< Isaayyaas 31 >
1 Warra gargaarsa barbaacha gara Gibxitti gad buʼaniif, warra fardeen abdataniif warra gaariiwwan isaaniitii fi jabina abbootii fardeen isaanii amanatanii garuu gara Qulqullicha Israaʼel hin ilaalle yookaan gargaarsa Waaqayyoo hin barbaanneef wayyoo.
[Væ qui descendunt in Ægyptum ad auxilium, in equis sperantes, et habentes fiduciam super quadrigis, quia multæ sunt; et super equitibus, quia prævalidi nimis; et non sunt confisi super Sanctum Israël, et Dominum non requisierunt!
2 Taʼus inni ogeessa; balaas fiduu dandaʼa; inni waan jedhe irraa duubatti hin deebiʼu. Inni mana hamootaatti, warra namoota hammina hojjetan gargaaraniitti ni kaʼa.
Ipse autem sapiens adduxit malum, et verba sua non abstulit; et consurget contra domum pessimorum, et contra auxilium operantium iniquitatem.
3 Warri Gibxi namootuma malee Waaqa miti; fardeen isaaniis foonuma malee hafuura miti. Yeroo Waaqayyo harka isaa diriirfatutti, inni gargaaru ni gufata; inni gargaaramus ni kufa; isaan lachuu walii wajjin badu.
Ægyptus homo, et non deus; et equi eorum caro, et non spiritus; et Dominus inclinabit manum suam, et corruet auxiliator, et cadet cui præstatur auxilium, simulque omnes consumentur.
4 Waaqayyo akkana naan jedha: “Akkuma leenci, leenci guddaan tokko waan qabate irratti aadu sana, tuunni tiksootaa guutuun isatti wal waammatan iyyuu, inni iyya isaanii hin sodaatu; yookaan waca isaaniitiin hin raafamu; akkasuma Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Tulluu Xiyoon irratti waraana banuuf gad buʼa.
Quia hæc dicit Dominus ad me: Quomodo si rugiat leo et catulus leonis super prædam suam; et cum occurrerit ei multitudo pastorum, a voce eorum non formidabit, et a multitudine eorum non pavebit: sic descendet Dominus exercituum ut prælietur super montem Sion et super collem ejus.
5 Akkuma simbirroon mataa namaa irra naannoftu sana Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Yerusaalemiif gaachana taʼa; inni gaachana taʼeefii ishee baraara; ishee bira darba; ishee oolchas.”
Sicut aves volantes, sic proteget Dominus exercituum Jerusalem, protegens et liberans, transiens et salvans.
6 Yaa saba Israaʼel, gara Isa akka malee itti finciltan sanaatti deebiʼaa.
Convertimini, sicut in profundum recesseratis, filii Israël.
7 Bara sana tokkoon tokkoon keessan waaqota tolfamoo harki keessan cubbamaan sun meetii fi warqee irraa hojjetee ture sana ni gattuutii.
In die enim illa abjiciet vir idola argenti sui, et idola auri sui, quæ fecerunt vobis manus vestræ in peccatum.
8 “Asoor goraadee kan namaa hin taʼiniin kufti; goraadeen nama duʼa hin oollees isaan fixa. Isaan goraadee duraa baqatu; dargaggoonni isaaniis dirqamaan hojii humnaa hojjetu.
Et cadet Assur in gladio non viri, et gladius non hominis vorabit eum: et fugiet non a facie gladii, et juvenes ejus vectigales erunt.
9 Daʼoon isaanii sababii sodaatiif ni jiga; ajajjoonni isaaniis faajjii waraanaa arganii hollatu” jedha Waaqayyo, inni ibiddi isaa Xiyoon keessa, kan boolli ibidda isaa immoo Yerusaalem keessa jiru sun.
Et fortitudo ejus a terrore transibit, et pavebunt fugientes principes ejus, dixit Dominus: cujus ignis est in Sion et caminus ejus in Jerusalem.]