< Isaayyaas 30 >

1 Waaqayyo akkana jedha: “Ijoollee fincilan, kanneen karoora karoora koo hin taʼin duukaa buʼan, kanneen fedhii kootiin alatti walii galtee uuman, kanneen cubbuu irratti cubbuu dabalaniif wayyoo;
Yehova akuti, “Tsoka kwa ana ondipandukira amene amachita zowakomera iwo okha osati Ine, nachita mgwirizano wawowawo koma osati motsogozedwa ndi Ine. Choncho amanka nachimwirachimwira.
2 kanneen utuu anaan hin mariʼatin Gibxitti gad buʼan, kanneen gaaddisa Gibxi daʼoof, eegumsa Faraʼoon immoo gargaarsaaf abdataniif wayyoo.
Amapita ku Igupto kukapempha thandizo koma osandifunsa; amathawira kwa Farao kuti awateteze, ku Igupto amafuna malo opulumulira.
3 Eegumsi Faraʼoon garuu qaanii isinitti taʼa; gaaddisni Gibxis salphina isinitti fida.
Koma chitetezo cha Farao chidzakhala manyazi anu, malo a mthunzi a ku Igupto mudzachita nawo manyazi.
4 Isaan yoo Zooʼaan keessatti qondaaltota qabaatan iyyuu, yoo ergamoonni isaaniis Haanees gaʼan iyyuu,
Ngakhale kuti nduna zawo zili ku Zowani, ndipo akazembe awo afika kale ku Hanesi,
5 tokkoon tokkoon isaanii sababii uummata isaan hin fayyadne kanneen qaanii fi salphina malee gargaarsa yookaan buʼaa hin kennine sanaatiif ni qaaneffamu.”
aliyense wa ku Yuda adzachita manyazi chifukwa cha anthu opanda nawo phindu, amene sabweretsa thandizo kapena phindu, koma manyazi ndi mnyozo.”
6 Raajii waaʼee bineensota Negeeb dubbatame: Ergamoonni qabeenya isaanii harreetti, meeshaa isaanii gaalatti feʼatanii biyya leenci kormii fi leenci dhalaan, bofti summii qabuu fi bofti darbatamu jiraatan, lafa rakkinaa fi dhiphinaan guute keessa baʼanii gara biyya homaa hin fayyadnee
Uthenga wonena za nyama za ku Negevi: Akazembe akuyenda mʼdziko lovuta ndi losautsa, mʼmene muli mikango yayimuna ndi yayikazi, mphiri ndi njoka zaululu. Iwo amasenzetsa abulu ndi ngamira chuma chawo, kupita nazo kwa mtundu wa anthu umene sungawathandize.
7 gara Gibxi kan gargaarsi ishee gonkumaa buʼaa hin qabne sanaa dhaqu. Kanaafuu ani, “Raʼaab, kan homaa hin fayyadne” jedhee ishee nan waama.
Amapita ku Igupto amene thandizo lake ndi lachabechabe. Nʼchifukwa chake dzikolo ndalitcha Rahabe chirombo cholobodoka.
8 Amma dhaqiitii gabatee irratti barreessiif; kitaaba maramaa irratti katabiif; kunis akka baroota dhufuuf jiran keessa dhuga baʼumsa bara baraa taʼuuf.
Yehova anandiwuza kuti, “Tsopano pita, ukalembe zimenezi mʼbuku iwo akuona ndipo lidzakhala ngati umboni wosatha masiku a mʼtsogolo.
9 Jarri kunneen uummata fincilaa, ijoollee sobduu dha; ijoollee seera Waaqayyoo dhagaʼuuf fedhii hin qabnee dha.
Amenewa ndi anthu owukira, onama ndi osafuna kumvera malangizo a Yehova.
10 Isaan mulʼata argitootaan, “Siʼachi mulʼata tokko illee hin arginaa!” jedhu; raajotaanis akkana jedhu; “Isin siʼachi mulʼata qajeelaa taʼe nutti hin himinaa! Waan nama gammachiisu nutti himaa; gowwoomsaa nuuf raajaa.
Iwo amawuza alosi kuti, ‘Musationerenso masomphenya!’ Ndipo amanena kwa mneneri kuti, ‘Musatinenerenso zoona,’ mutiwuze zotikomera, munenere za mʼmutu mwanu.
11 Karaa kana gad dhiisaa; daandii kana irraa jalʼadhaa; Qulqullicha Israaʼel fuula keenya duraa dhabamsiisaa!” jedhu.
Patukani pa njira ya Yehova, lekani kutsata njira ya Yehova; ndipo tisamvenso mawu a Woyerayo uja wa Israeli!”
12 Kanaafuu Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Sababii isin ergaa kana diddanii nama hacuucuu abdattanii gowwoomsaatti irkattaniif,
Nʼchifukwa chake Woyerayo wa Israeli akunena kuti, “Popeza inu mwakana uthenga uwu, mumakhulupirira zopondereza anzanu ndipo mumadalira kuchita zoyipa,
13 cubbuun kun, akkuma dallaa ol dheeraa dhagaan ijaarame kan baqaqee bosose kan utuu hin beekamin tasa jiguu isinitti taʼa.
choncho tchimo linalo lidzakhala ngati mingʼalu pa khoma lalitali ndi lopendama limene linagwa mwadzidzidzi ndi mwamsangamsanga.
