< Isaayyaas 23 >

1 Raajii waaʼee Xiiroos: Yaa dooniiwwan Tarshiishi wawwaadhaa! Xiiroos barbadooftee mana yookaan buufata doonii malee hafteertii. Biyya Qophroos oduun isaan qaqqabeera.
論泰爾的默示: 他施的船隻都要哀號; 因為泰爾變為荒場, 甚至沒有房屋,沒有可進之路。 這消息是從基提地得來的。
2 Isin jiraattoonni qarqara galaanaatii fi daldaltoonni Siidoonaa, warri galaana irra marmaaran isin sooromsan calʼisaa.
沿海的居民, 就是素來靠航海西頓的商家得豐盛的, 你們當靜默無言。
3 Midhaan Shihoor bishaanota gurguddaa irraan dhufe; oomishni Abbayyaa Xiiroosiif galii ture; isheenis lafa gabaa kan sabootaa taate.
在大水之上, 西曷的糧食、 尼羅河的莊稼是泰爾的進項; 她作列國的大碼頭。
4 Yaa Siidoonaa, yaa daʼannoo galaanaa qaanaʼi; galaanni akkana jedhee dubbateeraatii: “Ani hin ciniinsifanne yookaan hin deenye; ilmaan hin horanne yookaan intallan hin guddifanne.”
西頓哪,你當慚愧; 因為大海說, 就是海中的保障說: 我沒有劬勞,也沒有生產, 沒有養育男子,也沒有撫養童女。
5 Yeroo oduun gara Gibxi dhufutti isaan gabaasa Xiiroos irraa dhufuun ni dhiphatu.
這風聲傳到埃及; 埃及人為泰爾的風聲極其疼痛。
6 Isin gara Tarshiishitti ceʼaa; yaa warra qarqara galaanaa jiraattan wawwaadhaa.
泰爾人哪,你們當過到他施去; 沿海的居民哪,你們都當哀號。
7 Magaalaa dulloomtuun durii, kan miilli ishee ishee fuudhee, akka isheen biyya fagoo keessa qubattuuf ishee geesse kun, magaalaa kee ishee fandalaltuudhaa?
這是你們歡樂的城, 從上古而有的嗎? 其中的居民往遠方寄居。
8 Xiiroos ishee gonfoo nama gonfachiiftu kan daldaltoonni ishee ilmaan moototaa taʼan kan daldaltoonni ishee lafa irratti kabajamoo taʼanitti eenyutu waan kana karoorfate?
泰爾本是賜冠冕的。 她的商家是王子; 她的買賣人是世上的尊貴人。 遭遇如此是誰定的呢?
9 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu of jaja ishee kan ulfina ishee hunda keessa jiru gad deebisuu fi warra lafa irratti kabajaman hunda salphisuuf waan kana karoorfateera.
是萬軍之耶和華所定的! 為要污辱一切高傲的榮耀, 使地上一切的尊貴人被藐視。
10 Yaa Intala Tarshiish, ati siʼachi buufata doonii hin qabaattuutii, lafa kee hamma Abbayyaa bira gaʼutti qotadhu.
他施的民哪, 可以流行你的地,好像尼羅河; 不再有腰帶拘緊你。
11 Waaqayyo harka isaa galaana irra qabee mootummoota hollachiiseera. Inni akka daʼannoowwan ishee diigamaniif waaʼee Kanaʼaan ajaja kenneera.
耶和華已經向海伸手, 震動列國。 至於迦南, 他已經吩咐拆毀其中的保障。
12 Innis akkana jedha; “Yaa Durba Siidoonaa, ati kana caalaa hin fandalaltu! “Kaʼiitii gara Qophiroositti ceʼi; ati achitti iyyuu boqonnaa hin argattu.”
他又說:受欺壓西頓的居民哪, 你必不得再歡樂。 起來!過到基提去; 就是在那裏也不得安歇。 (
13 Mee biyya Baabilonotaa ilaali; uummanni kun amma seenaa hin qabu! Warri Asoor akka isheen iddoo jireenya uumamawwan gammoojjii taatu godhan; isaan siree eegumsaa ijaarratan; daʼannoowwan ishee qullaa hambisan; ishees ni barbadeessan.
看哪,迦勒底人之地向來沒有這民,這國是亞述人為住曠野的人所立的。現在他們建築戍樓,拆毀泰爾的宮殿,使她成為荒涼。)
14 Yaa dooniiwwan Tarshiish wawwaadhaa; daʼannoon keessan barbadeeffameeraatii!
他施的船隻都要哀號, 因為你們的保障變為荒場。
15 Yeroo sanaa jalqabee Xiiroos hamma waggaa torbaatamaatti ni dagatamti; kunis bara jireenya mootii tokkoo ti. Dhuma waggaa torbaatamman sanaatti garuu akkuma sirba sagaagaltuu tokkoof sirbame sanaatti Xiiroos irra gaʼa:
到那時,泰爾必被忘記七十年,照着一王的年日。七十年後,泰爾的景況必像妓女所唱的歌:
16 “Yaa sagaagaltuu irraanfatamtuu, baganaa qabadhuutii magaalaa keessa naannaʼi; ati akka yaadatamtuuf baganaa sirriitti rukuti; sirba baayʼee sirbi.”
你這被忘記的妓女啊, 拿琴周流城內, 巧彈多唱,使人再想念你。
17 Dhuma waggaa torbaatamaatti Waaqayyo Xiiroosin ni yaadata; isheenis gara daldala isheetti deebitee mootummoota fuula lafaa irra jiran hunda wajjin sagaagalti.
七十年後,耶和華必眷顧泰爾,她就仍得利息,與地上的萬國交易。
18 Taʼus buʼaan isheetii fi wanni isheen argattu Waaqayyoof addaan baafama; hin kuufamu; walittis hin qabamu. Buʼaan ishees warra fuula Waaqaa dura jiraataniif nyaata gaʼaa fi uffata babbareedaa taʼa.
她的貨財和利息要歸耶和華為聖,必不積攢存留;因為她的貨財必為住在耶和華面前的人所得,使他們吃飽,穿耐久的衣服。

< Isaayyaas 23 >