhaabamne; sharaanis hin diriirfamne. Ergasii boojuun baayʼeen ni qoodama; okkolaan iyyuu boojuu ni fudhata.
Kamba zako zimelegea; haziwezi kushika mlingoti katika eneo lake; haziwezi kuzunguka meli; pindi mateka wanavyogawanyika, hata vilema watawatoa nje kama mateka.
24 Namni Xiyoon keessa jiraatu kam iyyuu, “Na dhukkuba” hin jedhu; cubbuun warra achi jiraatanis ni dhiifamaaf.
Na wenyeji watasema, ''Ninaumwa;'' watu wanaoishi pale watasamehewa maovu yao.