< Isaayyaas 24 >
1 Kunoo, Waaqayyo lafa ni onsa; ishees ni barbadeessa; inni ishee gaggaragalchee warra ishee irra jiraatan bittinneessa;
Tazama, Bwana ataifanya dunia kuwa ukiwa na kuiharibu, naye atauharibu uso wake na kutawanya wakaao ndani yake:
2 Kan saba irra gaʼu luba irra, kan garbicha irra gaʼu gooftaa irra, kan garbittii irra gaʼu giiftii irra, kan bitataa irra gaʼu gurgurataa irra, kan isa ergifatu irra gaʼu, isa ergisu irra, kan liqeeffataa irra gaʼu, isa liqeessu ni gaʼaatii.
ndivyo itakavyokuwa kwa makuhani na kwa watu, kwa bwana na kwa mtumishi, kwa bibi na kwa mtumishi wake wa kike, kwa muuzaji na kwa mnunuzi, kwa mkopaji na kwa mkopeshaji, kwa mdaiwa na kwa mdai.
3 Lafti guutumaan guutuutti ni onti; guutumaan guutuuttis ni saamamti. Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.
Dunia itaharibiwa kabisa na kutekwa nyara kabisa. Bwana amesema neno hili.
4 Lafti ni gogdi; bifti ishees ni geeddarama; addunyaan ni bututti; bifti ishees ni geeddarama; gurguddoonni saba lafaas ni bututu.
Dunia inakauka na kunyauka, dunia inanyongʼonyea na kunyauka, waliotukuzwa wa dunia wananyongʼonyea.
5 Lafti saba isheetiin xuroofteerti; isaan seeraaf ajajamuu didan; sirnaan buluu didanii kakuu bara baraa sana cabsaniiru.
Dunia imetiwa unajisi na watu wake; wameacha kutii sheria, wamevunja amri na kuvunja agano la milele.
6 Kanaafuu abaarsi lafa balleessa; sabni ishees balleessaa isaatiif adabama. Kanaafuu jiraattonni lafaa ni gubatu; nama muraasatu hafa.
Kwa hiyo laana inaiteketeza dunia, watu wake lazima waichukue hatia yao. Kwa hiyo wakazi wa dunia wameteketezwa, nao waliosalia ni wachache sana.
7 Daadhiin wayinii haaraan ni goga; mukni wayiniis ni coollaga; warri gammadan hundinuu ni aadu.
Divai mpya inakauka na mzabibu unanyauka, watu wote wafurahishao wanalia kwa huzuni.
8 Dibbeen sagaleen isaa namatti tolu ni calʼisa; wacni fandalaltootaa qabbanaaʼeera; baganaan nama gammachiisus calʼiseera.
Furaha ya matoazi imekoma, kelele za wenye furaha zimekoma, shangwe za kinubi zimenyamaza.
9 Isaan siʼachi sirbaa daadhii wayinii hin dhugan; dhugaatiin jabaan warra isa dhuganitti ni hadhaaʼa.
Hawanywi tena mvinyo pamoja na wimbo, kileo ni kichungu kwa wanywaji wake.
10 Magaalaan diigamte sun ontee hafti; akka namni tokko iyyuu ol hin seenneef manni hundi ni cufama.
Mji ulioharibiwa umekuwa ukiwa, mlango wa kila nyumba umefungwa.
11 Isaan daadhii wayinii dhabanii daandii irratti booʼu; gammachuun hundi gaddatti geeddarama; ililchuun hundis lafa irraa dhabama.
Barabarani wanalilia kupata mvinyo, furaha yote imegeuka kuwa majonzi, furaha yote imefukuziwa mbali na dunia.
12 Magaalaan sun diigamtee hafti; karri ishees ni caccaba.
Mji umeachwa katika uharibifu, lango lake limevunjwa vipande.
