< Isaayyaas 28 >
1 Gonfoo of tuulummaa kan machooftota Efreem sanaaf, daraaraa coollagu kan ulfina miidhagina isaaniitiif, kan mataa sulula gabbataa irra jiruuf, magaalaa warra daadhii wayiniitiin fudhataman sanaatiif wayyoo!
禍哉,那為酒灌倒的厄弗辣因醉漢所驕矜的冠冕!禍哉,那生於肥谷之巔作她美飾的殘花!
2 Kunoo, Gooftaan isa humna qabeessaa fi jabaa tokko qaba. Inni akkuma cabbiitii fi bubbee waa balleessuu, akkuma bokkaa jabaatii fi bishaan guutee irra dhangalaʼuu, humnaan lafatti gad ishee darbata.
看哪!吾主興起一位強有力者,有如帶冰雹的暴雨,又如摧毀性的狂風,和漲溢氾濫的大水,猛力將一切拋落地上。
3 Gonfoon of tuulummaa, machooftonni Efreem miilla jalatti dhidhiitamu.
厄弗辣因醉漢所驕矜的冠冕,必被人踏在腳下;
4 Daraaraan harcaʼu, miidhaginni isaa kabajamaan, kan mataa sulula gabbataa irra jiru sun, akkuma muka harbuu utuu bonni hin gaʼin bilchaatu sanaa taʼa; namni isa argu hundi akkuma isa harka keessa galfateen isa nyaatee fixa.
生於肥谷之巔作她美飾的殘花,將如夏季前早熟的無花果,人一見到便伸手摘取吞下。
5 Bara sana Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu hambaa saba isaatiif, gonfoo ulfinaa, miʼa miidhaginaa ni taʼa.
到那一天,萬軍的上主將親作他殘餘的百姓的榮冠和華冕;
6 Inni nama murtii kennuuf taaʼuuf hafuura murtii qajeelaa taʼa; warra karra irraa waraana deebisaniif immoo madda jabinaa taʼa.
他將是坐堂判案者的公義之神,將是門前禦敵者的力量。
7 Jarri kuni daadhii wayiniitiin gatantaru; dhugaatii jabaadhaan dogoggoru; luboonnii fi raajonni dhugaatii jabaadhaan gatantaru; daadhii wayiniitiin fudhatamu; isaan dhugaatii jabaadhaan karaa irraa badu; yeroo mulʼata arganittis ni dogoggoru; yeroo murtii kennanittis ni dogoggoru.
連這些人也因清酒而搖晃,因濃酒而蹣跚;他們在異象中搖晃,在審斷時暈眩。
8 Maaddiin hundinuu diddigaan guutameera; iddoon hin xureeffamin tokko iyyuu hin jiru.
一切筵席上都滿了嘔吐,沒有一處不是垢物。
9 “Namni inni waa barsiisuu yaalu kun eenyu? Inni eenyuuf ergaa isaa ibsaa jira? Ijoollee aannan dhiifteef moo ijoollee harma guuteef?
他要將智識授給誰呢﹖向誰解釋啟示呢﹖是向方才斷乳和剛離母懷的嬰兒嗎﹖
10 Ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja; sirna irratti sirna; sirna irratti sirna; asitti muraasa; achitti muraasa” taʼaatii.
這只是些「命上加命,命上加命,令上加令,令上加令,這裏一點,那裏一點!」
11 Yoos Waaqni afaan alagootaatiin, afaan hin beekamneenis saba kanatti ni dubbata;
是的,上主要用口吃的唇,異人的舌,向這民族說話!
12 inni akkana isaaniin jedhe; “Kun iddoo boqonnaa ti; warri dadhaban haa boqotan; kun iddoo aara galfannaa ti.” Isaan garuu dhagaʼuu didan.
雖然他曾對他們說過:「這就是安息的地方,讓困倦的人安息罷!這就是休養的處所。」可惜他們總不肯聽從。
13 Yoo akkasii dubbiin Waaqayyoo akkana isaanitti taʼa; ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja; sirna irratti sirna; sirna irratti sirna; asitti muraasa; achitti muraasa; kunis akka isaan dhaqanii dugda duubatti kufanii fi akka isaan caccabanii kiyyoodhaan qabamaniif.
因此上主的話對他們真成了「命上加命,命上加命,令上加令,令上加令,這裏一點,那裏一點!」致使他們雖然前行,卻向後仰倒而跌傷,陷於圈套而被擄獲。
14 Kanaafuu isin qoostonni warri uummata Yerusaalem bulchitan dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
為此,你們這些在耶路撒冷統治這民族的好嘲弄的人,聽上主的話罷!
