< Isaayyaas 3 >

1 Kunoo Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Yerusaalemii fi Yihuudaa irraa kennaa fi gargaarsa isaa kan midhaaniitii fi kan bishaanii hunda irraa fudhata;
Ona, Bwana, Yahwe wa majeshi, anakaribia kuwachukua kutoka Yerusalema na Yudawasaidizi na wafanyakazi: wasambazaji wote wa mikate, wasambazaji wote wa maji;
2 gootaa fi loltuu, abbaa murtiitii fi raajii, hooda himaa fi maanguddoo,
mtu mwenye nguvu, shuja, hakimu, nabii, dalili za msomaji, na mzee;
3 ajajaa shantamaatii fi nama ulfina qabu, gorsituu, ogeessa hojii harkaatii fi ogeessa waa dawweessuu beeku irraa fudhata.
naodha wa hamsini, raia husika, mshauri, fundi mtarajiwa, na mchawi stadi.
4 “Ani dargaggoota qondaaltota isaanii nan godha; ijoolleen isaan bulchu.”
Nitamuweka kijana tu kama kiongozi wenu, kijana atawaongoza wao.
5 Namoonni wal hacuucu; namni tokko nama kaanitti, ollaanis, ollaa isaatti kaʼa. Dargaggeessi jaarsatti, tuffatamaanis kabajamaatti kaʼa.
Watu watanyanyasika, kila mmoja mmoja na kila mmoja na jirani yake; watoto watawatusi wazee, na mivutano itawapa changamoto waheshimiwa.
6 Namni tokko mana abbaa isaatti, obboloota isaa keessaa tokko qabee, “Ati qoloo qabda; kanaafuu bulchaa nuuf taʼi; tuullaa waan diigamee kanattis itti gaafatama fudhu!” jedha.
Mwanaume atamshikilia ndugu yake katika nyumba ya baba yake na kusema, 'Unayo kanzu; uwe kiongozi wetu, na uharibifu huu uwe mikononi mwako.
7 Inni garuu gaafas, “Ani furmaata taʼuu hin dandaʼu. Ani nyaata yookaan uffata tokko illee mana kootii hin qabu; bulchaa sabaa na hin taasisinaa” jedhee iyya.
'Siku hiyo atapaza sauti na kusema, 'hautakuwa mganga; sina mkate wala mavazi. Hatanifanya kuwa kiongozi wa watu.
8 Yerusaalem gatantaraa jirti; Yihuudaan immoo kufteerti; dubbii isaaniitii fi gochi isaanii Waaqayyoon mormuudhaan ulfina argamuu isaa xureessa.
Kwa maana Yerusalemu kuna mashaka, na Yuda imeanguka, kwa sababu mazungumzo yao na matendo yao yako kinyume na Yahwe, wanayapinga macho ya utukufu wake.
9 Haalli fuula isaanii dhugaa isaanitti baʼa; isaan akkuma Sodoom cubbuu isaanii ifa baasu; isaan cubbuu isaanii hin dhokfatan. Isaaniif wayyoo! Isaan balaa guddaa ofitti fidaniiru.
Angalia nyuso zao zinashudia kinyume nao; na watasema dhambi zao kama Sodoma; hawatazificha, Ole wao! Maana wanakamilisha janga lao wenyewe.
10 Akka wanni kun isaaniif tolu qajeeltotatti himaa; isaan buʼaa hojii isaanii nyaatu.
Mwambie mtu mwenye haki kwamba itakuwa vizuri, maana watakula matunda ya matendo yao.
11 Hamaadhaaf wayyoo! Badiisni isatti ni dhufa! Inni gatii harka isaa ni argata.
Ole kwa wakosaji! itakuwa vibaya kwa yeye, maana malipo ya mikono yake yatafanyika kwake pia.
12 Dargaggoonni saba koo cunqursu; dubartoonni isaan bulchu. Yaa saba ko, qajeelchitoonni keessan karaa irraa isin jalʼisaniiru; isaan irraa isin gorsaniiru.
