< Isaayyaas 33 >

1 Yaa barbadeessaa, ati kan hin barbadeeffamin siif wayyoo! Yaa gantuu, ati kan hin ganamin siif wayyoo! Ati yommuu barbadeessuu dhiiftutti ni barbadeeffamta; yommuu ganuu dhiiftuttis ni ganamta.
הוי שודד ואתה לא שדוד ובוגד ולא בגדו בו כהתמך שודד תושד כנלתך לבגד יבגדו בך׃
2 Yaa Waaqayyo, nu maari; nu si eeggannaa. Ati ganama ganama jabina keenya, yeroo dhiphinaatti immoo fayyina keenya nuuf taʼi.
יהוה חננו לך קוינו היה זרעם לבקרים אף ישועתנו בעת צרה׃
3 Sagalee kakawwee keetiitiin, namoonni baqatu; yeroo ati ol kaatutti, saboonni ni bittinnaaʼu.
מקול המון נדדו עמים מרוממתך נפצו גוים׃
4 Yaa saboota, akkuma hawwaannisni walitti qabamu sana boojuun keessan walitti qabama; namoonnis akkuma tuuta hawwaannisaa irra uʼutaalu.
ואסף שללכם אסף החסיל כמשק גבים שוקק בו׃
5 Waaqayyo ol ol jedha; inni ol gubbaa jiraataatii; inni murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan Xiyoonin guuta.
נשגב יהוה כי שכן מרום מלא ציון משפט וצדקה׃
6 Inni bara keetiif hundee amansiisaa, kuusaa fayyinaa, kan ogummaatii fi kan beekumsaa taʼa; Waaqayyoon sodaachuun furtuu badhaadhummaa kanaa ti.
והיה אמונת עתיך חסן ישועת חכמת ודעת יראת יהוה היא אוצרו׃
7 Kunoo gootonni isaanii sagalee ol fudhatanii daandii irratti iyyu; ergamoonni nagaas hiqqifatanii booʼu.
הן אראלם צעקו חצה מלאכי שלום מר יבכיון׃
8 Karaawwan gurguddaan onaniiru; namni karaa irra deemu hin jiru. Walii galteen diigameera; dhuga baatonni ishee tuffatamaniiru; namni tokko iyyuu hin kabajamu.
נשמו מסלות שבת עבר ארח הפר ברית מאס ערים לא חשב אנוש׃
9 Lafti ni boossi; ni barbadoofti; Libaanoon ni qaanofti; ni coollagdi; Shaaroon akka gammoojjii taati; Baashaanii fi Qarmeloos baala isaanii harcaafatu.
אבל אמללה ארץ החפיר לבנון קמל היה השרון כערבה ונער בשן וכרמל׃
10 Waaqayyo akkana jedha; “Ani amma nan kaʼa; ani amma ol ol nan jedha; ani amma nan kabajama.
עתה אקום יאמר יהוה עתה ארומם עתה אנשא׃
11 Isin habaqii ulfooftu; cidii deessu; hafuurri isin baafattan ibidda gubee isin fixuu dha.
תהרו חשש תלדו קש רוחכם אש תאכלכם׃
12 Namoonni akkuma nooraa gubamu; akkuma qoraattii cirameettis ibiddi itti qabsiifama.”
והיו עמים משרפות שיד קוצים כסוחים באש יצתו׃
13 Isin warri fagoo jirtan waan ani hojjedhe dhagaʼaa; warri dhiʼoo jirtanis humna koo beekaa!
שמעו רחוקים אשר עשיתי ודעו קרובים גברתי׃
14 Cubbamoonni Xiyoon keessaa ni sodaatu; warri Waaqatti hin bulles hollachaa, “Nu keessaa eenyutu ibidda waa balleessu wajjin jiraachuu dandaʼa? Nu keessaa eenyutu ibidda bara baraan hin dhaamne wajjin jiraachuu dandaʼa?” jedhu.
פחדו בציון חטאים אחזה רעדה חנפים מי יגור לנו אש אוכלה מי יגור לנו מוקדי עולם׃
15 Namni qajeelummaan jiraatee dhugaa dubbatu, kan faayidaa karaa dabaatiin argamu lagatee harka isaa mattaʼaa fudhachuu irraa eeggatu, namni marii nama ajjeesuu irraa gurra isaa cuqqaallatee jalʼina ilaaluu irraa ija isaa dunuunfatu,
הלך צדקות ודבר מישרים מאס בבצע מעשקות נער כפיו מתמך בשחד אטם אזנו משמע דמים ועצם עיניו מראות ברע׃
16 iddoo ol kaʼaa irra jiraata; daʼannoon isaas kattaa jabaa taʼa. Buddeenni isaaf ni kennama; bishaanis isatti hin hirʼatu.
הוא מרומים ישכן מצדות סלעים משגבו לחמו נתן מימיו נאמנים׃
17 Iji kee mooticha miidhagummaa isaatiin arga; biyya fagoo jirtu illee ni ilaala.
מלך ביפיו תחזינה עיניך תראינה ארץ מרחקים׃
18 Atis akkana jettee garaa keetti raafama durii sana yaadda: “Ajajaan ol aanaan sun eessa jira? Namichi gibira fuudhu sun eessa jira? Ajajaan itti gaafatamaan gamoowwanii eessa jira?”
לבך יהגה אימה איה ספר איה שקל איה ספר את המגדלים׃
19 Ati siʼachi saba hamaa, kan haasaan isaa namaaf hin galle, kan afaan isaa haaraa taʼee fi hin hubatamne hin argitu.
את עם נועז לא תראה עם עמקי שפה משמוע נלעג לשון אין בינה׃
20 Xiyoon, magaalaa ayyaana keenyaa hubadhuu ilaali; iji kee Yerusaalemin, iddoo jireenyaa nagaa qabu, dunkaana hin buqqifamne arga; qofoon ishee hin buqqifamu; yookaan funyoon ishee tokko iyyuu hin citu.
חזה ציון קרית מועדנו עיניך תראינה ירושלם נוה שאנן אהל בל יצען בל יסע יתדתיו לנצח וכל חבליו בל ינתקו׃
21 Waaqayyo achitti Humna keenya taʼa. Iddoon sunis akkuma lageen gurguddaatii fi burqaawwanii taʼa. Dooniin waraanaa kan batoodhaan oofamu tokko iyyuu isaan irra hin deemu; dooniin jabaan tokko iyyuu isaan irra hin qaxxaamuru.
כי אם שם אדיר יהוה לנו מקום נהרים יארים רחבי ידים בל תלך בו אני שיט וצי אדיר לא יעברנו׃
22 Waaqayyo abbaa murtii keenyaatii; Waaqayyo seera nuuf kenna; Waaqayyo mootii keenya; inni nu fayyisa.
כי יהוה שפטנו יהוה מחקקנו יהוה מלכנו הוא יושיענו׃
23 Funyoon kee laafeera; utubaan isaa jabaatee hin dhaabamne; sharaanis hin diriirfamne. Ergasii boojuun baayʼeen ni qoodama; okkolaan iyyuu boojuu ni fudhata.
נטשו חבליך בל יחזקו כן תרנם בל פרשו נס אז חלק עד שלל מרבה פסחים בזזו בז׃
24 Namni Xiyoon keessa jiraatu kam iyyuu, “Na dhukkuba” hin jedhu; cubbuun warra achi jiraatanis ni dhiifamaaf.
ובל יאמר שכן חליתי העם הישב בה נשא עון׃

< Isaayyaas 33 >