13 Akkuma yeroo mukni ejersaa dhaʼamuu fi akkuma yeroo wayiniin galfamutti qarmiin hafu taʼu sana, lafa irratti saboota gidduuttis akkasuma ni taʼa.
Ndivyo itakavyokuwa duniani na miongoni mwa mataifa, kama vile wakati mzeituni upigwavyo, au kama vile wakati masazo yabakiavyo baada ya zabibu kuvunwa.
14 Isaan sagalee ol fudhatanii gammachuun iyyu; gama lixa biiftuutti ulfina Waaqayyoo labsu.
Wanainua sauti zao, wanapiga kelele kwa furaha, kutoka magharibi wanasifu kwa ukelele utukufu wa Bwana.
15 Kanaafuu isin baʼa biiftuu irraa Waaqayyoof ulfina kennaa; qarqara galaanaattis maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel leellisaa.
Kwa hiyo upande wa mashariki mpeni Bwana utukufu, liadhimisheni jina la Bwana, Mungu wa Israeli, katika visiwa vya bahari.
16 Nu moggaa lafaa irraa faarfannaa, “Isa qajeelaa sanaaf ulfinni haa taʼu” jedhu dhageenya. Ani garuu akkanan jedhe; “Ani bade, ani bade! Anaaf wayyoo! Gantoonni ni ganu! Gantoonni gantummaa isaaniitiin ganu!”
Kutoka miisho ya dunia tunasikia uimbaji: “Utukufu kwa Yule Mwenye Haki.” Lakini nilisema, “Ninadhoofika, ninadhoofika! Ole wangu! Watenda hila wanasaliti! Kwa hila watenda hila wanasaliti!”
17 Yaa uummata lafa irraa, sodaan, qilee fi kiyyoon si eeggatu.
Hofu, shimo na mtego vinakungojea, ewe mtu ukaaye duniani.
18 Namni sagalee goolii baqatu kam iyyuu qilee keessa buʼa; namni qilee keessaa ol baʼu kam iyyuu kiyyoodhaan qabama. Foddaan samiiwwanii banameeraatii hundeewwan lafaa ni raafamu.
Kila akimbiaye asikiapo sauti ya hofu atatumbukia shimoni, naye yeyote apandaye kutoka shimoni, atanaswa kwenye mtego. Malango ya gharika ya mbinguni yamefunguliwa, misingi ya dunia inatikisika.
19 Lafti baqaqxeerti; lafti gargar baateerti; lafti akka malee raafamteerti;
Dunia imepasuka, dunia imechanika, dunia imetikiswa kabisa.
20 Lafti akkuma nama machaaʼee gatantarti; isheen akkuma daasii bubbeedhaan raafamti; yakki fincila ishee akka malee itti ulfaateera; isheen ni jigdi; deebitees hin kaatu.
Dunia inapepesuka kama mlevi, inayumbayumba kama kibanda kwenye upepo; imelemewa sana na mzigo wa hatia ya uasi wake na ikianguka kamwe haitainuka tena.
21 Waaqayyo gaafas humnoota samii, samii irratti, mootota lafaa immoo lafa irratti ni adaba.
Katika siku ile Bwana ataadhibu nguvu zilizoko mbinguni juu, na wafalme walioko duniani chini.
22 Isaan akkuma hidhamtootaa boolla keessaatti walitti qabamu; manni hidhaa itti cufamee guyyaa hedduu booddee adabamu.
Watakusanywa pamoja kama wafungwa waliofungwa gerezani, watafungiwa gerezani na kuadhibiwa baada ya siku nyingi.
23 Jiʼi ni burjaajofti; aduunis ni qaanofti; Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Tulluun Xiyoon irrattii fi Yerusaalem keessatti fuula maanguddootaa duratti ulfinaan ni moʼaatii.
Mwezi utatiwa haya, nalo jua litaaibishwa; kwa maana Bwana Mwenye Nguvu Zote atawala juu ya Mlima Sayuni na katika Yerusalemu, tena mbele ya wazee wake kwa utukufu.