< Isaayyaas 26 >

1 Bara sana faarfannaan kun biyya Yihuudaa keessatti faarfatama: Nu magaalaa jabaa qabna; Waaqnis fayyina, dallaa eegumsa isheetii fi daʼannoo ishee taasisa.
In that day, this song will be sung in the land of Judah: "We have a strong city. He appoints salvation for walls and ramparts.
2 Akka sabni qajeelaan, sabni amanamummaadhaan jiraatu ol seenuuf, karrawwan banaa.
Open the gates, that the righteous nation may enter: the one which keeps faith.
3 Inni sitti irkateeraatii, nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru, ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.
You will keep him in peace, in peace whose thoughts are fixed on you, because he trusts in you.
4 Sababii Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa, Kattaa bara baraa taʼeef, bara baraan Waaqayyoon amanadhaa.
Trust in Jehovah forever; for in JAH, Jehovah, is an everlasting Rock.
5 Inni warra iddoo ol kaʼaa irra jiraatan gad qaba; magaalaa tabba irra jirtu gad buusa; lafatti gatees awwaaratti ishee maka.
For he has brought down those who dwell on high, the lofty city. He lays it low to the ground. He casts it to the dust.
6 Miilli, miilli warra hacuucamee, faanni hiyyeeyyii ishee dhidhiita.
The feet of the poor tramples it down, the footsteps of the needy."
7 Daandiin nama qajeelaa wal qixxaataa dha; yaa Isa Tolaa, ati qajeeltotaaf karaa baafta.
The way of the righteous is level. O Just One, you make the path of the righteous smooth.
8 Yaa Waaqayyo, nu karaa seera keetii irra deemaa si eegganna, maqaan keetii fi beekamuun kee hawwii garaa keenyaa ti.
Yes, in the path of your judgments, Jehovah, have we waited for you. Your name and your renown are the desire of our soul.
9 Halkan lubbuun koo si yaaddi; ganamas hafuurri koo baayʼisee si barbaada. Yeroo murtiin kee gara lafaa dhufutti, uummanni addunyaa qajeelummaa barata.
With my soul have I desired you in the night. Yes, my spirit within me will seek you early, for when your judgments are in the earth, the inhabitants of the world learn righteousness.
10 Namni hamaan gara laafinni godhamuuf iyyuu, qajeelummaa hin baratu; biyya qajeelummaan jirutti iyyuu inni ittuma fufee jalʼina hojjeta; surraa Waaqayyoos hin hubatu.
Let favor be shown to the wicked, yet he will not learn righteousness. In the land of uprightness he will deal wrongfully, and will not see Jehovah's majesty.
11 Yaa Waaqayyo, harki kee ol kaafameera; isaan garuu isa hin argan. Isaan hinaaffaa ati saba keetiif qabdu arganii haa qaanaʼan; ibiddi diinota keetiif kuufame sun isaan haa balleessu.
Jehovah, your hand is lifted up, yet they do not see; they see the zeal of the people, and are ashamed. Yes, fire will consume your adversaries.
12 Yaa Waaqayyo, ati nagaa nuuf kenniteerta; ati hojii keenya hunda nuuf hojjetteertaatii.
Jehovah, you will ordain peace for us, for you have also worked all our works for us.
13 Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, si malee gooftonni biraa nu bulchaniiru; nu garuu maqaa kee qofa ulfeessina.
Jehovah our God, other lords besides you have had dominion over us, but by you only will we make mention of your name.
14 Isaan amma duʼaniiru; siʼachi hin jiraatan; isaan gaaddidduu dha; deebiʼaniis hin kaʼan. Ati isaan adabde; isaan balleessites; yaadannoo isaanii hundas ni barbadeessite.
The dead shall not live, and the departed spirits shall not rise. Therefore have you visited and destroyed them, and caused all memory of them to perish.
15 Yaa Waaqayyo, ati saba baayʼisteerta; ati saba baayʼisteerta; ati ofii keetiif ulfina argatteerta; daarii biyyaa hunda balʼifteerta.
You have increased the nation, Jehovah. You have increased the nation. You are glorified. You have enlarged all the borders of the land.
16 Yaa Waaqayyo, isaan yeroo dhiphinaatti si barbaaddatan; yeroo ati isaan adabdetti isaan kadhannaa gad roobsan.
Jehovah, in trouble they sought you. They poured out a prayer when your chastening was on them.
17 Akkuma dubartiin ulfaa yeroo daʼuu geessutti, ciniinsuudhaan wixxirfattee iyyitu sana, yaa Waaqayyo, nus fuula kee duratti akkasuma taaneerra.
Like as a woman with child, who draws near the time of her delivery, is in pain and cries out in her pangs; so we have been before you, Jehovah.
18 Nu ulfoofnee, ciniinsuudhaan wixxirfanne; nu garuu bubbee deenye. Nu lafaaf fayyina hin fidne; nu uummata addunyaa hin deenye.
We have been with child. We have been in pain. We gave birth, it seems, only to wind. We have not worked any deliverance in the earth; neither have the inhabitants of the world fallen.
19 Garuu namoonni kee kanneen duʼan ni jiraatu; dhagni isaaniis duʼaa ni kaʼa. Isin warri biyyoo keessa jiraattan, dammaqaatii gammachuudhaan ililchaa. Fixeensi kee akkuma fixeensa ganamaa ti; laftis warra duʼan of keessaa baafti.
Your dead shall live; my dead bodies shall rise. Awake and shout for joy, you who dwell in the dust; for your dew is like the dew of the dawn, and the earth shall bring forth the departed spirits.
20 Yaa saba ko, kutaa mana keetti ol galiitii duubaan balbala ofitti cufi; hamma dheekkamsi isaa darbutti, yeroo muraasaaf of dhoksi.
Come, my people, enter into your chambers, and shut your doors behind you. Hide yourself for a little moment, until the indignation is past.
21 Kunoo, Waaqayyo sababii cubbuu isaaniitiif uummata lafa irraa adabuuf iddoo jireenya isaatii baʼee dhufaa jira. Lafti dhiiga ishee irratti dhangalaafame sana ifa baafti; siʼachi warra ishee irratti qalaman hin dhoksitu.
For, look, Jehovah comes forth out of his place to punish the inhabitants of the earth for their iniquity. The earth also will disclose her blood, and will no longer cover her slain.

< Isaayyaas 26 >