< Isaayyaas 28 >
1 Gonfoo of tuulummaa kan machooftota Efreem sanaaf, daraaraa coollagu kan ulfina miidhagina isaaniitiif, kan mataa sulula gabbataa irra jiruuf, magaalaa warra daadhii wayiniitiin fudhataman sanaatiif wayyoo!
Ole kwa lile taji la maua, kiburi cha walevi wa Efraimu, kwa ua linalosinyaa, uzuri wa utukufu wake, uliowekwa kwenye kichwa cha bonde lenye rutuba: kwa ule mji, kiburi cha wale walioshushwa na mvinyo!
2 Kunoo, Gooftaan isa humna qabeessaa fi jabaa tokko qaba. Inni akkuma cabbiitii fi bubbee waa balleessuu, akkuma bokkaa jabaatii fi bishaan guutee irra dhangalaʼuu, humnaan lafatti gad ishee darbata.
Tazama, Bwana anaye mmoja aliye na uwezo na nguvu. Kama dhoruba ya mvua ya mawe na upepo uharibuo, kama mvua inyeshayo kwa nguvu na mafuriko yashukayo, atakiangusha chini kwa nguvu.
3 Gonfoon of tuulummaa, machooftonni Efreem miilla jalatti dhidhiitamu.
Lile taji la maua, kiburi cha walevi cha Efraimu, kitakanyagwa chini ya nyayo.
4 Daraaraan harcaʼu, miidhaginni isaa kabajamaan, kan mataa sulula gabbataa irra jiru sun, akkuma muka harbuu utuu bonni hin gaʼin bilchaatu sanaa taʼa; namni isa argu hundi akkuma isa harka keessa galfateen isa nyaatee fixa.
Lile ua linalosinyaa, uzuri wa utukufu wake, uliowekwa kwenye kichwa cha bonde lenye rutuba, litakuwa kama tini iliyoiva kabla ya mavuno: mara mtu aionapo, huichuma na kuila.
5 Bara sana Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu hambaa saba isaatiif, gonfoo ulfinaa, miʼa miidhaginaa ni taʼa.
Katika siku ile, Bwana Mwenye Nguvu Zote atakuwa taji la utukufu, taji zuri la maua kwa mabaki ya watu wake.
6 Inni nama murtii kennuuf taaʼuuf hafuura murtii qajeelaa taʼa; warra karra irraa waraana deebisaniif immoo madda jabinaa taʼa.
Atakuwa roho ya haki kwa yeye aketiye katika kiti cha hukumu, chanzo cha nguvu kwa wale wazuiao vita langoni.
7 Jarri kuni daadhii wayiniitiin gatantaru; dhugaatii jabaadhaan dogoggoru; luboonnii fi raajonni dhugaatii jabaadhaan gatantaru; daadhii wayiniitiin fudhatamu; isaan dhugaatii jabaadhaan karaa irraa badu; yeroo mulʼata arganittis ni dogoggoru; yeroo murtii kennanittis ni dogoggoru.
Hawa pia wanapepesuka kwa sababu ya mvinyo, wanayumbayumba kwa sababu ya kileo: Makuhani na manabii wanapepesuka kwa sababu ya kileo, wanachanganyikiwa kwa sababu ya mvinyo; wanapepesuka wanapoona maono, wanajikwaa wanapotoa maamuzi.
8 Maaddiin hundinuu diddigaan guutameera; iddoon hin xureeffamin tokko iyyuu hin jiru.
Meza zote zimejawa na matapishi wala hakuna sehemu hata ndogo isiyokuwa na uchafu.
9 “Namni inni waa barsiisuu yaalu kun eenyu? Inni eenyuuf ergaa isaa ibsaa jira? Ijoollee aannan dhiifteef moo ijoollee harma guuteef?
“Yeye anajaribu kumfundisha nani? Yeye anamwelezea nani ujumbe wake? Je, ni kwa watoto walioachishwa kunyonya? Je, ni wale ambao ndipo tu wametolewa matitini?
10 Ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja; sirna irratti sirna; sirna irratti sirna; asitti muraasa; achitti muraasa” taʼaatii.
