< Isaayyaas 24 >

1 Kunoo, Waaqayyo lafa ni onsa; ishees ni barbadeessa; inni ishee gaggaragalchee warra ishee irra jiraatan bittinneessa;
הנה יהוה בוקק הארץ ובולקה ועוה פניה והפיץ ישביה
2 Kan saba irra gaʼu luba irra, kan garbicha irra gaʼu gooftaa irra, kan garbittii irra gaʼu giiftii irra, kan bitataa irra gaʼu gurgurataa irra, kan isa ergifatu irra gaʼu, isa ergisu irra, kan liqeeffataa irra gaʼu, isa liqeessu ni gaʼaatii.
והיה כעם ככהן כעבד כאדניו כשפחה כגברתה כקונה כמוכר כמלוה כלוה כנשה כאשר נשא בו
3 Lafti guutumaan guutuutti ni onti; guutumaan guutuuttis ni saamamti. Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.
הבוק תבוק הארץ והבוז תבז כי יהוה דבר את הדבר הזה
4 Lafti ni gogdi; bifti ishees ni geeddarama; addunyaan ni bututti; bifti ishees ni geeddarama; gurguddoonni saba lafaas ni bututu.
אבלה נבלה הארץ אמללה נבלה תבל אמללו מרום עם הארץ
5 Lafti saba isheetiin xuroofteerti; isaan seeraaf ajajamuu didan; sirnaan buluu didanii kakuu bara baraa sana cabsaniiru.
והארץ חנפה תחת ישביה כי עברו תורת חלפו חק הפרו ברית עולם
6 Kanaafuu abaarsi lafa balleessa; sabni ishees balleessaa isaatiif adabama. Kanaafuu jiraattonni lafaa ni gubatu; nama muraasatu hafa.
על כן אלה אכלה ארץ ויאשמו ישבי בה על כן חרו ישבי ארץ ונשאר אנוש מזער
7 Daadhiin wayinii haaraan ni goga; mukni wayiniis ni coollaga; warri gammadan hundinuu ni aadu.
אבל תירוש אמללה גפן נאנחו כל שמחי לב
8 Dibbeen sagaleen isaa namatti tolu ni calʼisa; wacni fandalaltootaa qabbanaaʼeera; baganaan nama gammachiisus calʼiseera.
שבת משוש תפים חדל שאון עליזים שבת משוש כנור
9 Isaan siʼachi sirbaa daadhii wayinii hin dhugan; dhugaatiin jabaan warra isa dhuganitti ni hadhaaʼa.
בשיר לא ישתו יין ימר שכר לשתיו
10 Magaalaan diigamte sun ontee hafti; akka namni tokko iyyuu ol hin seenneef manni hundi ni cufama.
נשברה קרית תהו סגר כל בית מבוא
11 Isaan daadhii wayinii dhabanii daandii irratti booʼu; gammachuun hundi gaddatti geeddarama; ililchuun hundis lafa irraa dhabama.
צוחה על היין בחוצות ערבה כל שמחה גלה משוש הארץ
12 Magaalaan sun diigamtee hafti; karri ishees ni caccaba.
נשאר בעיר שמה ושאיה יכת שער
13 Akkuma yeroo mukni ejersaa dhaʼamuu fi akkuma yeroo wayiniin galfamutti qarmiin hafu taʼu sana, lafa irratti saboota gidduuttis akkasuma ni taʼa.
כי כה יהיה בקרב הארץ בתוך העמים כנקף זית כעוללת אם כלה בציר
14 Isaan sagalee ol fudhatanii gammachuun iyyu; gama lixa biiftuutti ulfina Waaqayyoo labsu.
המה ישאו קולם ירנו בגאון יהוה צהלו מים
15 Kanaafuu isin baʼa biiftuu irraa Waaqayyoof ulfina kennaa; qarqara galaanaattis maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel leellisaa.
על כן בארים כבדו יהוה באיי הים שם יהוה אלהי ישראל
16 Nu moggaa lafaa irraa faarfannaa, “Isa qajeelaa sanaaf ulfinni haa taʼu” jedhu dhageenya. Ani garuu akkanan jedhe; “Ani bade, ani bade! Anaaf wayyoo! Gantoonni ni ganu! Gantoonni gantummaa isaaniitiin ganu!”
מכנף הארץ זמרת שמענו צבי לצדיק ואמר רזי לי רזי לי אוי לי בגדים בגדו ובגד בוגדים בגדו
17 Yaa uummata lafa irraa, sodaan, qilee fi kiyyoon si eeggatu.
פחד ופחת ופח עליך יושב הארץ
18 Namni sagalee goolii baqatu kam iyyuu qilee keessa buʼa; namni qilee keessaa ol baʼu kam iyyuu kiyyoodhaan qabama. Foddaan samiiwwanii banameeraatii hundeewwan lafaa ni raafamu.
והיה הנס מקול הפחד יפל אל הפחת והעולה מתוך הפחת ילכד בפח כי ארבות ממרום נפתחו וירעשו מוסדי ארץ
19 Lafti baqaqxeerti; lafti gargar baateerti; lafti akka malee raafamteerti;
רעה התרעעה הארץ פור התפוררה ארץ מוט התמוטטה ארץ
20 Lafti akkuma nama machaaʼee gatantarti; isheen akkuma daasii bubbeedhaan raafamti; yakki fincila ishee akka malee itti ulfaateera; isheen ni jigdi; deebitees hin kaatu.
נוע תנוע ארץ כשכור והתנודדה כמלונה וכבד עליה פשעה ונפלה ולא תסיף קום
21 Waaqayyo gaafas humnoota samii, samii irratti, mootota lafaa immoo lafa irratti ni adaba.
והיה ביום ההוא יפקד יהוה על צבא המרום במרום ועל מלכי האדמה על האדמה
22 Isaan akkuma hidhamtootaa boolla keessaatti walitti qabamu; manni hidhaa itti cufamee guyyaa hedduu booddee adabamu.
ואספו אספה אסיר על בור וסגרו על מסגר ומרב ימים יפקדו
23 Jiʼi ni burjaajofti; aduunis ni qaanofti; Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Tulluun Xiyoon irrattii fi Yerusaalem keessatti fuula maanguddootaa duratti ulfinaan ni moʼaatii.
וחפרה הלבנה ובושה החמה כי מלך יהוה צבאות בהר ציון ובירושלם ונגד זקניו כבוד

< Isaayyaas 24 >