< Isaayyaas 29 >
1 Yaa Ariiʼeel, yaa Ariiʼeel, magaalaa Daawit keessa jiraate, siif wayyoo! Waggaa irratti waggaa dabalaa; ayyaanonni waggaas ittuma haa fufan.
Ole kwa Arieli, Arieli, mji ambao Daudi ameweka kambi! mwaka hadi mwaka unaongezeka; basi tamasha linakaribia kuja.
2 Taʼus ani Ariiʼeelin marsee nan qaba; isheen boossee ni wawwaatti; isheen anaaf akka Ariiʼeel taati.
Lakini nitauzingira Arieli, na watalia na kuomboleza; na watakuwa kwangu kama Arieli.
3 Ani karaa hundaan naannoo kee nan qubadha; gamoowwaniinis sin marsa; tuullaa biyyoos sitti naannessee nan dhaaba.
Nitaweka kambi dhidi yako katika mzunguko, nitakuzingira kwa kuweka uzio dhidi yako.
4 Ati gad deebifamtee lafa irraa ni dubbatta; haasaan kee biyyoo keessaa guunguma. Sagaleen kee akka sagalee ekeraa lafa keessaa baʼa; haasaan kees biyyoo keessaa hasaasa.
Utaletwa chini na utazungumza kutoka chini kwenye aridhi; maongezi yako yatashushwa kutoka mavumbini. Sauti yako itakuwa kama ya pepo kwenye ardhi, na maneno yako yatakuwa dhaifu kutoka mavumbini.
5 Diinonni kee hedduun garuu akka awwaara bullaaʼee, gara jabeeyyiin baayʼeenis akka habaqii bubbeen fudhatee taʼu. Akkuma tasaa utuu hin beekaminis,
Jeshi la maadui wako watakuwa kama vumbi dogo, na wingi wa wasiotisha utakuwa kama makapi yanayopita. Itatokea mara moja, papo hapo.
6 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, bakakkaadhaan, sochii lafaatii fi waca guddaadhaan, bubbeedhaan, bubbee hamaa fi arraba ibidda waa fixuutiin ni dhufa.
Yahwe wa majeshi atakuja kwenu kwa radi, tetemeko la aridhi, sauti kubwa, na upepo mkali na dhoruba kali, na mwali wa moto uteketezao.
7 Ergasii tuunni saboota hundaa kan Ariiʼeeliin lolu, kan ishee fi daʼoo ishee jajjaboo dhaʼee marsee qabu, akkuma abjuu, akkuma mulʼata halkan keessaa taʼa;
Itakuwa kama ndoto, maono ya usiku: Jeshi la mataifa yote yatapigana dhidi ya Arieli na ngome zake. Watawavamia yeye na ngome zinazowanyanyasa wao.
8 kunis akkuma namni beelaʼe tokko akka waa nyaachaa jiru abjuudhaan argee yeroo dammaqutti garuu amma illee beela qabu sana, yookaan akkuma namni dheebote tokko akka waa dhugaa jiru abjuudhaan argee yeroo dammaqutti garuu amma illee dheebuudhaan gaggabu sana taʼa. Tuuta saboota hundaa kan Tulluu Xiyoon lolu irrattis akkasuma taʼa.
Itakuwa kama mtu mwenye njaa anayeota anakula, lakini pindi anapoamka tumbo halina kitu. Itakuwa kama mtu mwenye kiu anayeota anakunywa maji, lakini anapoamka, anazirai, kwa sababu ya kiu na sio kuizima. Ndio, itakavyokuwa idadi kubwa ya wapiganaji dhidi ya Mlima Sayuni.
9 Rifadhaa; dinqisiifadhaas; of jaamsaatii nama waa hin argine taʼaa; machaaʼaa; garuu daadhii wayiniitiin hin taʼin; gatantaraa; garuu dhugaatii jabaadhaan hin taʼin.
Shangaeni wenyewe na mjishangae; jifanye kipofu na uwe kipofu! uwe mlevi lakini sio wa mvinyo; yumbayumba lakini sio kwa bia.
10 Waaqayyo hirriba cimaa isinitti buuseera; ija keessan raajota, cufeera; mataa keessan ilaaltootas, haguugeera.
Maana Yahwe ameachila roho wake katika usingizi wa kina, Ameyafunga macho yako, manabii, na amefunika kichwa chako, waonaji.
11 Mulʼanni kun hundi isiniif dubbii kitaaba maramaa irratti chaappeffame malee homaa miti. Yoo isin kitaaba kana nama dubbisuu dandaʼu tokkotti kennitanii, “Maaloo mee waan kana dubbisi” jettaniin inni, “Sababii kitaabichi chaappeffameef ani dubbisuu hin dandaʼu” jedhee deebisa.
Ufunuo wote umekuja kwako kama maneno ya kitabu kilichotiwa muhuri, ambacho watu wanaweza kumpa mtu anayejifunza, na kusema hivi, ''Soma hiki.'' na atasema, ''Siwezi maana imetiwa muhuri.''
12 Yookaan yoo isin kitaaba maramaa kana nama dubbisuu hin dandeenye tokkotti kennitanii, “Maaloo mee waan kana dubbisi” jettaniin inni, “Ani akkamitti akkan dubbisu hin beeku” jedhee deebisa.
