< Isaayyaas 22 >

1 Raajii waaʼee Sulula Mulʼataa: Amma maaltu isin rakkisee isin hundi fiixee manaatti ol baatan?
The burden of the Valley of Vision. What ails you now, that you have all gone up to the housetops?
2 Yaa magaalaa wacaan guutamte, yaa magaalaa jeeqamtuu fi fandalaltuu, namoonni si jalaa qalaman goraadeedhaan hin ajjeefamne yookaan waraana keessatti hin dhumne.
You that are full of shouting, a tumultuous city, a joyous town; your slain are not slain with the sword, neither are they dead in battle.
3 Hooggantoonni kee hundi walumaan baqatan; isaan utuma xiyya hin darbatin qabaman. Isin utuma diinni fagoo jiruu baqattan iyyuu warri qabamtan hundi walumaan mana hidhaatti galfamtaniirtu.
All your rulers fled away together. They were bound by the archers. All who were found by you were bound together. They fled far away.
4 Kanaafuu ani, “Ana irraa garagalaa; ani hiqqifadhee nan booʼa. Badiisa saba koo irratti na jajjabeessuu hin yaalinaa” nan jedhe.
Therefore I said, "Look away from me. I will weep bitterly. Do not labor to comfort me for the destruction of the daughter of my people.
5 Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Sulula Mulʼataa keessatti, guyyaa jeequmsaa, dhidhiitamuutii fi burjaajii, akkasumas guyyaa itti dallaa diiguutii fi tulluuwwanittis iyyuu qaba.
For it is a day of confusion, and of treading down, and of perplexity, from Jehovah of hosts, in the Valley of Vision; a breaking down of the walls, and a crying to the mountains."
6 Eelaam manʼee xiyyaa qabattee gaariiwwanii fi abbootii fardaa fudhattee baati; Qiiris gaachana ishee qabatti.
Elam carried his quiver, with chariots of men and horsemen; and Kir uncovered the shield.
7 Sululawwan kee filatamoon gaariiwwaniin guutamaniiru; abbootiin fardaas karra magaalattii irratti ramadamaniiru.
It happened that your choicest valleys were full of chariots, and the horsemen set themselves in array at the gate.
8 Gooftaan ittisa Yihuudaa irraa mulqeera. Atis gaafas miʼa lolaa kan Masaraa Bosonaa keessa jiru sana abdatta.
He took away the covering of Judah; and you looked in that day to the armor in the house of the forest.
9 Dallaan Magaalaa Daawit karaa baayʼee akka urame argitaniirtu; Haroo Gad aanaa keessattis bishaan kuufattaniirtu.
You saw the breaches of the City of David, that they were many; and you gathered together the waters of the lower pool.
10 Isin manneen Yerusaalem lakkooftan; dallaa ishee dhagaa jabeessuuf jettaniis manneen sana diigdan.
You numbered the houses of Jerusalem, and you broke down the houses to fortify the wall.
11 Bishaan Haroo Moofaatiif dallaa lamaan gidduutti kuusaa bishaanii tolchitan; garuu isin gara Isa waan sana hojjetee hin ilaalle; yookaan Isa bara dheeraan dura waan sana karoorseef ulfina hin kennine.
You also made a reservoir between the two walls for the water of the old pool. But you did not look to him who had done this, neither did you have respect for him who purposed it long ago.
12 Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, akka ati boossee wawwaattuuf, akka ati rifeensa mataa keetii of irraa cirtee wayyaa gaddaa uffatuuf guyyaa sana si waame.
In that day Jehovah of hosts called for weeping and for mourning, for shaved heads, and for the wearing of sackcloth.
13 Qooda kanaa garuu gammachuu fi fandalaluu, loon gorraʼuu fi hoolota qaluu, foon nyaachuu fi daadhii wayinii dhuguutu jira! Isin, “Kottaa ni nyaannaa; ni dhugnas; bor ni duunaatii!” jettu.
