< Isaayyaas 25 >
1 Yaa Waaqayyo, ati Waaqa koo ti; waan ati amanamummaa kee kan mudaa hin qabneen wantoota dinqisiisoo bara dheeraan dura karoorfame hojjetteef, ani ulfina siif nan kenna; maqaa kees nan leellisa.
Yahweh, you are my God; I will exalt you, I will praise your name; for you have done wonderful things, things planned long ago, in perfect faithfulness.
2 Ati magaalaa sana tuullaa dhagaa, magaalaa dallaa jajjabaa qabdu immoo diigamaa goote; magaalaan daʼannoo Namoota Ormaa turte sun siʼachi hin jiraattu; isheen gonkumaa deebitee hin ijaaramtu.
For you have made the city a heap, a fortified city, a ruin, and a fortress of strangers into no city.
3 Kanaafuu namoonni jajjaboon si kabaju; magaalaawwan saboota gara jabeeyyii si sodaatu.
Therefore a strong people will glorify you; a city of ruthless nations will fear you.
4 Ati hiyyeeyyiif lafa itti baqatan, rakkataaf immoo dhiphina isaa keessatti daʼoo, bubbee hamaa jalaa iddoo itti baqatu, hoʼa jalaa immoo iddoo itti qabbaneeffatu turte. Hafuurri gara jabeeyyiin baafatan, akkuma bubbee hamaa dallaa dhagaa dhaʼuutii fi
For you have been a place of safety for the one who is poor, a shelter for the one who is needy in his distress— a shelter from the storm and a shade from the heat. When the breath of the ruthless was like a storm against a wall,
5 akkuma hoʼa gammoojjii ti. Ati waca alagootaa ni calʼisiifta; akkuma hoʼi gaaddisa duumessaatiin qabbanaaʼu sana, sirbi gara jabeeyyiis ni qabbanaaʼa.
and like heat in a dry land, you subdued the noise of foreigners, as the heat is subdued by the shade of a cloud, so the song of the ruthless ones is answered.
6 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu tulluu kana irratti uummata hundaaf cidha nyaata gaarii, affeerraa daadhii wayinii gogee, foon coomaa fi daadhii wayinii filatamaa ni qopheessa.
On this mountain Yahweh of hosts will make for all peoples a feast of fat things, of choice wines, of tender meats, a feast on the lees.
7 Inni tulluu kana irratti, haguuggii uummata hundatti haguugame, golgaa saba hundatti golgame ni balleessa;
He will destroy on this mountain the covering over all peoples, the web woven over all the nations.
8 inni bara baraan duʼa ni liqimsa. Waaqayyo Gooftaan fuula hunda irraa imimmaan ni haqa; inni lafa hunda irratti salphina saba isaa ni balleessa. Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.
He will swallow up death forever, and the Lord Yahweh will wipe away tears from off all faces; the disgrace of his people he will take away from all the earth, for Yahweh has spoken it.
9 Isaan gaafas akkana jedhu; “Dhugumaan kun Waaqa keenya; nu isa amananne; innis nu oolche. Kun Waaqayyoo dha; nu isa amananne; kottaa fayyisuu isaatti gammannaa; ni ililchinas.”
It will be said on that day, “Look, this is our God; we have waited for him, and he will save us. This is Yahweh; we have waited for him, we will be glad and rejoice in his salvation.”
10 Harki Waaqayyoo tulluu kana irra ni boqota; Moʼaab garuu akkuma cidiin dikee keessatti dhidhiitamu sana isa jalatti dhidhiitama.
For on this mountain the hand of Yahweh will rest; and Moab will be trampled down in his place, even as straw is trampled down in a pit filled with manure.
11 Innis akkuma namni bishaan daaku tokko daakuuf harka balʼifatu sana, gaara sana irratti harka isaa ni balʼifata. Waaqnis of tuulummaa isaanii, ogummaa harka isaanii wajjin gad deebisa.
They will spread their hands in the midst of it, as a swimmer spreads his hands to swim. But Yahweh will bring down their pride in spite of the skill of their hands.
12 Inni dallaa kee ol dheeraa dhagaan ijaarame sana, akka inni duufu godha; lafatti gad jigsees biyyootti dabala.
Your high fortress walls he will bring down to the ground, to the dust.