Kwa maana ni: Amri juu ya amri, amri juu ya amri, kanuni juu ya kanuni, kanuni juu ya kanuni; hapa kidogo, kule kidogo.”
11 Yoos Waaqni afaan alagootaatiin, afaan hin beekamneenis saba kanatti ni dubbata;
Sawa kabisa, kwa midomo migeni na kwa lugha ngeni, Mungu atasema na watu hawa,
12 inni akkana isaaniin jedhe; “Kun iddoo boqonnaa ti; warri dadhaban haa boqotan; kun iddoo aara galfannaa ti.” Isaan garuu dhagaʼuu didan.
wale ambao aliwaambia, “Hapa ni mahali pa kupumzika, waliochoka na wapumzike,” na, “Hapa ni mahali pa mapumziko,” lakini hawakutaka kusikiliza.
13 Yoo akkasii dubbiin Waaqayyoo akkana isaanitti taʼa; ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja; sirna irratti sirna; sirna irratti sirna; asitti muraasa; achitti muraasa; kunis akka isaan dhaqanii dugda duubatti kufanii fi akka isaan caccabanii kiyyoodhaan qabamaniif.
Hivyo basi, neno la Bwana kwao litakuwa: Amri juu ya amri, amri juu ya amri, kanuni juu ya kanuni, kanuni juu ya kanuni, hapa kidogo, kule kidogo: ili waende na kuanguka chali, wakijeruhiwa, wakinaswa na kukamatwa.
14 Kanaafuu isin qoostonni warri uummata Yerusaalem bulchitan dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
Kwa hiyo sikieni neno la Bwana, enyi watu wenye dharau mnaotawala watu hawa wa Yerusalemu.
15 Isin akkana jettanii of tuultu; “Nu duʼa wajjin kakuu galleerra; siiʼool wajjinis walii galtee gooneerra. Sababii nu soba daʼoo godhannee, sobas iddoo itti dhokannu godhanneef, balaan hamaan yeroo dhufee lafa balleessutti nu tuquu hin dandaʼu.” (Sheol )
Ninyi mnajisifu, “Tumefanya agano na mauti, tumefanya mapatano na kuzimu. Wakati pigo lifurikalo litakapopita, haliwezi kutugusa sisi, kwa kuwa tumefanya uongo kuwa kimbilio letu na miungu ya uongo kuwa mahali petu pa kujificha.” (Sheol )
16 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Kunoo ani dhagaa tokko, dhagaa qoratame, dhagaa golee gati jabeessa tokko hundee mirkanaaʼaadhaaf Xiyoon keessa nan kaaʼa; namni amanu kam iyyuu hin qaanaʼu.
Kwa hiyo hivi ndivyo Bwana Mwenyezi asemavyo: “Tazama, ninaweka jiwe katika Sayuni, jiwe lililojaribiwa, jiwe la pembeni la thamani kwa ajili ya msingi thabiti. Yeye atumainiye kamwe hatatiwa hofu.
17 Ani murtii qajeelaa funyoo ittiin safaran, qajeelummaa immoo madaalii nan godhadha; soba isin daʼoo godhattan sana bokkaan jabaan ni balleessa; bishaanis lafa isin itti dhokattan keessa ni lolaʼa.
Nitaifanya haki kuwa kamba ya kupimia na uadilifu kuwa timazi; mvua ya mawe itafagia kimbilio lenu, huo uongo, nayo maji yatafurikia mahali penu pa kujificha.
18 Kakuun isin duʼa wajjin godhattan ni diigama; walii galteen isin siiʼool wajjin godhattanis ni barbadeeffama. Yeroo balaan hamaan dhufee lafa balleessutti isin lafatti gad dhidhiitamtu. (Sheol )
Agano lenu na kifo litabatilishwa, patano lenu na kuzimu halitasimama. Wakati pigo lifurikalo litakapowakumba, litawaangusha chini. (Sheol )
19 Inni yeroo dhufu hunda isin fudhatee deema; ganama ganama halkanii fi guyyaas, inni waa balleessa.” Ergaa kana hubachuun naasuu guddaa namatti fida.
