< Isaayyaas 29 >

1 Yaa Ariiʼeel, yaa Ariiʼeel, magaalaa Daawit keessa jiraate, siif wayyoo! Waggaa irratti waggaa dabalaa; ayyaanonni waggaas ittuma haa fufan.
Woe to Ariel, to Ariel, The city where David dwelt! Add year to year, Let the festivals go round,
2 Taʼus ani Ariiʼeelin marsee nan qaba; isheen boossee ni wawwaatti; isheen anaaf akka Ariiʼeel taati.
Then will I distress Ariel; Mourning and sorrow shall be there; Yet shall she be to me as Ariel [[the lion of God]].
3 Ani karaa hundaan naannoo kee nan qubadha; gamoowwaniinis sin marsa; tuullaa biyyoos sitti naannessee nan dhaaba.
I will encamp against thee round about, And I will lay siege against thee with a mound, And I will raise towers against thee.
4 Ati gad deebifamtee lafa irraa ni dubbatta; haasaan kee biyyoo keessaa guunguma. Sagaleen kee akka sagalee ekeraa lafa keessaa baʼa; haasaan kees biyyoo keessaa hasaasa.
Thou shalt be brought down, and speak from the ground, And thy speech shall be low from the dust; Thy voice shall be like that of a spirit under ground, And thy speech shall chirp as from the dust.
5 Diinonni kee hedduun garuu akka awwaara bullaaʼee, gara jabeeyyiin baayʼeenis akka habaqii bubbeen fudhatee taʼu. Akkuma tasaa utuu hin beekaminis,
Yet shall the multitude of thine enemies be like fine dust; The multitude of the terrible like flying chaff; It shall take place suddenly, in a moment.
6 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, bakakkaadhaan, sochii lafaatii fi waca guddaadhaan, bubbeedhaan, bubbee hamaa fi arraba ibidda waa fixuutiin ni dhufa.
From Jehovah of hosts cometh the visitation With thunder, and earthquake, and great noise, With storm and tempest, And flames of devouring fire.
7 Ergasii tuunni saboota hundaa kan Ariiʼeeliin lolu, kan ishee fi daʼoo ishee jajjaboo dhaʼee marsee qabu, akkuma abjuu, akkuma mulʼata halkan keessaa taʼa;
As a dream, a vision of the night, Shall be the multitude of all the nations That fight against Ariel, That fight against her and her fortress, And distress her.
8 kunis akkuma namni beelaʼe tokko akka waa nyaachaa jiru abjuudhaan argee yeroo dammaqutti garuu amma illee beela qabu sana, yookaan akkuma namni dheebote tokko akka waa dhugaa jiru abjuudhaan argee yeroo dammaqutti garuu amma illee dheebuudhaan gaggabu sana taʼa. Tuuta saboota hundaa kan Tulluu Xiyoon lolu irrattis akkasuma taʼa.
As a hungry man dreameth, and lo! he eateth, But awaketh and is still hungry; And as a thirsty man dreameth, and lo! he drinketh, But awaketh, and lo! he is faint and thirsty; So shall it be with the multitude of all the nations That fight against mount Zion.
9 Rifadhaa; dinqisiifadhaas; of jaamsaatii nama waa hin argine taʼaa; machaaʼaa; garuu daadhii wayiniitiin hin taʼin; gatantaraa; garuu dhugaatii jabaadhaan hin taʼin.
Be in amazement and be amazed! Be blinded and be blind! They are drunk, but not with wine; They stagger, but not with strong drink!
10 Waaqayyo hirriba cimaa isinitti buuseera; ija keessan raajota, cufeera; mataa keessan ilaaltootas, haguugeera.
For Jehovah hath poured upon you a spirit of slumber; He hath closed your eyes, the prophets, And covered your heads, the seers;
11 Mulʼanni kun hundi isiniif dubbii kitaaba maramaa irratti chaappeffame malee homaa miti. Yoo isin kitaaba kana nama dubbisuu dandaʼu tokkotti kennitanii, “Maaloo mee waan kana dubbisi” jettaniin inni, “Sababii kitaabichi chaappeffameef ani dubbisuu hin dandaʼu” jedhee deebisa.
And so every vision is to you as the words of a sealed book, Which is given to a man that is skilled in writing, Saying, “Read this, I pray thee”; But he answereth, “I cannot, for it is sealed.”
12 Yookaan yoo isin kitaaba maramaa kana nama dubbisuu hin dandeenye tokkotti kennitanii, “Maaloo mee waan kana dubbisi” jettaniin inni, “Ani akkamitti akkan dubbisu hin beeku” jedhee deebisa.
