< Isaayyaas 32 >

1 Kunoo mootiin qajeelummaadhaan moʼa; bulchitoonnis murtii qajeelaadhaan bulchu.
הן לצדק ימלך מלך ולשרים למשפט ישרו
2 Tokkoon tokkoon namaa akkuma daʼannoo bubbee jalaa itti daʼatanii, akkuma iddoo itti jabaa jalaa baqataniitti, akkuma bishaan gammoojjii keessa yaaʼuutii fi akkuma gaaddisa kattaa guddaa kan lafa gogaa keessaa ni taʼa.
והיה איש כמחבא רוח וסתר זרם כפלגי מים בציון כצל סלע כבד בארץ עיפה
3 Ergasiis iji warra waa arguu hin dunuunfatu; gurri warra waa dhagaʼuus ni dhaggeeffata.
ולא תשעינה עיני ראים ואזני שמעים תקשבנה
4 Qalbiin nama jarjaru tokkoo ni beeka; ni hubata; arrabni giingees qajeelchee qulqulleessee dubbata.
ולבב נמהרים יבין לדעת ולשון עלגים תמהר לדבר צחות
5 Siʼachi gowwaan ulfina qabeessa hin jedhamu; addaggeenis baayʼee hin kabajamu.
לא יקרא עוד לנבל נדיב ולכילי לא יאמר שוע
6 Gowwaan sababii gowwummaa dubbatuuf qalbiin isaa hammina hojjeta; inni waan Waaqni hin jaallanne hojjeta; waaʼee Waaqayyoos dogoggora odeessa; inni nama beelaʼe beela hin baasu; nama dheebote illee bishaan dhowwata.
כי נבל נבלה ידבר ולבו יעשה און--לעשות חנף ולדבר אל יהוה תועה להריק נפש רעב ומשקה צמא יחסיר
7 Malli addaggee hammina; inni utuma iyyanni rakkattootaa qajeelaa taʼee jiruu sobumaan hiyyeeyyii balleessuuf jedhee jalʼina yaada.
וכלי כליו רעים הוא זמות יעץ לחבל ענוים (עניים) באמרי שקר ובדבר אביון משפט
8 Namni ulfina qabeessi garuu karoora ulfaataa baasa; hojii ulfina qabeessa sanattis ni jabaata.
ונדיב נדיבות יעץ והוא על נדיבות יקום
9 Yaa dubartoota akka malee boontan kaʼaatii na dhaggeeffadhaa; yaa intallan waan nagaa qabdan of seetan waan ani jedhu dhagaʼaa!
נשים שאננות--קמנה שמענה קולי בנות בטחות--האזנה אמרתי
10 Isin warri waan nagaa qabdan of seetan erga waggaan tokko xinnuma darbee booddee ni hollattu; wayiniin ija hin kennu; yeroon itti iji walitti qabamus hin dhufu.
ימים על שנה תרגזנה בטחות כי כלה בציר אסף בלי יבוא
11 Yaa dubartoota boontuuwwan isin holladhaa; intallan waan nagaa qabdan of seetanis raafamaa! Uffata keessan of irraa baasaatii wayyaa gaddaa mudhii keessanitti hidhadhaa.
חרדו שאננות רגזה בטחות פשטה וערה וחגורה על חלצים
12 Lafa qotiisaa gaariif, muka wayinii ija naqatuufis laphee keessan dhaʼaa;
על שדים ספדים על שדי חמד על גפן פריה
13 lafa uummata koo kan qoraattii fi sokorruun irratti guddatuuf laphee keessan dhaʼaa; dhugumaan manneen gammachuu hundaa fi magaalaa fandalaltuu kanaaf booʼaa.
על אדמת עמי קוץ שמיר תעלה כי על כל בתי משוש קריה עליזה
14 Daʼannoon ni ona; magaalaan namni keessa guutes duwwaa hafti; magaalaan jabduunii fi qooxiin eegumsaa bara baraan ni onu; iddoo harreen diidaa keessa burraaqxuu fi iddoo bushaayeen itti bobbaʼan taʼu;
כי ארמון נטש המון עיר עזב עפל ובחן היה בעד מערות עד עולם--משוש פראים מרעה עדרים
15 kunis hamma Hafuurri Qulqulluun gubbaadhaa nurratti dhangalaafamuu fi hamma gammoojjiin lafa qotiisaa gabbataa taʼee lafti qotiisaa gabbataan immoo bosona fakkaatutti taʼa.
עד יערה עלינו רוח ממרום והיה מדבר לכרמל וכרמל (והכרמל) ליער יחשב
16 Murtii qajeelaan gammoojjii keessa jiraata; qajeelummaan immoo lafa qotiisaa gabbataa keessa jiraata.
ושכן במדבר משפט וצדקה בכרמל תשב
17 Buʼaan qajeelummaa nagaa dha; faayidaan qajeelummaa immoo utuu hin birʼatin tasgabbiin bara baraan jiraachuu dha.
והיה מעשה הצדקה שלום ועבדת הצדקה--השקט ובטח עד עולם
18 Sabni koo iddoo jireenyaa nagaa qabu, manneen bultii sodaa hin qabne iddoo boqonnaa jeequmsi hin jirre keessa jiraata.
וישב עמי בנוה שלום ובמשכנות מבטחים ובמנוחת שאננות
19 Yommuu cabbiin bosona irratti buʼu, magaalattiin guutumaan guutuutti gad deebiti;
וברד ברדת היער ובשפלה תשפל העיר
20 isin warri qarqara laga hundaatti sanyii facaafattanii loon keessanii fi harroota keessan nagaan bobbaafattan akkam eebbifamoo dha.
אשריכם זרעי על כל מים משלחי רגל השור והחמור

< Isaayyaas 32 >