But look, joy and gladness, killing cattle and killing sheep, eating flesh and drinking wine: "Let us eat and drink, for tomorrow we will die."
14 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu utuma gurri koo dhagaʼuu waan kana naa ibse: “Hamma guyyaa duʼa keessaniitti cubbuun kun isin irraa hin haqamu” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
Jehovah of hosts revealed himself in my ears, "Surely this iniquity will not be forgiven you until you die," says Jehovah of hosts.
15 Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Dhaqiitii itti gaafatamaa kanaan, Shebnaa, bulchaa masaraa mootummaatiin akkana jedhi:
Thus says Jehovah of hosts, "Come, go to this steward, to Shebna, who is in charge of the house, and say,
16 Ati maal asii hojjetta? Akka ati iddoo kanatti iddoo awwaalaa qopheeffattu, akka iddoo ol kaʼaa irratti boolla awwaala keetii qotattu, akka kattaa keessatti iddoo boqonnaa keetii tolchattu eenyutu eeyyama siif kenne?
'What are you doing here, and whom have you here, that you have dug out a tomb here?' Cutting himself out a tomb on high, chiseling a habitation for himself in the rock."
17 “Yaa nama jabaa kunoo, Waaqayyo jabeessee qabee si darbachuuf jira.
Look, Jehovah will overcome you and hurl you away violently. Yes, he will grasp you firmly.
18 Inni akkuma kubbaa furuursee biyya balʼaa tokko keessa si buusa. Yaa salphina mana gooftaa keetii, ati achitti duuta; gaariiwwan kee mimmiidhagoonis achitti hafu!
He will surely wind you around and around, and throw you like a ball into a large country. There you will die, and there the chariots of your glory will be, you shame of your lord's house.
19 Ani aangoo kee irraa sin buusa; atis taayitaa kee irraa ni ariʼamta.
I will thrust you from your office. You will be pulled down from your station.
20 “Ani gaafas garbicha koo Eliiyaaqiimin ilma Hilqiyaa nan waama.
It will happen in that day that I will call my servant Eliakim the son of Hilkiah,
21 Ani uffata kee isatti nan uffisa; sabbata kee mudhii isaatti nan hidha; aangoo kees dabarsee isaaf nan kenna. Inni warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi mana Yihuudaatiif abbaa ni taʼa.
and I will clothe him with your robe, and strengthen him with your belt. I will commit your government into his hand; and he will be a father to the inhabitants of Jerusalem, and to the house of Judah.
22 Ani furtuu mana Daawit gatiittii isaa irra nan kaaʼa; waan inni banu namni tokko iyyuu cufuu hin dandaʼu; waan inni cufus namni tokko iyyuu banuu hin dandaʼu.
I will lay the key of the house of David on his shoulder. He will open, and no one will shut. He will shut, and no one will open.
23 Ani akkuma fannoo waa itti fannisan tokkootti iddoo jabaa irra isa nan dhaaba; innis mana abbaa isaatiif teessoo ulfinaa ni taʼa.
I will fasten him like a nail in a sure place. He will be for a throne of glory to his father's house.
24 Isaanis kabaja mana abbaa isaa hunda, ijoollee isaatii fi ijoollee ijoollee isaa, miʼa xixinnaa kan waciitiidhaa jalqabee hamma okkoteetti jiru hunda isatti fannisu.”
They will hang on him all the glory of his father's house, the offspring and the issue, every small vessel, from the cups even to all the pitchers.
25 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Gaafas qofoon iddoo jabaa dhaabame sun ni buqqaʼa; muramee lafa buʼa; baʼaan isatti fannifame sun harcaʼee caccaba.” Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.
"In that day," says Jehovah of hosts, "the nail that was fastened in a sure place will give way. It will be cut down, and fall. The burden that was on it will be cut off, for Jehovah has spoken it."

< Isaayyaas 22 >