< Isaayyaas 31 >
1 Warra gargaarsa barbaacha gara Gibxitti gad buʼaniif, warra fardeen abdataniif warra gaariiwwan isaaniitii fi jabina abbootii fardeen isaanii amanatanii garuu gara Qulqullicha Israaʼel hin ilaalle yookaan gargaarsa Waaqayyoo hin barbaanneef wayyoo.
Ole wao washukao Misri kuomba msaada na kutegemea farasi, kuweka imani katika magari (maana wako wengi) na ( maana faras haziesabiki). Lakini hawausiani na Mtakatifu wa Israeli, wala hawamtafuti Yahwe!
2 Taʼus inni ogeessa; balaas fiduu dandaʼa; inni waan jedhe irraa duubatti hin deebiʼu. Inni mana hamootaatti, warra namoota hammina hojjetan gargaaraniitti ni kaʼa.
Lakini ni mwenye busara, na ataleta maafa na atakanusha maneno yake. Na atakuja juu ya nyumba zitendazo maovu, na dhidi ya wale wanaowasaidia kuteda dhambi.
3 Warri Gibxi namootuma malee Waaqa miti; fardeen isaaniis foonuma malee hafuura miti. Yeroo Waaqayyo harka isaa diriirfatutti, inni gargaaru ni gufata; inni gargaaramus ni kufa; isaan lachuu walii wajjin badu.
Misri ni mtu na sio Mungu, ni farasi wa mwili na sio wa roho. Yahwe atakapota nje kwa mkono wake, wote waliowasaidia watakuwa na mashaka, na yeyote atakayesidia atanguka; wote kwa pamoja watatoweka.
4 Waaqayyo akkana naan jedha: “Akkuma leenci, leenci guddaan tokko waan qabate irratti aadu sana, tuunni tiksootaa guutuun isatti wal waammatan iyyuu, inni iyya isaanii hin sodaatu; yookaan waca isaaniitiin hin raafamu; akkasuma Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Tulluu Xiyoon irratti waraana banuuf gad buʼa.
Hivi ndivyo Yahwe alivyosema na mimi, '' kama simba, na hata mtoto wa simba, hunguruma juu ya mawindo yake, pale makundi ya wachungaji yanapoita dhidi yake, lakini hatatemeka kwa sauti zao, wala hatakwenda kwa sababu ya kelele zao, hivyo Yahwe wa majeshi atashuka kupigana kwenye mlima Sayuni, katika kilima hicho.
5 Akkuma simbirroon mataa namaa irra naannoftu sana Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Yerusaalemiif gaachana taʼa; inni gaachana taʼeefii ishee baraara; ishee bira darba; ishee oolchas.”
Kama ndege apaavyo, hivyo Yahwe wa majeshi atailinda Yerusalemu; atailinda na kuiokoa kama apitavyo juu na kuilinda.
6 Yaa saba Israaʼel, gara Isa akka malee itti finciltan sanaatti deebiʼaa.
Mrudieni yeye kutoka huyo mliyemgeukia, watu wa Israeli.
7 Bara sana tokkoon tokkoon keessan waaqota tolfamoo harki keessan cubbamaan sun meetii fi warqee irraa hojjetee ture sana ni gattuutii.
Maana katika siku hiyo kila mmoja ataondoa miungu ya fedha na miungu ya dhahabu iliyotegenezwa kwa mikono yenu yenye dhambi.
8 “Asoor goraadee kan namaa hin taʼiniin kufti; goraadeen nama duʼa hin oollees isaan fixa. Isaan goraadee duraa baqatu; dargaggoonni isaaniis dirqamaan hojii humnaa hojjetu.
Asiria atangamizwa kwa upanga; na upanga usioshikiwa na mtu utumaliza yeye. Ataukimbia upanga, na vijana wake wadogo watafanyishwa kazi ngumu.
9 Daʼoon isaanii sababii sodaatiif ni jiga; ajajjoonni isaaniis faajjii waraanaa arganii hollatu” jedha Waaqayyo, inni ibiddi isaa Xiyoon keessa, kan boolli ibidda isaa immoo Yerusaalem keessa jiru sun.
Na watashindwa kujiani kwa sababu ya hofu, na mkuu wao ataogopa mbele ya bendera ya jeshi la Yahwe.''- Hili ni tamko la Yahwe, ambao moto uko Sayuni na ambayo sufuria ya moto iko Yerusalemu.