< Isaayyaas 30 >

1 Waaqayyo akkana jedha: “Ijoollee fincilan, kanneen karoora karoora koo hin taʼin duukaa buʼan, kanneen fedhii kootiin alatti walii galtee uuman, kanneen cubbuu irratti cubbuu dabalaniif wayyoo;
Woe to the rebellious children, saith Jehovah, Who form plans, and not from me, And make covenants without my spirit, That they may add sin to sin!
2 kanneen utuu anaan hin mariʼatin Gibxitti gad buʼan, kanneen gaaddisa Gibxi daʼoof, eegumsa Faraʼoon immoo gargaarsaaf abdataniif wayyoo.
Who go down into Egypt, Without inquiring at my mouth, To seek refuge in Pharaoh's protection, And to trust in the shadow of Egypt!
3 Eegumsi Faraʼoon garuu qaanii isinitti taʼa; gaaddisni Gibxis salphina isinitti fida.
The protection of Pharaoh shall be your shame; Your trust in the shadow of Egypt your confusion.
4 Isaan yoo Zooʼaan keessatti qondaaltota qabaatan iyyuu, yoo ergamoonni isaaniis Haanees gaʼan iyyuu,
For their princes are at Zoan, Their ambassadors have arrived at Hanes.
5 tokkoon tokkoon isaanii sababii uummata isaan hin fayyadne kanneen qaanii fi salphina malee gargaarsa yookaan buʼaa hin kennine sanaatiif ni qaaneffamu.”
But they are all ashamed of a people that do not profit them; That are no help and no profit, But only a shame and a reproach.
6 Raajii waaʼee bineensota Negeeb dubbatame: Ergamoonni qabeenya isaanii harreetti, meeshaa isaanii gaalatti feʼatanii biyya leenci kormii fi leenci dhalaan, bofti summii qabuu fi bofti darbatamu jiraatan, lafa rakkinaa fi dhiphinaan guute keessa baʼanii gara biyya homaa hin fayyadnee
The loaded beasts go southward. Through a land of anguish and distress, Whence come forth the lioness, and the fierce lion, The viper, and the flying fiery serpent; On the shoulders of young asses they carry their wealth, And on the bunches of camels their treasures, To a people that will not profit them!
7 gara Gibxi kan gargaarsi ishee gonkumaa buʼaa hin qabne sanaa dhaqu. Kanaafuu ani, “Raʼaab, kan homaa hin fayyadne” jedhee ishee nan waama.
Vain and empty is the help of Egypt; Wherefore I call her, The Blusterer that sitteth still.
8 Amma dhaqiitii gabatee irratti barreessiif; kitaaba maramaa irratti katabiif; kunis akka baroota dhufuuf jiran keessa dhuga baʼumsa bara baraa taʼuuf.
Go now, write this on a tablet before them; Note it down upon a book, That it may remain for future times, A testimony forever!
9 Jarri kunneen uummata fincilaa, ijoollee sobduu dha; ijoollee seera Waaqayyoo dhagaʼuuf fedhii hin qabnee dha.
For this is a rebellious people, false children; Children who will not hear the law of Jehovah;
10 Isaan mulʼata argitootaan, “Siʼachi mulʼata tokko illee hin arginaa!” jedhu; raajotaanis akkana jedhu; “Isin siʼachi mulʼata qajeelaa taʼe nutti hin himinaa! Waan nama gammachiisu nutti himaa; gowwoomsaa nuuf raajaa.
Who say to the seers, “See not!” And to the prophets, “Prophesy not right things; Speak to us smooth things, Prophesy falsehood!
11 Karaa kana gad dhiisaa; daandii kana irraa jalʼadhaa; Qulqullicha Israaʼel fuula keenya duraa dhabamsiisaa!” jedhu.
Turn aside from the way, Depart from the path, Remove from our sight the Holy One of Israel!”
12 Kanaafuu Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Sababii isin ergaa kana diddanii nama hacuucuu abdattanii gowwoomsaatti irkattaniif,
Wherefore thus saith the Holy One of Israel: Since ye despise this word, And trust in oppression and perverseness, And lean thereon,
13 cubbuun kun, akkuma dallaa ol dheeraa dhagaan ijaarame kan baqaqee bosose kan utuu hin beekamin tasa jiguu isinitti taʼa.
