< Isaayyaas 3 >
1 Kunoo Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Yerusaalemii fi Yihuudaa irraa kennaa fi gargaarsa isaa kan midhaaniitii fi kan bishaanii hunda irraa fudhata;
For, behold, the Lord, Jehovah of hosts, takes away from Jerusalem and from Judah support and staff, the whole support of bread, and the whole support of water,
2 gootaa fi loltuu, abbaa murtiitii fi raajii, hooda himaa fi maanguddoo,
the mighty man, and the man of war, the judge, and the prophet, and the diviner, and the elder,
3 ajajaa shantamaatii fi nama ulfina qabu, gorsituu, ogeessa hojii harkaatii fi ogeessa waa dawweessuu beeku irraa fudhata.
the captain of fifty, and the honorable man, and the counselor, and the expert craftsman, and the skilful enchanter.
4 “Ani dargaggoota qondaaltota isaanii nan godha; ijoolleen isaan bulchu.”
And I will give sons to be their rulers, and babes shall rule over them.
5 Namoonni wal hacuucu; namni tokko nama kaanitti, ollaanis, ollaa isaatti kaʼa. Dargaggeessi jaarsatti, tuffatamaanis kabajamaatti kaʼa.
And the people shall be oppressed, every one by another, and every one by his neighbor. The child shall behave himself proudly against the old man, and the base against the honorable.
6 Namni tokko mana abbaa isaatti, obboloota isaa keessaa tokko qabee, “Ati qoloo qabda; kanaafuu bulchaa nuuf taʼi; tuullaa waan diigamee kanattis itti gaafatama fudhu!” jedha.
When a man shall take hold of his brother in the house of his father, saying, Thou have clothing, be thou our ruler, and let this ruin be under thy hand,
7 Inni garuu gaafas, “Ani furmaata taʼuu hin dandaʼu. Ani nyaata yookaan uffata tokko illee mana kootii hin qabu; bulchaa sabaa na hin taasisinaa” jedhee iyya.
in that day he shall lift up his voice, saying, I will not be a healer, for in my house is neither bread nor clothing. Ye shall not make me ruler of the people.
8 Yerusaalem gatantaraa jirti; Yihuudaan immoo kufteerti; dubbii isaaniitii fi gochi isaanii Waaqayyoon mormuudhaan ulfina argamuu isaa xureessa.
For Jerusalem is ruined, and Judah is fallen, because their tongue and their doings are against Jehovah, to provoke the eyes of his glory.
9 Haalli fuula isaanii dhugaa isaanitti baʼa; isaan akkuma Sodoom cubbuu isaanii ifa baasu; isaan cubbuu isaanii hin dhokfatan. Isaaniif wayyoo! Isaan balaa guddaa ofitti fidaniiru.
The show of their countenance witnesses against them, and they declare their sin as Sodom; they do not hide it. Woe to their soul! For they have done evil to themselves.
10 Akka wanni kun isaaniif tolu qajeeltotatti himaa; isaan buʼaa hojii isaanii nyaatu.
Say ye of the righteous, that it is well, for they shall eat the fruit of their doings.
11 Hamaadhaaf wayyoo! Badiisni isatti ni dhufa! Inni gatii harka isaa ni argata.
Woe to the wicked! It is ill with him, for what his hands have done shall be done to him.
12 Dargaggoonni saba koo cunqursu; dubartoonni isaan bulchu. Yaa saba ko, qajeelchitoonni keessan karaa irraa isin jalʼisaniiru; isaan irraa isin gorsaniiru.
As for my people, children are their oppressors, and women rule over them. O my people, those who lead thee cause thee to err, and destroy the way of thy paths.
13 Waaqayyo murtii kennuuf taaʼeera; saba isaattis muruuf kaʼeera.
Jehovah stands up to contend, and stands to judge the peoples.
14 Waaqayyo akkana jedhee maanguddootaa fi hooggantoota saba isaatti mura: “Kan iddoo dhaabaa wayinii kootii balleesse isin; wanni hiyyeeyyii irraa saamame mana keessan jira.
Jehovah will enter into judgment with the elders of his people, and the rulers of it. It is ye who have eaten up the vineyard; the spoil of a poor man is in your houses.
15 Isin saba koo caccabsuun keessan, fuula hiyyeeyyiis butuchuun keessan maal gochuu keessan?” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
What do ye mean that ye crush my people, and grind the face of the poor? says the Lord, Jehovah of hosts.
16 Waaqayyo akkana jedha; “Dubartoonni Xiyoon of tuulu; isaan morma dheereffatanii yaaʼu; ijaanis ni waammatu; faaya miilla isaanii kilillisaa cillaanfachaa deemu.
Moreover Jehovah said, Because the daughters of Zion are haughty, and walk with outstretched necks and wanton eyes, walking and mincing as they go, and making a tinkling with their feet,
17 Kanaafuu Gooftaan mataa intallan Xiyoonitti qaaqee ni fida; Waaqayyo gubbee mataa isaanii moleessa.”
therefore the Lord will smite with a scab the crown of the head of the daughters of Zion, and Jehovah will lay bare their secret parts.
18 Gaafas Gooftaan faaya miidhagina isaanii: albuu, marata mataa, faaya mormaa kan baatii fakkaatu,
In that day the Lord will take away the beauty of their anklets, and the hair nets, and the crescents,
19 amartii gurraa, bitawoo, haguuggii fuulaa,
the pendants, and the bracelets, and the mufflers,
20 Marata mataa, faaya miillaa, sabbata, bilqaaxxii shittoo, kudhaama,
the bonnets, and the ankle chains, and the sashes, and the perfume-boxes, and the amulets,
21 qubeelaa chaappaa, amartii funyaanii
the rings, and the nose-jewels,
22 wandaboo filatamaa, koofiyyaa, qoloo, korojoo harkaa,
the festival robes, and the mantles, and the shawls, and the satchels,
23 of ilaaleewwan, wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame, gonfoo dubartootaatii fi uffata mormaa isaan irraa mulqa.
the hand-mirrors, and the fine linen, and the turbans, and the veils.
24 Qooda urgaa, ajaa; qooda sabbataa, funyoo; qooda mataa sirriitti dhaʼamee, moluu; qooda uffata miidhagaa, wayyaa gaddaa; qooda miidhaginaa fokkisuutu dhufa.
And it shall come to pass, that instead of sweet spices there shall be rottenness, and instead of a girdle, a rope, and instead of well set hair, baldness, and instead of a robe, a girding of sackcloth, branding instead of beauty.
25 Namoonni keessan goraadeedhaan, loltoonni keessanis lola keessatti dhumu.
Thy men shall fall by the sword, and thy mighty in the war.
26 Karri Xiyoon faarsitee boossi; isheen ontee lafa teessi.
And her gates shall lament and mourn, and she shall be desolate and sit upon the ground.