< Isaayyaas 23 >
1 Raajii waaʼee Xiiroos: Yaa dooniiwwan Tarshiishi wawwaadhaa! Xiiroos barbadooftee mana yookaan buufata doonii malee hafteertii. Biyya Qophroos oduun isaan qaqqabeera.
Tamko kuhusu Tiro, Ombolezeni, enyi kondoo wa Tarishishi;
2 Isin jiraattoonni qarqara galaanaatii fi daldaltoonni Siidoonaa, warri galaana irra marmaaran isin sooromsan calʼisaa.
maana hakuna nyumba wala bandari; kutoka katika nchi ya Kyprusi wamefunuliwa hilo.
3 Midhaan Shihoor bishaanota gurguddaa irraan dhufe; oomishni Abbayyaa Xiiroosiif galii ture; isheenis lafa gabaa kan sabootaa taate.
Na juu ya maji mengi ni nafaka za shiho, mazao ya Nile, na uzalishaji wao; mlikuwa wafanya biashara wa kimataifa.
4 Yaa Siidoonaa, yaa daʼannoo galaanaa qaanaʼi; galaanni akkana jedhee dubbateeraatii: “Ani hin ciniinsifanne yookaan hin deenye; ilmaan hin horanne yookaan intallan hin guddifanne.”
Kuwa na aibu, Sidoni; maana bahari imenena, mkuu wa bahari. Amesema, ''Sijafanya kazi wala kuzaa wala kukuza vijana wadogo wala kuwalea mabinti.
5 Yeroo oduun gara Gibxi dhufutti isaan gabaasa Xiiroos irraa dhufuun ni dhiphatu.
''Pale taarifa ilipofika Misri, watauzunika kuhusu Tire.
6 Isin gara Tarshiishitti ceʼaa; yaa warra qarqara galaanaa jiraattan wawwaadhaa.
Katiza juu ya Tarshishi; Ole wenu, enyi wakazi wa pwani.
7 Magaalaa dulloomtuun durii, kan miilli ishee ishee fuudhee, akka isheen biyya fagoo keessa qubattuuf ishee geesse kun, magaalaa kee ishee fandalaltuudhaa?
Je hili limeshawahi kuwatokea, mji wenye furaha, ambao kwa asili yake umetoka katika kipindi cha kale. Ambapo miguu yake imempeleka mbali kuishi kwenye maeneo ya ugenini?
8 Xiiroos ishee gonfoo nama gonfachiiftu kan daldaltoonni ishee ilmaan moototaa taʼan kan daldaltoonni ishee lafa irratti kabajamoo taʼanitti eenyutu waan kana karoorfate?
Ni nani aliyepanga haya dhidi ya Tire, mtoa mataji, ambao wafanyabiashara wake ni wakuu, ambao wafanyabiashara ni watu wa kuheshimika duniani?
9 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu of jaja ishee kan ulfina ishee hunda keessa jiru gad deebisuu fi warra lafa irratti kabajaman hunda salphisuuf waan kana karoorfateera.
Yahwe wa majeshi amepanga kuharibu kiburi chake na utukufu wake, na kuwahaibisha waheshimiwa wote wa dunia.
10 Yaa Intala Tarshiish, ati siʼachi buufata doonii hin qabaattuutii, lafa kee hamma Abbayyaa bira gaʼutti qotadhu.
Lima katika shamba lako, kama mtu alimavyo Nile, ewe binti Tarishishi. Maana hakuna tena eneo la soko huko Tite.
11 Waaqayyo harka isaa galaana irra qabee mootummoota hollachiiseera. Inni akka daʼannoowwan ishee diigamaniif waaʼee Kanaʼaan ajaja kenneera.
Yahwe amenyoosha mkono wake juu ya bahari, na ametingisha falme; na amepewa amri juu ya Fonensia, kuziharibu ngome.
12 Innis akkana jedha; “Yaa Durba Siidoonaa, ati kana caalaa hin fandalaltu! “Kaʼiitii gara Qophiroositti ceʼi; ati achitti iyyuu boqonnaa hin argattu.”
Amesema, ''Hamtofurahia tena, binti bikira wa Sidoni uliyenyanyasika; nyanyuka, pitia Kyprusi; lakini wala hapatakuwa na punziko.''
13 Mee biyya Baabilonotaa ilaali; uummanni kun amma seenaa hin qabu! Warri Asoor akka isheen iddoo jireenya uumamawwan gammoojjii taatu godhan; isaan siree eegumsaa ijaarratan; daʼannoowwan ishee qullaa hambisan; ishees ni barbadeessan.
Tazama nchi ya Wakaldayo. Hawa watu wamesitisha kuishi pale; Waasiria wamelifanya jangwa la wanyama pori. Wameizingira minara; wameliharibu eneo lao; wamelifanya kuwa chungu cha uharibifu.
14 Yaa dooniiwwan Tarshiish wawwaadhaa; daʼannoon keessan barbadeeffameeraatii!
Omboleza ewe kondoo wa Tarishishi; maana kimbilio lako limeharibiwa.
15 Yeroo sanaa jalqabee Xiiroos hamma waggaa torbaatamaatti ni dagatamti; kunis bara jireenya mootii tokkoo ti. Dhuma waggaa torbaatamman sanaatti garuu akkuma sirba sagaagaltuu tokkoof sirbame sanaatti Xiiroos irra gaʼa:
Katika siku hiyo, Tire itasaulika kwa miaka sabini, kama siku za mfalme. Baada ya miaka sabini kuisha huko Tire kutatokea kitu kama wimbo wa malaya.
16 “Yaa sagaagaltuu irraanfatamtuu, baganaa qabadhuutii magaalaa keessa naannaʼi; ati akka yaadatamtuuf baganaa sirriitti rukuti; sirba baayʼee sirbi.”
Chukua kinubi, nenda zunguka mji, mmewasahau malaya; cheza kinubi vizuri, imba nyimbo nyingi, ili uweze kukumbuka.
17 Dhuma waggaa torbaatamaatti Waaqayyo Xiiroosin ni yaadata; isheenis gara daldala isheetti deebitee mootummoota fuula lafaa irra jiran hunda wajjin sagaagalti.
Itatokea baada ya miaka sabini, Yahwe ataisaidia Tire, na wataanza kututafuta pesa tena kwa kufanya kazi ya umalaya, na atafanya utumishi wake katika falme za dunia.
18 Taʼus buʼaan isheetii fi wanni isheen argattu Waaqayyoof addaan baafama; hin kuufamu; walittis hin qabamu. Buʼaan ishees warra fuula Waaqaa dura jiraataniif nyaata gaʼaa fi uffata babbareedaa taʼa.
Faida yake na mapato yake yatatengwa kwa ajili ya Yahwe. Hayatahifadhiwa wala hayatakuwa na hazina, maana faida yao watapewa wale wanoishi mdhebauni mwa Yahwe na yatatumika kuwasambazia chakula cha kutosha na kupata mavazi yenye viwango bora.