Therefore shall this iniquity be to you Like a breach ready to give way, That swelleth out in a high wall, Whose fall cometh suddenly, in an instant.
14 Dallaan sun akkuma miʼa supheetti, hamma wanni ittiin cilee bobaʼu iddoo ibiddaatii fuudhan iyyuu hin hafnetti yookaan hamma wanni ittiin boolla bishaanii keessaa bishaan budduuqsan hin hafnetti akka malee caccabee burkutaaʼa.”
It is broken like a potter's vessel, Which is dashed in pieces and not spared, So that among its fragments not a sherd is found to take up fire from the hearth, Or to dip water from the cistern.
15 Waaqayyo Gooftaan, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Deebiʼuu fi boqochuudhaan ni fayyitu; tasgabbaaʼuu fi abdachuudhaan ni jabaattu; isin garuu kana hin goone.
For thus said the Lord Jehovah, the Holy One of Israel: By a return and by rest shall ye be saved; In quietness and confidence is your strength;
16 Isinis, ‘Lakki, nu fardeeniin ni baqanna’ jettu. Kanaafuu isin ni baqattu! Isin, ‘Nu fardeen ariifatanii fiiganiin ni gulufna’ jettu. Kanaafuu warri isin gugsan ni saffisu!
But ye would not. Ye said, “No! we will bound along upon horses”; Truly ye shall bound along in flight. “We will ride upon swift coursers”; But they shall be swift that pursue you.
17 Doorsisa nama tokkootiin, kumatu baqata; doorsisa nama shaniitiin immoo, isin hamma akkuma muka alaabaa fiixee tulluu irra jiruu, akkuma faajjii gaara irra jiruu taatanii haftanitti hundi keessan ni baqattu.”
A thousand shall flee at the rebuke of one, And ten thousand at the rebuke of five, Till what remains of you shall be as a beacon on the top of a mountain, As a banner upon a hill.
18 Taʼus Waaqayyo isiniif arjoomuu barbaada; isiniif naʼuufis ni kaʼa: Waaqayyo Waaqa murtii qajeelaa ti. Warri isa eeggatan hundi eebbifamoo dha.
And yet will Jehovah wait to be gracious to you, And yet will he arise to have mercy upon you; For Jehovah is a righteous God; Happy are all they who wait for him!
19 Yaa saba Xiyoon, warri Yerusaalem keessa jiraattan, isin siʼachi hin boossan. Yeroo isin gargaarsa barbaachaaf gara isaatti iyyattanitti inni dhugumaan isiniif arjooma! Akkuma dhagaʼeenis deebii isiniif kenna.
For, O people of Zion, that dwellest in Jerusalem, Thou shalt not always weep! He will be very gracious to thee at the voice of thy cry; No sooner shall he hear it, than he will answer thee.
20 Gooftaan buddeena rakkinaatii fi bishaan dhiphinaa siif kennu illee barsiisaan kee siʼachi hin dhokatu; ati ijuma keetiin isa argita.
Though Jehovah hath given thee the bread of distress, and the water of affliction, Yet shall thy teachers be hidden from thee no more; But thine eyes shall see thy teachers.
21 Ati yeroo gara mirgaatti yookaan gara bitaatti gortutti, dugda kee duubaan sagalee, “Karaan kana; isa irra deemi” jedhu tokko gurri kee ni dhagaʼa.
And thine ears shall hear a voice behind thee, Saying, “This is the way, walk ye in it!” When ye turn aside to the right hand, or to the left.
22 Ati ergasii waaqota kee tolfamoo kanneen meetiin irra dibamee fi fakkiiwwan kee kanneen warqeen itti uffifame sana ni xureessita; akkuma huccuu xuraaʼummaas of irraa isaan darbattee, “Asii badaa!” jettaan.
Ye shall treat as defiled the silver coverings of your graven images, And the golden clothing of your molten images, Ye shall cast them away as an unclean thing; Away! shall ye say to them.
23 Inni sanyii ati lafatti facaafattuuf bokkaa siif kenna; midhaan lafti baaftus kan misee fi kan akka malee baayʼate taʼa. Bara sana keessa loon kee lafa dheedaa balʼaa irratti bobbaʼu.
