< Isaayyaas 27 >
1 Bara sana, Waaqayyo goraadee isaatiin, goraadee isaa sodaachisaa, guddaa fi jabaa sanaan, Lewaataan boficha mirmirfamu, Lewaataan boficha marmaramu sana ni adaba; inni jawwee galaana keessa jiraatu ni kukkuta.
Katika siku hiyo Yahwe kwa upanga wake ulio mgumu, mkubwa na mkali, atamadhibu Leviathani na nyoka yule anayetambaa kwa kupenya, na atamuua mnyama anayeishi baharini.
2 Bara sana akkana jedhama; “Waaʼee iddoo dhaabaa wayinii kan namatti tolu sanaa faarfadhaa;
Siku hiyo: Shamba la zabibu, litawaimbia.
3 ani Waaqayyo isa nan eega; ani yeroo hunda bishaan nan obaasa; akka namni tokko iyyuu isa hin miineef ani halkanii fi guyyaa isa nan eega.
''Mimi Yahwe ni mlinzi wake; Ninalimwagia maji kila wakati; hivyo hakuna anayelimiza, Ninalilinda usiku na mchana.
4 Ani hin aaru. Sokorruu fi qoraattiin waraanaaf utuu natti baʼanii! Ani silaa isaanitti nan duula; walitti qabees isaan nan guba.
Sina hasira, Oh, kama mbigiri na miiba! Katika vita nitatembea dhidi yao; Nitawachoma wote kwa pamoja;
5 Yoo kanaa achii isaan kooluu natti haa galan; isaan na wajjin nagaa haa uuman; eeyyee, isaan na wajjin nagaa haa uuman.”
labda wafahamu ulinzi wangu na wafanye amani na mimi, waache wafanye amani na mimi.
6 Bara dhufuuf jiru keessa Yaaqoob hidda baasa; Israaʼel latee daraara; ijaanis addunyaa hunda guuta.
Kwa siku inayokuja, Yakobo atachukua mzizi; Israeli itatoa maua na kuchipua; na itaijaza aridhi yote kwa matunda.''
7 Waaqayyo akkuma warra ishee rukutan sana rukute, ishee illee rukuteeraa? Akkuma warri ishee ajjeesan sun ajjeefaman, isheenis ajjeefamteertii?
Je Yahwe alimshambulia Yakobo na Israeli na hayo mataifa yaliyomshambulia? Je Yakobo na Israeli waliuliwa na wao kama mliowachinja katika mataifa mliowauwa wao?
8 Ati waraanuu fi ariʼuudhaan isheedhaan wal falmite; inni guyyaa bubbeen baʼaa bubbisutti, bubbee isaa sodaachisaa sanaan ishee balleessa.
Kitika kipimo halisi cha kuridhisha, watume Yakobo na Israeli mbali; aliwaondosha mbali kwa upepo mkali, katika siku ya upepo wa mashariki.
9 Yommuu inni dhagoota iddoo aarsaa hunda akkuma dhagaa nooraa caccabsamee godhutti, siidaan asheeraa yookaan iddoon aarsaa ixaanaa tokko iyyuu dhaabatee hin hafu. Akkasiinis balleessaan Yaaqoob ni haqamaaf; kunis cubbuun isaa guutumaan guutuutti haqamuu isaa mirkaneessa.
Hivyo kwa njia hii, maovu ya Yakobo yatalipiwa, maana hii itakuwa matunda yote yakuomdolewa dhambi zake: pale atakapofanya mathebau ya mawe kama chokaa na kuviangamiza katika vipande vipande, na hakuna nguzo za Ashera au madhebau itakayoachwa imesimama.
10 Magaalaan dallaa jabaa qabdu ni onti; akka gammoojjii gatamteetii fi dhiifamtee taati; jabboonni achi dheeddi; achis ni ciciifti; jabboonni damee ishee qorqanii qullaa hambisu.
Maana mji imara umeharibiwa, makao yake na faragha yake yameachwa kama jangwa. Kuna ndama wanachungwa, na huko ndiko atakapo lala na kuyala matawi yake.
11 Dameen ishee yeroo gogutti irraa caccaba; dubartoonnis dhufanii ibiddatti naqatu. Uummanni kun hubannaa hin qabuutii; kanaafuu Tolchaan isaanii garaa hin laafuuf; Uumaan isaaniis isaaniif hin araaramu.
Matawi yake yatakaponyauka yatanguka. Wanawake watakuja na kuyatumia kutengeneza moto, maana hawa sio watu waelewa. Hivyo basi Muumba wao hatakuwa na huruma juu yao, na yeye aliyewaumba atakuwa na huruma juu yao.
12 Bara sana Waaqayyo Laga Efraaxiisii hamma laga Gibxitti midhaan dhaʼa; yaa Israaʼeloota, isin tokko tokkoon walitti ni qabamtu.
Na siku hiyo itakuwa kwamba Yahwe atapururua kutoka mto Efrate mpaka Wadi ya Misri na njie, watu wa Israeli, tutakusanyika mahali pamoja mmoja mmoja.
13 Bara sana malakanni guddaan tokko ni afuufama. Warri Asoor keessatti badanii turanii fi warri Gibxi keessatti faffacaʼanii turan dhufanii tulluu qulqulluu irratti Yerusaalem keessatti Waaqayyoon waaqeffatu.
Siku hiyo tarumbeta kubwa litapulizwa; na watu waliopotea katika nchi ya Asiria watakuja, na waliotupwa katika nchi ya Misri, watamuabudu Yahwe katika mlima mtakatifu huko Yerusalemu.