Kila mara lijapo litawachukua, asubuhi baada ya asubuhi, wakati wa mchana na wakati wa usiku, litawakumba tangu mwanzo hadi mwisho.” Kuuelewa ujumbe huu utaleta hofu tupu.
20 Sireen irratti diriirfachuuf baayʼee gabaabaa dha; uffata halkanii ofitti marachuuf baayʼee dhiphaa dha.
Kitanda ni kifupi mno kujinyoosha juu yake, nguo ya kujifunikia ni nyembamba mno mtu hawezi kujifunikia.
21 Waaqayyo hojii isaa, hojii isaa haaraa sana hojjechuuf, gocha isaa, gocha isaa kan hin beekamne sana hojjechuuf, akkuma Tulluu Pheraaziim keessatti godhe sana ni kaʼa; akkuma Sulula Gibeʼoonitti godhe sana ni kaʼa.
Bwana atainuka kama alivyofanya kwenye Mlima Perasimu, ataghadhibika kama alivyofanya katika Bonde la Gibeoni: ili kufanya kazi yake, kazi yake ya ajabu, ili kutimiza kazi yake, kazi yake ngeni.
22 Amma qoosaa keessan dhiisaa; yoo akkas hin taʼin foncaan keessan isinitti jabaata; Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, labsii guutummaa biyyattii balleessuuf labse natti himeera.
Sasa acheni dharau zenu, la sivyo minyororo yenu itakuwa mizito zaidi. Bwana, Bwana Mwenye Nguvu Zote, ameniambia habari za maangamizi yaliyoamriwa dhidi ya nchi yote.
23 Dhaggeeffadhaatii sagalee koo dhagaʼaa; qalbeeffadhaatii waan ani dubbadhu dhagaʼaa.
Sikilizeni msikie sauti yangu, tegeni masikio na msikie niyasemayo.
24 Qonnaan bulaan tokko yeroo sanyii facaasuuf lafa qotatutti, ittuma fufee qotaa? Inni ittuma fufee biyyoo caccabsee bulleessaa?
Wakati mkulima alimapo ili apande, je, hulima siku zote? Je, huendelea kubomoa ardhi na kusawazisha udongo?
25 Inni yeroo lafa wal qixxeessutti dimbilaalaa fi kamuunii hin facaasuu? Inni qamadii toora tooraan, garbuu iddoo isaa irratti, honboriis lafa qotiisaa isaa irratti hin facaasuu?
Akiisha kusawazisha shamba, je, hatapanyi mbegu za bizari na kutawanya jira? Je, hapandi ngano katika sehemu yake, shayiri katika eneo lake, na nafaka nyingine katika shamba lake?
26 Waaqni isaa isa barsiisa; karaa qajeelaa irras isa buusa.
Mungu wake humwelekeza na kumfundisha njia iliyo sahihi.
27 Abasuudni gangalchaadhaan hin dhaʼamu; kamuunii irras gommaan gaarii hin oofamu; abasuudni uleedhaan, insilaalli immoo shimalaan dhaʼama.
Iliki haipurwi kwa nyundo, wala gurudumu la gari halivingirishwi juu ya jira; iliki hupurwa kwa fimbo, na jira kwa ufito.
28 Midhaan buddeena tolchuuf daakamuu qaba; kanaafuu namni tokko bara baraan midhaan hin dhaʼu. Inni gommaa gaarii kan midhaan dhaʼu midhaan sana irra oofu iyyuu fardeen isaa midhaanicha hin bulleessan.
Nafaka lazima isagwe ili kutengeneza mkate, kwa hiyo mtu haendelei kuipura daima. Ingawa huendesha magurudumu ya gari lake la kupuria juu yake, farasi wake hawasagi.
29 Wanni kun hundinuu Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu, isa mariidhaan dinqisiisaa, ogummaadhaanis guddaa taʼe biraa dhufa.
Haya yote pia hutoka kwa Bwana Mwenye Nguvu Zote, mwenye mashauri ya ajabu, na anayepita wote kwa hekima.