< Isaayyaas 25 >
1 Yaa Waaqayyo, ati Waaqa koo ti; waan ati amanamummaa kee kan mudaa hin qabneen wantoota dinqisiisoo bara dheeraan dura karoorfame hojjetteef, ani ulfina siif nan kenna; maqaa kees nan leellisa.
Yehova ndinu Mulungu wanga; ine ndidzakukwezani ndi kutamanda dzina lanu, pakuti mwachita zodabwitsa zimene munakonzekeratu kalekale mokhulupirika kwambiri.
2 Ati magaalaa sana tuullaa dhagaa, magaalaa dallaa jajjabaa qabdu immoo diigamaa goote; magaalaan daʼannoo Namoota Ormaa turte sun siʼachi hin jiraattu; isheen gonkumaa deebitee hin ijaaramtu.
Inu mwasandutsa mzinda uja kukhala mulu wamiyala. Ndipo mzinda wamalinga wasanduka bwinja, linga la anthu achilendo lero si mzindanso ndipo sidzamangidwanso.
3 Kanaafuu namoonni jajjaboon si kabaju; magaalaawwan saboota gara jabeeyyii si sodaatu.
Nʼchifukwa chake anthu amphamvu adzakulemekezani; mizinda ya mitundu ya anthu ankhanza idzakuopani.
4 Ati hiyyeeyyiif lafa itti baqatan, rakkataaf immoo dhiphina isaa keessatti daʼoo, bubbee hamaa jalaa iddoo itti baqatu, hoʼa jalaa immoo iddoo itti qabbaneeffatu turte. Hafuurri gara jabeeyyiin baafatan, akkuma bubbee hamaa dallaa dhagaa dhaʼuutii fi
Inu mwakhala ngati populumukira pa anthu osauka, mwakhala ngati kobisalirako munthu wovutika pa nthawi ya masautso ake. Mwakhala ngati pobisalirapo pa nthawi ya mphepo yamkuntho ndi mthunzi pa nthawi ya dzuwa. Pakuti anthu ankhanza ali ngati mphepo yamkuntho yowomba pa khoma,
5 akkuma hoʼa gammoojjii ti. Ati waca alagootaa ni calʼisiifta; akkuma hoʼi gaaddisa duumessaatiin qabbanaaʼu sana, sirbi gara jabeeyyiis ni qabbanaaʼa.
ndiponso ngati kutentha mʼdziko lowuma. Inu mumaletsa phokoso la anthu achilendo. Monga momwe mthunzi wa mtambo umachepetsa kutentha, inu munaletsa nyimbo za anthu ankhanza.
6 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu tulluu kana irratti uummata hundaaf cidha nyaata gaarii, affeerraa daadhii wayinii gogee, foon coomaa fi daadhii wayinii filatamaa ni qopheessa.
Pa phiri ili Yehova Wamphamvuzonse adzakonzera anthu a mitundu yonse madyerero a zakudya zokoma ndi vinyo wabwino. Phwando la nyama yonona ndi vinyo wabwino kwambiri.
7 Inni tulluu kana irratti, haguuggii uummata hundatti haguugame, golgaa saba hundatti golgame ni balleessa;
Iye adzachotsa kulira kumene kwaphimba anthu ngati nsalu. Adzachotsa chinsalu chimene chakuta mitundu yonse ya anthu.
8 inni bara baraan duʼa ni liqimsa. Waaqayyo Gooftaan fuula hunda irraa imimmaan ni haqa; inni lafa hunda irratti salphina saba isaa ni balleessa. Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.
Yehova adzathetsa imfa mpaka muyaya, Ambuye Yehova adzapukuta misozi mʼmaso mwa munthu aliyense; adzachotsa manyazi a anthu ake pa dziko lonse lapansi, Yehova wayankhula.
9 Isaan gaafas akkana jedhu; “Dhugumaan kun Waaqa keenya; nu isa amananne; innis nu oolche. Kun Waaqayyoo dha; nu isa amananne; kottaa fayyisuu isaatti gammannaa; ni ililchinas.”
Tsiku limenelo iwo adzati, “Ndithudi, uyu ndiye Mulungu wathu; ife tinamudalira ndipo anatipulumutsa. Uyu ndiye Yehova, ife tinamudalira; tiyeni tikondwe ndi kusangalala chifukwa watipulumutsa.”
10 Harki Waaqayyoo tulluu kana irra ni boqota; Moʼaab garuu akkuma cidiin dikee keessatti dhidhiitamu sana isa jalatti dhidhiitama.
Yehova adzateteza phiri limeneli ndi dzanja lake; ndipo Amowabu adzawapondereza pomwe alilipo, ngati mmene amapondera manyowa mʼdzenje.
11 Innis akkuma namni bishaan daaku tokko daakuuf harka balʼifatu sana, gaara sana irratti harka isaa ni balʼifata. Waaqnis of tuulummaa isaanii, ogummaa harka isaanii wajjin gad deebisa.
Amowabuwo adzatambasula manja awo mʼmenemo, ngati mmene amachitira munthu wosambira. Koma Mulungu adzathetsa kunyada kwawo ngakhale luso la manja awo.
12 Inni dallaa kee ol dheeraa dhagaan ijaarame sana, akka inni duufu godha; lafatti gad jigsees biyyootti dabala.
Iye adzagumula malinga awo ataliatali ndipo adzawagwetsa ndi kuwaponya pansi, pa fumbi penipeni.