< Isaayyaas 27 >
1 Bara sana, Waaqayyo goraadee isaatiin, goraadee isaa sodaachisaa, guddaa fi jabaa sanaan, Lewaataan boficha mirmirfamu, Lewaataan boficha marmaramu sana ni adaba; inni jawwee galaana keessa jiraatu ni kukkuta.
At that time the Lord will take his sharp, large, and strong sword, and punish Leviathan, the slithering serpent, and Leviathan, the coiled serpent, and he will kill the sea dragon.
2 Bara sana akkana jedhama; “Waaʼee iddoo dhaabaa wayinii kan namatti tolu sanaa faarfadhaa;
At that time, sing about a beautiful vineyard.
3 ani Waaqayyo isa nan eega; ani yeroo hunda bishaan nan obaasa; akka namni tokko iyyuu isa hin miineef ani halkanii fi guyyaa isa nan eega.
I, the Lord, take care of it, watering it often. I guard it night and day so that nobody can damage it.
4 Ani hin aaru. Sokorruu fi qoraattiin waraanaaf utuu natti baʼanii! Ani silaa isaanitti nan duula; walitti qabees isaan nan guba.
I'm not angry anymore. If there are thorns and brambles I would go and fight them, burning them all up,
5 Yoo kanaa achii isaan kooluu natti haa galan; isaan na wajjin nagaa haa uuman; eeyyee, isaan na wajjin nagaa haa uuman.”
Otherwise they should come to me for protection. They should make their peace with me, yes, make their peace with me.
6 Bara dhufuuf jiru keessa Yaaqoob hidda baasa; Israaʼel latee daraara; ijaanis addunyaa hunda guuta.
In the future the descendants of Jacob will be like a tree taking root. Israel will flower and send out shoots, and fill the whole world with fruit!
7 Waaqayyo akkuma warra ishee rukutan sana rukute, ishee illee rukuteeraa? Akkuma warri ishee ajjeesan sun ajjeefaman, isheenis ajjeefamteertii?
Has the Lord hit Israel as he hit those that attacked them? Were they killed like their killers were killed?
8 Ati waraanuu fi ariʼuudhaan isheedhaan wal falmite; inni guyyaa bubbeen baʼaa bubbisutti, bubbee isaa sodaachisaa sanaan ishee balleessa.
You dealt with them by sending them into exile, by banishing them. He drove them away with his powerful force, like when the east wind blows.
9 Yommuu inni dhagoota iddoo aarsaa hunda akkuma dhagaa nooraa caccabsamee godhutti, siidaan asheeraa yookaan iddoon aarsaa ixaanaa tokko iyyuu dhaabatee hin hafu. Akkasiinis balleessaan Yaaqoob ni haqamaaf; kunis cubbuun isaa guutumaan guutuutti haqamuu isaa mirkaneessa.
Through this experience Jacob's guilt will be forgiven. The removal of their sins will come to fruition when they take all the pagan altar stones and crush them to pieces like chalk—no Asherah poles or altars of incense will be left standing.
10 Magaalaan dallaa jabaa qabdu ni onti; akka gammoojjii gatamteetii fi dhiifamtee taati; jabboonni achi dheeddi; achis ni ciciifti; jabboonni damee ishee qorqanii qullaa hambisu.
The fortified city will be abandoned, its houses as empty and lonely as a desert. Cattle will graze and rest there, stripping bare the branches of its trees.
11 Dameen ishee yeroo gogutti irraa caccaba; dubartoonnis dhufanii ibiddatti naqatu. Uummanni kun hubannaa hin qabuutii; kanaafuu Tolchaan isaanii garaa hin laafuuf; Uumaan isaaniis isaaniif hin araaramu.
Their dry branches are broken off and used by women to make fires. This is a people that doesn't have any sense, so their Maker won't feel sorry for them, and their Creator won't help them.
12 Bara sana Waaqayyo Laga Efraaxiisii hamma laga Gibxitti midhaan dhaʼa; yaa Israaʼeloota, isin tokko tokkoon walitti ni qabamtu.
At that time the Lord will thresh the grain harvested from the Euphrates River to the Wadi of Egypt, and you Israelites will be gathered up one by one.
13 Bara sana malakanni guddaan tokko ni afuufama. Warri Asoor keessatti badanii turanii fi warri Gibxi keessatti faffacaʼanii turan dhufanii tulluu qulqulluu irratti Yerusaalem keessatti Waaqayyoon waaqeffatu.
At that time a loud trumpet will sound, and those who were dying in Assyria will return along with those exiled in Egypt. They will come and worship the Lord on the holy mountain in Jerusalem.