Then will he give rain for thy seed, With which thou shalt sow the ground, And the bread-corn, the produce of the land, shall be rich and nourishing; Then shall thy cattle feed in large pastures.
24 Qotiyyoo fi harreen qotiisaa okaa filatamaa qorbii fi afarsaadhaan qulqulleeffame nyaatu.
The oxen also, and the young asses, that till the ground, Shall eat well-seasoned provender, Which hath been winnowed with the shovel and the fan.
25 Guyyaa badiisa guddaatti, yeroo qooxiiwwan eegumsaa jijjiganitti yaaʼawwan bishaanii tulluuwwanii fi gaarran ol dhedheeroo hunda irra yaaʼu.
And on every lofty mountain, And on every high hill, Shall be brooks and streams of water, In the day of the great slaughter, When the towers fall.
26 Gaafa Waaqayyo cabaa saba isaa hidhee warra madeesse illee fayyisutti jiʼi akkuma aduu ifa; ifni aduus akkuma ifa guyyaa torbaa dachaa torba ni ifa.
Then shall the light of the moon be as the light of the sun, And the light of the sun shall be sevenfold, [[As the light of seven days, ]] When Jehovah bindeth up the bruises of his people, And healeth the wound which they have received.
27 Kunoo Maqaan Waaqayyoo aarii bobaʼuu fi duumessa gobbuu aaraatiin fagoodhaa dhufaa jira; afaan isaa dheekkamsaan, arrabni isaas ibidda gubee balleessuun guutameera.
Behold, the name of Jehovah cometh from afar, His anger burneth, and violent is the flame, His lips are full of indignation, And his tongue like a devouring fire.
28 Hafuurri inni baafatu akkuma laga guutee hamma morma gaʼutti ol kaʼuu ti. Inni gingilchaa badiisaatiin saboota gingilcha; inni luugama karaa irraa isaan balleessu haʼoo sabootaa keessa kaaʼa.
His breath is like an overflowing torrent, That reacheth even to the neck; He will toss the nation with the winnowing-fan of destruction; He will put a bridle upon the jaws of the people, that shall lead them astray.
29 Isin akkuma halkan ayyaana qulqulluu ayyaaneffattanitti, faarfannaa ni faarfattu; garaan keessan akkuma yeroo namoonni ulullee afuufaa gara tulluu Waaqayyootti, gara Kattaa Israaʼelitti ol baʼan sanaa ni gammada.
But ye shall then sing as in the night of a solemn festival; Your heart shall be glad, like his who marcheth with the sound of the pipe To the mountain of Jehovah, to the rock of Israel.
30 Waaqayyo akka namoonni sagalee isaa surra qabeessa sana dhagaʼan ni godha; inni akka isaan irree isaa kan aarii guddaa fi ibidda gubee balleessuun, bokkaa hamaadhaan, bakakkaa fi cabbiidhaan dhufaa jiru argan ni godha.
Jehovah will cause his glorious voice to be heard, And the blow of his arm to be seen, With furious anger, and flames of devouring fire; With flood, and storm, and hailstones.
31 Sagaleen Waaqayyoo Asoorin ni caccabsa; bokkuu isaatiinis isaan barbadeessa.
For by the voice of Jehovah shall the Assyrian be beaten down; He will smite him with the rod.
32 Adabbiin ulee kan Waaqayyo isaan irra buusu hundi sagalee dibbeetii fi sagalee kiraaraa of keessaa qaba; innis rukuttaa irree isaatiin waraana keessatti isaan lola.
And as often as the appointed rod shall strike, Which Jehovah shall lay heavily upon him, It shall be accompanied with tabrets and harps; And with fierce battles will he fight against him.
33 Toofet dur qopheeffame; inni mootichaaf qopheeffame. Boolli ibiddaa isaa gad fageeffamee balʼifamee hojjetame; innis ibiddaa fi qoraaniin guutameera; hafuurri afaan Waaqayyootii baʼus akkuma dinyii dhangalaʼuu akka inni bobaʼu godha.
For long hath the burning place been prepared; Yea, for the king hath it been made ready; The pile is made deep and broad; There is fire and wood in abundance; The breath of Jehovah, like a stream of brimstone, kindle it.

< Isaayyaas 30 >