Kama kitabu kitapewa kwa mtu asiyeweza kusoma, na kumwambia, '''Soma hiki,'' na anasema, ''Siwezi kusoma.''
13 Gooftaan akkana jedha: “Uummanni kun afaan isaatiin natti dhiʼaata; hidhii isaatiinis na kabaja; garaan isaa garuu narraa fagoo jira. Waaqeffannaan isaan na waaqeffatanis seera namni barsiisu qofaan tolfame.
Bwana asema, ''Watu hawa wananikaribia mimi na kunishimu kwa midomo yao, lakini mioyo yao iko mbalii na mimi. Heshima yao kwangu ni kwa sababu tu ya amri waliofundishwa.
14 Kanaafuu ani amma illee dinqii irratti dinqii dabalee uummata kana nan dinqisiisa; ogummaan nama ogeessaa ni bada; hubannaan hubattootaas ni dhokata.”
Hivyo basi, tazama, Nitaendelea kufanya mambo ya ajabu mwiongoni mwa watu hawa, maajabu baada ya maajabu. Hekima ya wenye busara itatoweka, na uelewa wa watu wenye busara utatokomea.''
15 Warra karoora isaanii Waaqayyo duraa dhokfachuuf jedhanii qileetti gad buʼaniif, warra hojii isaanii dukkana keessatti hojjetanii, “Eenyutu nu arga? Eenyutu beeka?” jedhanii yaadaniif wayyoo!
Ole wao wale wanaoficha mipango yao kwa Yahwe, na wale ambao matendo yao ni ya giza. Wanasema, ''Nani anayetuona sisi, na ni nani anayetutambua sisi?
16 Kun jalʼina keessan, suphee dhooftuu akka supheetti ilaaltu! Wanni tolchame tokko nama isa tolcheen “Inni na hin tolchine” jedhaa? Okkoteen tokko suphee dhooftuudhaan, “Inni homaa hin beeku” jechuu dandaʼaa?
Nyie mnaebadilisha vitu juu chini! Je mfinyanzi anaweza kufikiriwa kama udongo, hivyo basi vitu vinavyotengeneza vitasema kuhusu aliyevitengeneza, ''Hajanitengeneza mimi, ''au vitu vinavyotngenezwa viseme kuhusu aliyevitengeneza, Hajaelewa''?
17 Libaanoon yeroo gabaabaa keessatti lafa qotiisaa gabbatte hin taatuu? Lafti qonnaa gabbataan sunis bosona hin fakkaattuu?
Katika mda mdogo uliobakia, Lebanoni itajeuzwa kuwa shamba, na shamba litakuwa msitu.
18 Gaafas duudaan dubbii kitaaba maramaa ni dhagaʼa; iji nama jaamaa dimimmisaa fi dukkana keessatti ni arga.
Siku hiyo viziwi watasikia maneno ya kitabu, na macho ya vipofu yataona katika giza nene.
19 Namni gad of qabu ammas Waaqayyotti ni gammada; rakkattoonnis Qulqullicha Israaʼel sanaan ni gammadu.
Waliodhulumiwa watafuurahia pamoja na Yahwe, na masikini miongoni mwa watu watafurahia kwa Mtakatifu wa Israeli.
20 Gara jabeeyyiin ni badu; warri namatti qoosan ni barbadaaʼu; warri hammina hojjechuu jaallatan hundinuu ni balleeffamu;
Maana watu wasio katili watakwisha, na wenye dharau watatoweka. Wale wote wanopendakuteda maovu wataondolewa,
21 warri dubbiin yakkamaa nama godhan, warri namicha mana murtiitti namaaf falmu dura kiyyoo kaaʼanii sobaan dhugaa baʼuudhaan murtii qajeelaa nama yakka hin qabnee jalʼisan ni balleeffamu.
nani na kwa neno linamfanya mtu kuwa mkosaji. Watamuekea mtego kwa yeye anayeitafuta haki katika geti na kuweka haki chini kwa uongo usio na kitu.
22 Kanaafuu Waaqayyo inni Abrahaamin fure sun mana Yaaqoobiin akkana jedha: “Yaaqoob siʼachi deebiʼee hin qaanaʼu; fuulli isaas siʼachi hin dukkanaaʼu.
Hivyo basi Yahwe asema hivi kuhusu nyumba ya Yakobo- Yahwe aliyemkomboa Ibrahimu, ''Yakobo hataaibika tena, wala uso wake hautabadilika rangi yake.
23 Isaan yeroo gidduu isaaniitti ijoollee isaanii hojii harka kootii sana arganitti, maqaa koo ni qulqulleessu; isaan qulqullummaa Qulqullicha Yaaqoob ni beeku; Waaqa Israaʼelis sodaachuudhaan ni jiraatu.
Lakini anapowaona watoto wake, kazi ya mikono yangu, watalitakasa jina langu, Watalitakasa jina langu Mtakatifu wa Yakobo, na wtasimama katika hofu ya Mungu wa Israeli.
24 Warri dogoggoran hubannaa ni argatu; warri guungumanis qajeelfama ni fudhatu.”
Wale watakaopotea kiroho watapata uelewa na walalamikaji watajifunza maarifa.''