15 Isin akkana jettanii of tuultu; “Nu duʼa wajjin kakuu galleerra; siiʼool wajjinis walii galtee gooneerra. Sababii nu soba daʼoo godhannee, sobas iddoo itti dhokannu godhanneef, balaan hamaan yeroo dhufee lafa balleessutti nu tuquu hin dandaʼu.” (Sheol )
你們曾說過:「我們與死亡訂了盟,與陰府結了約,當狂怒的刑鞭經過時,不會落在我們身上,因為我們有欺詐作我們的遮掩,有虛偽作我們的庇護。」 (Sheol )
16 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Kunoo ani dhagaa tokko, dhagaa qoratame, dhagaa golee gati jabeessa tokko hundee mirkanaaʼaadhaaf Xiyoon keessa nan kaaʼa; namni amanu kam iyyuu hin qaanaʼu.
因此吾主上主這樣說:「看,我要在熙雍安放一塊石頭,一塊精選的石頭,一塊寶貴的角石作基礎,信賴的人必不動搖。
17 Ani murtii qajeelaa funyoo ittiin safaran, qajeelummaa immoo madaalii nan godhadha; soba isin daʼoo godhattan sana bokkaan jabaan ni balleessa; bishaanis lafa isin itti dhokattan keessa ni lolaʼa.
我要以公平為準繩,以正義為權衡;冰雹將蕩盡欺詐的遮掩地,洪流將沖散虛偽的庇護所。
18 Kakuun isin duʼa wajjin godhattan ni diigama; walii galteen isin siiʼool wajjin godhattanis ni barbadeeffama. Yeroo balaan hamaan dhufee lafa balleessutti isin lafatti gad dhidhiitamtu. (Sheol )
你們與死亡所訂的盟約必要廢除,與陰府所結的約必不持久;當狂怒的刑鞭經過時,你們必被蹂躪; (Sheol )
19 Inni yeroo dhufu hunda isin fudhatee deema; ganama ganama halkanii fi guyyaas, inni waa balleessa.” Ergaa kana hubachuun naasuu guddaa namatti fida.
每次經過,每次必要打擊你們;他每朝經過,白日黑夜也經過;惟有恐怖方能使你們明白這啟示。」
20 Sireen irratti diriirfachuuf baayʼee gabaabaa dha; uffata halkanii ofitti marachuuf baayʼee dhiphaa dha.
真是伸直身子床也短,縮作一團被又窄。
21 Waaqayyo hojii isaa, hojii isaa haaraa sana hojjechuuf, gocha isaa, gocha isaa kan hin beekamne sana hojjechuuf, akkuma Tulluu Pheraaziim keessatti godhe sana ni kaʼa; akkuma Sulula Gibeʼoonitti godhe sana ni kaʼa.
因為上主要興起,如在培辣親山上一樣;要發怒,如在基貝紅山谷一樣,為履行他的工作--他神妙的工作,為完成他的事業--他奇異的事業。
22 Amma qoosaa keessan dhiisaa; yoo akkas hin taʼin foncaan keessan isinitti jabaata; Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, labsii guutummaa biyyattii balleessuuf labse natti himeera.
所以現在不要再嘲笑了,免得你們的繩索繫得更緊,因為我聽到的有關毀滅大地的決議,是來自吾主萬軍的上主。
23 Dhaggeeffadhaatii sagalee koo dhagaʼaa; qalbeeffadhaatii waan ani dubbadhu dhagaʼaa.
請你們側耳靜聽我的聲音,請留意傾聽我的言語:
24 Qonnaan bulaan tokko yeroo sanyii facaasuuf lafa qotatutti, ittuma fufee qotaa? Inni ittuma fufee biyyoo caccabsee bulleessaa?
耕田的人那有整日耕田,掘土耙地的呢﹖
25 Inni yeroo lafa wal qixxeessutti dimbilaalaa fi kamuunii hin facaasuu? Inni qamadii toora tooraan, garbuu iddoo isaa irratti, honboriis lafa qotiisaa isaa irratti hin facaasuu?
當他把地弄平了以後,不是要撒上小茴香,播種大茴香,種植大麥和小麥,地邊種玉蜀黍嗎﹖
26 Waaqni isaa isa barsiisa; karaa qajeelaa irras isa buusa.
這是上主教給他的方式,他的天主指示他的。
27 Abasuudni gangalchaadhaan hin dhaʼamu; kamuunii irras gommaan gaarii hin oofamu; abasuudni uleedhaan, insilaalli immoo shimalaan dhaʼama.
打小茴香不須用釘耙,打大茴香不須用碾機,而是用木棒打小茴香,用棍子打大茴香。
28 Midhaan buddeena tolchuuf daakamuu qaba; kanaafuu namni tokko bara baraan midhaan hin dhaʼu. Inni gommaa gaarii kan midhaan dhaʼu midhaan sana irra oofu iyyuu fardeen isaa midhaanicha hin bulleessan.
五穀豈是要輾碎的嗎﹖不是!人並不將它無限期地壓了又壓,而是叫碾機滾過,碾出穀粒來,並不是為碾碎它。
29 Wanni kun hundinuu Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu, isa mariidhaan dinqisiisaa, ogummaadhaanis guddaa taʼe biraa dhufa.
這也是出自萬軍的上主:他的計劃真是神奇,他的智慧真是超絕。