Watu wangu-watoto wangu wanawakandamiza, na wanawake wanawaongoza wao. Watu wangu, wale wanaowaongoza wanawaongoza vibaya na kuchanganya muelekeo wa nja yenu.
13 Waaqayyo murtii kennuuf taaʼeera; saba isaattis muruuf kaʼeera.
Yahwe simama juu ya mashitaka; yeye amesimama kuwashaki watu.
14 Waaqayyo akkana jedhee maanguddootaa fi hooggantoota saba isaatti mura: “Kan iddoo dhaabaa wayinii kootii balleesse isin; wanni hiyyeeyyii irraa saamame mana keessan jira.
Yahwe atakuja na hukumu juu ya wazee na watu wao na viongozi wao: ''Umeharibu shamba; nyara kutoka kwa masikni ziko kwenye nyumba zako.
15 Isin saba koo caccabsuun keessan, fuula hiyyeeyyiis butuchuun keessan maal gochuu keessan?” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
Kwa nini unaponda watu wangu na kusaga nyuso za masikini?'' Hili ni tamko Bwana, Yahwe wa majeshi.
16 Waaqayyo akkana jedha; “Dubartoonni Xiyoon of tuulu; isaan morma dheereffatanii yaaʼu; ijaanis ni waammatu; faaya miilla isaanii kilillisaa cillaanfachaa deemu.
Yahwe anasema hivyo kwa sababu mabinti wa Sayuni wanajigamba, wanatembea pekee yao vichwa vyao vikiwa juu, na kutaniana kwa macho yao, na kutakata kokote waendako na kuamua upatu kwa miguu yao,
17 Kanaafuu Gooftaan mataa intallan Xiyoonitti qaaqee ni fida; Waaqayyo gubbee mataa isaanii moleessa.”
Kwa hiyo Bwana atafanya magonjwa ya mapele kwenye kishwa cha mabinti wa Sayuni, na Yahwe atawafanya upaa.
18 Gaafas Gooftaan faaya miidhagina isaanii: albuu, marata mataa, faaya mormaa kan baatii fakkaatu,
Siku hiyo Bwana ataondoa mapambo mazuri yaliyoko kwenye kifundo cha miguu, bendi za kichwa chao, kaya zao; bangili za masikio,
19 amartii gurraa, bitawoo, haguuggii fuulaa,
bangili za miguu na taji zao;
20 Marata mataa, faaya miillaa, sabbata, bilqaaxxii shittoo, kudhaama,
kitambaa cha kichwa, chaini za miguu, mafurungu na maboksi ya marashi na na haiba ya bahati.
21 qubeelaa chaappaa, amartii funyaanii
Atatoa bangili na kipini kwenye pua;
22 wandaboo filatamaa, koofiyyaa, qoloo, korojoo harkaa,
sherehe za mavazi, mapazia na mabegi ya mkononi;
23 of ilaaleewwan, wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame, gonfoo dubartootaatii fi uffata mormaa isaan irraa mulqa.
vioo vya mkononi, sanda nzuri, vilemba vya kichwa na taji.
24 Qooda urgaa, ajaa; qooda sabbataa, funyoo; qooda mataa sirriitti dhaʼamee, moluu; qooda uffata miidhagaa, wayyaa gaddaa; qooda miidhaginaa fokkisuutu dhufa.
Badala ya manukato mazuri kutakuwa na arufu mbaya; na badala ya ukunda, kamba, kufunika kwa vazi la gunia; kitia alama mwilini kwa moto badala ya uzuri. wanaume wao wataanguka kwa upanga,
25 Namoonni keessan goraadeedhaan, loltoonni keessanis lola keessatti dhumu.
na wanaume wenye nguvu wataanguka kwenye vita.
26 Karri Xiyoon faarsitee boossi; isheen ontee lafa teessi.
Lango la Yerusalemu litaomboleza na kuomboleza; na atakuwa peke yake amekaa chini ya ardhi.

< Isaayyaas 3 >