Or, if he give it to one that is not skilled in writing, Saying, “Read this, I pray thee,” He answereth, “I am not skilled in writing.”
13 Gooftaan akkana jedha: “Uummanni kun afaan isaatiin natti dhiʼaata; hidhii isaatiinis na kabaja; garaan isaa garuu narraa fagoo jira. Waaqeffannaan isaan na waaqeffatanis seera namni barsiisu qofaan tolfame.
Therefore saith the Lord, Since this people draweth near to me with their mouth, And honoreth me with their lips, While their heart is far from me, And their worship of me is according to the commandments of men,
14 Kanaafuu ani amma illee dinqii irratti dinqii dabalee uummata kana nan dinqisiisa; ogummaan nama ogeessaa ni bada; hubannaan hubattootaas ni dhokata.”
Therefore, behold, I will proceed to deal marvellously with this people; Marvellously and wonderfully, For the wisdom of their wise men shall perish, And the prudence of the prudent shall be hid.
15 Warra karoora isaanii Waaqayyo duraa dhokfachuuf jedhanii qileetti gad buʼaniif, warra hojii isaanii dukkana keessatti hojjetanii, “Eenyutu nu arga? Eenyutu beeka?” jedhanii yaadaniif wayyoo!
Woe to them that hide deep their purposes from Jehovah, Whose work is in darkness; That say, Who seeth us? Who knoweth us?
16 Kun jalʼina keessan, suphee dhooftuu akka supheetti ilaaltu! Wanni tolchame tokko nama isa tolcheen “Inni na hin tolchine” jedhaa? Okkoteen tokko suphee dhooftuudhaan, “Inni homaa hin beeku” jechuu dandaʼaa?
Alas, your perverseness! Is the potter to be esteemed as the clay, That the work should say of its maker, He made me not? And the thing formed say of him that formed it, He hath no understanding?
17 Libaanoon yeroo gabaabaa keessatti lafa qotiisaa gabbatte hin taatuu? Lafti qonnaa gabbataan sunis bosona hin fakkaattuu?
Is it not yet a very little while, And Lebanon shall be changed to a fruitful field, And the fruitful field be esteemed a forest.
18 Gaafas duudaan dubbii kitaaba maramaa ni dhagaʼa; iji nama jaamaa dimimmisaa fi dukkana keessatti ni arga.
And in that day shall the deaf hear the words of the book, And out of mist and darkness shall the eyes of the blind see.
19 Namni gad of qabu ammas Waaqayyotti ni gammada; rakkattoonnis Qulqullicha Israaʼel sanaan ni gammadu.
The afflicted shall exceedingly rejoice in Jehovah, And the poor shall exult in the Holy One of Israel.
20 Gara jabeeyyiin ni badu; warri namatti qoosan ni barbadaaʼu; warri hammina hojjechuu jaallatan hundinuu ni balleeffamu;
For the oppressor hath come to naught; the scoffer is destroyed; And all that watched for iniquity are cut off;
21 warri dubbiin yakkamaa nama godhan, warri namicha mana murtiitti namaaf falmu dura kiyyoo kaaʼanii sobaan dhugaa baʼuudhaan murtii qajeelaa nama yakka hin qabnee jalʼisan ni balleeffamu.
Who condemned a man in his cause, And laid snares for him who defended himself in the gate, And with falsehood caused the righteous to fail.
22 Kanaafuu Waaqayyo inni Abrahaamin fure sun mana Yaaqoobiin akkana jedha: “Yaaqoob siʼachi deebiʼee hin qaanaʼu; fuulli isaas siʼachi hin dukkanaaʼu.
Therefore concerning the house of Jacob thus saith Jehovah, He that redeemed Abraham: No more shall Jacob be ashamed, And no more shall his face grow pale.
23 Isaan yeroo gidduu isaaniitti ijoollee isaanii hojii harka kootii sana arganitti, maqaa koo ni qulqulleessu; isaan qulqullummaa Qulqullicha Yaaqoob ni beeku; Waaqa Israaʼelis sodaachuudhaan ni jiraatu.
For when his children behold the work of my hands in the midst of them, They shall honor my name. They shall honor the Holy One of Jacob, And reverence the God of Israel.
24 Warri dogoggoran hubannaa ni argatu; warri guungumanis qajeelfama ni fudhatu.”
They that erred in spirit shall come to understanding, And the obstinate shall receive instruction.

< Isaayyaas 29 >