< Isaayyaas 26 >

1 Bara sana faarfannaan kun biyya Yihuudaa keessatti faarfatama: Nu magaalaa jabaa qabna; Waaqnis fayyina, dallaa eegumsa isheetii fi daʼannoo ishee taasisa.
Siku hiyo wimbo huu utaimbwa katika nchi ya Yuda: Tuna mji imara; Mungu amefanya wokovu katika kuta na ngome zake.
2 Akka sabni qajeelaan, sabni amanamummaadhaan jiraatu ol seenuuf, karrawwan banaa.
Fungua lango, ili mataifa yenye haki yaweze na yenye kutunza imani yaweze kuingia ndani.
3 Inni sitti irkateeraatii, nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru, ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.
Akili mlionayo, mtamuhifadhi yeye katika amani kamili, maana anawamini ninyi.
4 Sababii Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa, Kattaa bara baraa taʼeef, bara baraan Waaqayyoon amanadhaa.
Mwamini Yahwe daima; maana Yaha, Yahwe, ni mwamba wa milele.
5 Inni warra iddoo ol kaʼaa irra jiraatan gad qaba; magaalaa tabba irra jirtu gad buusa; lafatti gatees awwaaratti ishee maka.
Maana atawashusha wale wote wenye kiburi; mji ulio juu atushusha chini, ataushusha chini kwenye aridhi; na ataulinganisha na mavumbi.
6 Miilli, miilli warra hacuucamee, faanni hiyyeeyyii ishee dhidhiita.
Utakanyagwakanyagwa chini na miguu ya walio masikini na wahitaji.
7 Daandiin nama qajeelaa wal qixxaataa dha; yaa Isa Tolaa, ati qajeeltotaaf karaa baafta.
Mapito ya mwenye haki yamenyooka, Wenye haki; mapito ya wenye haki umeyanyoosha.
8 Yaa Waaqayyo, nu karaa seera keetii irra deemaa si eegganna, maqaan keetii fi beekamuun kee hawwii garaa keenyaa ti.
Ndio, kaika mapito ya hukumu yako, Yahwe, tunakusubiri wewe; jina lako na sifa zako ni matamanio yetu.
9 Halkan lubbuun koo si yaaddi; ganamas hafuurri koo baayʼisee si barbaada. Yeroo murtiin kee gara lafaa dhufutti, uummanni addunyaa qajeelummaa barata.
Nimekutamani wewe wakati wa usiku; ndio, roho iliyo ndani yangu ina kutafuta kwa bidii. Pindi hukumu yako itakapokuja duniani, wenyeji wa duniani watajua kuhusu haki.
10 Namni hamaan gara laafinni godhamuuf iyyuu, qajeelummaa hin baratu; biyya qajeelummaan jirutti iyyuu inni ittuma fufee jalʼina hojjeta; surraa Waaqayyoos hin hubatu.
Na tuonyeshe upendeleo kwa waovu, lakini hawatajifunza haki. katika nchi ya wanyofu anatenda maovu na haoni ukuu wa Yahwe.
11 Yaa Waaqayyo, harki kee ol kaafameera; isaan garuu isa hin argan. Isaan hinaaffaa ati saba keetiif qabdu arganii haa qaanaʼan; ibiddi diinota keetiif kuufame sun isaan haa balleessu.
Yahwe, mkono wako umenyanyuliwa juu, lakini hawapati hizo taarifa. Lakini wataona bidii kwa watu na wataona aibu, kwa sababu idadi ya maadui watawatafuna.
12 Yaa Waaqayyo, ati nagaa nuuf kenniteerta; ati hojii keenya hunda nuuf hojjetteertaatii.
Yahwe, utaleta amani kwetu, maana kweli, umekamilisha kazi zetu zote.
13 Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, si malee gooftonni biraa nu bulchaniiru; nu garuu maqaa kee qofa ulfeessina.
Yahwe Mungu wetu, viongozi wengine badala yako wametutawala sisi; Lakini tunalitukuza jina lako.
14 Isaan amma duʼaniiru; siʼachi hin jiraatan; isaan gaaddidduu dha; deebiʼaniis hin kaʼan. Ati isaan adabde; isaan balleessites; yaadannoo isaanii hundas ni barbadeessite.
Wamekufa, hawataishi tena; ni maremu hao, hawatafufuka tena. Kweli, umekuja kuwahukumu na kuwaharibu wao, na umefanya kila kumbukumbu kutoweka.
15 Yaa Waaqayyo, ati saba baayʼisteerta; ati saba baayʼisteerta; ati ofii keetiif ulfina argatteerta; daarii biyyaa hunda balʼifteerta.
Umeliongeza taifa, Yahwe, umeliongeza taifa; umeheshimiwa; umeinuliwa katika mipaka yote ya nchi.
16 Yaa Waaqayyo, isaan yeroo dhiphinaatti si barbaaddatan; yeroo ati isaan adabdetti isaan kadhannaa gad roobsan.
Yahwe, katika mateso yao walikuangalia wewe; walipatwa na wasiwasi katika maombi yao maana adhabu yako ilikuwa juu yao.
17 Akkuma dubartiin ulfaa yeroo daʼuu geessutti, ciniinsuudhaan wixxirfattee iyyitu sana, yaa Waaqayyo, nus fuula kee duratti akkasuma taaneerra.
Kama mwanamke mjamzito anayekaribia kujifungua, hupatwa na uchungu na hulia kwa uchungu, hivyo ndivyo tulivyokuwa kabla, Bwana.
18 Nu ulfoofnee, ciniinsuudhaan wixxirfanne; nu garuu bubbee deenye. Nu lafaaf fayyina hin fidne; nu uummata addunyaa hin deenye.
Tulikuwa wajawazito, tumekuwa katika mateso, lakini ni kama tumeshajifungua katika akili zetu. Hatujauleta wokovu duniani, na wakazi wa duniani hawakuanguka.
19 Garuu namoonni kee kanneen duʼan ni jiraatu; dhagni isaaniis duʼaa ni kaʼa. Isin warri biyyoo keessa jiraattan, dammaqaatii gammachuudhaan ililchaa. Fixeensi kee akkuma fixeensa ganamaa ti; laftis warra duʼan of keessaa baafti.
Wafu wenu wataishi; watu wenu walio kufa watafufuka. Amka na uimbe kwa furaha, njie muishio mavumbini; maana umande wenu ni umande wa mwanga, na dunia itawaleta mbele wafu wake.
20 Yaa saba ko, kutaa mana keetti ol galiitii duubaan balbala ofitti cufi; hamma dheekkamsi isaa darbutti, yeroo muraasaaf of dhoksi.
Enendeni, watu wangu, ingieni katika vyumba vyenu na mfunge mlango nyuma yenu; jificheni kwa mda mfupi, mpaka hasira itakapopita.
21 Kunoo, Waaqayyo sababii cubbuu isaaniitiif uummata lafa irraa adabuuf iddoo jireenya isaatii baʼee dhufaa jira. Lafti dhiiga ishee irratti dhangalaafame sana ifa baafti; siʼachi warra ishee irratti qalaman hin dhoksitu.
Maana, angalia, Yahwe anakaribia kutoka katika eneo lake kuwahadhibu watu waishio duniani kwa ajili ya makosa yao; dunia itaachia umwagaji wa damu, na hawatawaficha tena waliokufa.

< Isaayyaas 26 >