14 Dallaan sun akkuma miʼa supheetti, hamma wanni ittiin cilee bobaʼu iddoo ibiddaatii fuudhan iyyuu hin hafnetti yookaan hamma wanni ittiin boolla bishaanii keessaa bishaan budduuqsan hin hafnetti akka malee caccabee burkutaaʼa.”
Lidzaphwanyika ngati mbiya imene yanyenyekeratu, mwakuti pakati pake sipadzapezeka phale ngakhale lopalira moto mʼngʼanjo kapena lotungira madzi mʼchitsime.”
15 Waaqayyo Gooftaan, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Deebiʼuu fi boqochuudhaan ni fayyitu; tasgabbaaʼuu fi abdachuudhaan ni jabaattu; isin garuu kana hin goone.
Zimene Ambuye Yehova, Woyerayo wa Israeli ananena ndi izi: “Ngati mubwerera ndi kupuma mudzapulumuka, ngati mukhala chete ndi kukhulupirira mudzakhala amphamvu, koma inu munakana zimenezi.
16 Isinis, ‘Lakki, nu fardeeniin ni baqanna’ jettu. Kanaafuu isin ni baqattu! Isin, ‘Nu fardeen ariifatanii fiiganiin ni gulufna’ jettu. Kanaafuu warri isin gugsan ni saffisu!
Inu mukuti, ‘Ayi ife tidzathawa, tidzakwera pa akavalo aliwiro.’ Zoonadi kuti mudzakwera pa akavalo aliwiro, koma okuthamangitsani adzakhalanso aliwiro.
17 Doorsisa nama tokkootiin, kumatu baqata; doorsisa nama shaniitiin immoo, isin hamma akkuma muka alaabaa fiixee tulluu irra jiruu, akkuma faajjii gaara irra jiruu taatanii haftanitti hundi keessan ni baqattu.”
Anthu 1,000 mwa inu adzathawa poona mdani mmodzi; poona adani asanu okha nonsenu mudzathawa. Otsala anu adzakhala ngati mbendera pa phiri, ndi ngati chizindikiro cha pa chulu.”
18 Taʼus Waaqayyo isiniif arjoomuu barbaada; isiniif naʼuufis ni kaʼa: Waaqayyo Waaqa murtii qajeelaa ti. Warri isa eeggatan hundi eebbifamoo dha.
Komatu Yehova akufunitsitsa kuti akukomereni mtima, iye ali wokonzeka kuti akuchitireni chifundo. Pakuti Yehova ndi Mulungu wachilungamo. Ndi odala onse amene amakhulupirira Iye!
19 Yaa saba Xiyoon, warri Yerusaalem keessa jiraattan, isin siʼachi hin boossan. Yeroo isin gargaarsa barbaachaaf gara isaatti iyyattanitti inni dhugumaan isiniif arjooma! Akkuma dhagaʼeenis deebii isiniif kenna.
Inu anthu a ku Ziyoni, amene mukhala mu Yerusalemu simudzaliranso. Mulungu adzakukomerani mtima pamene adzamva kulira kwanu kopempha thandizo! Ndipo akadzamva, adzakuyankhani.
20 Gooftaan buddeena rakkinaatii fi bishaan dhiphinaa siif kennu illee barsiisaan kee siʼachi hin dhokatu; ati ijuma keetiin isa argita.
Ngakhale Ambuye adzakulowetseni mʼmasautso, aphunzitsi anu sadzakhala kakasi; inu mudzawaona ndi maso anuwo.
21 Ati yeroo gara mirgaatti yookaan gara bitaatti gortutti, dugda kee duubaan sagalee, “Karaan kana; isa irra deemi” jedhu tokko gurri kee ni dhagaʼa.
Ngati mudzapatukira kumanja kapena kumanzere, mudzamva mawu kumbuyo kwanu woti, “Njira ndi iyi; yendani mʼmenemo.”
22 Ati ergasii waaqota kee tolfamoo kanneen meetiin irra dibamee fi fakkiiwwan kee kanneen warqeen itti uffifame sana ni xureessita; akkuma huccuu xuraaʼummaas of irraa isaan darbattee, “Asii badaa!” jettaan.
Pamenepo mudzawononga mafano anu okutidwa ndi siliva ndiponso zifanizo zanu zokutidwa ndi golide; mudzawataya ngati zinthu zonyansa ndipo mudzati, “Zichoke zonsezi!”
23 Inni sanyii ati lafatti facaafattuuf bokkaa siif kenna; midhaan lafti baaftus kan misee fi kan akka malee baayʼate taʼa. Bara sana keessa loon kee lafa dheedaa balʼaa irratti bobbaʼu.
Yehova adzakugwetseraninso mvula pa mbewu zanu zimene mukadzale mʼnthaka, ndipo chakudya chimene mudzakolole chidzakhala chabwino ndi chochuluka. Tsiku limenelo ngʼombe zanu zidzadya msipu wochuluka.
24 Qotiyyoo fi harreen qotiisaa okaa filatamaa qorbii fi afarsaadhaan qulqulleeffame nyaatu.
Ngʼombe ndi abulu amene amalima mʼmunda adzadya chakudya chamchere, chopetedwa ndi foloko ndi fosholo.
25 Guyyaa badiisa guddaatti, yeroo qooxiiwwan eegumsaa jijjiganitti yaaʼawwan bishaanii tulluuwwanii fi gaarran ol dhedheeroo hunda irra yaaʼu.
Pa tsiku limene adani anu adzaphedwa ndi nsanja zawo kugwa, mitsinje ya madzi idzayenda pa phiri lililonse lalikulu ndi pa phiri lililonse lalingʼono.
26 Gaafa Waaqayyo cabaa saba isaa hidhee warra madeesse illee fayyisutti jiʼi akkuma aduu ifa; ifni aduus akkuma ifa guyyaa torbaa dachaa torba ni ifa.
Mwezi udzawala ngati dzuwa, ndipo kuwala kwa dzuwa kudzawonjezereka kasanu nʼkawiri, ngati kuwala kwa tsiku limodzi. Yehova adzamanga mabala a anthu ake ndi kupoletsa zilonda zimene Iye anachititsa polanga anthu ake.
27 Kunoo Maqaan Waaqayyoo aarii bobaʼuu fi duumessa gobbuu aaraatiin fagoodhaa dhufaa jira; afaan isaa dheekkamsaan, arrabni isaas ibidda gubee balleessuun guutameera.
Taonani, Yehova akubwera kuchokera kutali, ndipo mkwiyo wake ndiwonyeka ndi chiweruzo chake chidzakhala chopweteka. Iye wayankhula mwaukali kwambiri, ndipo mawu ake ali ngati moto wonyeka.
28 Hafuurri inni baafatu akkuma laga guutee hamma morma gaʼutti ol kaʼuu ti. Inni gingilchaa badiisaatiin saboota gingilcha; inni luugama karaa irraa isaan balleessu haʼoo sabootaa keessa kaaʼa.
Mpweya wake uli ngati mtsinje wosefukira, wa madzi ofika mʼkhosi. Iye adzasefa anthu a mitundu ina ndi sefa wosakaza; Iye akuyika zitsulo mʼkamwa mwa anthu a mitundu ina ngati akavalo, kuti ziwasocheretse.
29 Isin akkuma halkan ayyaana qulqulluu ayyaaneffattanitti, faarfannaa ni faarfattu; garaan keessan akkuma yeroo namoonni ulullee afuufaa gara tulluu Waaqayyootti, gara Kattaa Israaʼelitti ol baʼan sanaa ni gammada.
Ndipo inu mudzayimba mokondwa monga mumachitira usiku pa chikondwerero chopatulika. Mudzasangalala ngati anthu oyimba zitoliro popita ku phiri la Yehova, thanthwe la Israeli.
30 Waaqayyo akka namoonni sagalee isaa surra qabeessa sana dhagaʼan ni godha; inni akka isaan irree isaa kan aarii guddaa fi ibidda gubee balleessuun, bokkaa hamaadhaan, bakakkaa fi cabbiidhaan dhufaa jiru argan ni godha.
Anthu adzamva liwu la ulemerero la Yehova ndipo adzaona dzanja lake likutsika pa iwo ndi mkwiyo woopsa, pamodzi ndi moto wonyeketsa, mphenzi, namondwe ndi matalala.
31 Sagaleen Waaqayyoo Asoorin ni caccabsa; bokkuu isaatiinis isaan barbadeessa.
Asiriya adzaopa liwu la Yehova, ndipo Iye adzawakantha ndi ndodo.
32 Adabbiin ulee kan Waaqayyo isaan irra buusu hundi sagalee dibbeetii fi sagalee kiraaraa of keessaa qaba; innis rukuttaa irree isaatiin waraana keessatti isaan lola.
Yehova akamadzalanga adani ake ndi ndodo, anthu ake adzakhala akuvina nyimbo zoyimbira matambolini ndi azeze, Yehova ndiye ati adzamenyane ndi Asiriyawo.
33 Toofet dur qopheeffame; inni mootichaaf qopheeffame. Boolli ibiddaa isaa gad fageeffamee balʼifamee hojjetame; innis ibiddaa fi qoraaniin guutameera; hafuurri afaan Waaqayyootii baʼus akkuma dinyii dhangalaʼuu akka inni bobaʼu godha.
Malo otenthera zinthu akonzedwa kale; anakonzera mfumu ya ku Asiriya. Dzenje la motolo ndi lozama ndi lalikulu, ndipo muli nkhuni zambiri; mpweya wa Yehova, wangati mtsinje wa sulufule, udzayatsa motowo pa nkhunizo.

< Isaayyaas 30 >