< Isaayyaas 21 >

1 Raajii Gammoojjii Galaana bira jirtuun mormu: Akkuma bubbeen hamaan biyya kibbaa haxaaʼu sana, weeraraan tokko gammoojjiidhaa, biyya sodaachisaa keessaa ni dhufa.
Tamko kuhusu jangwa pembezoni mwa bahari. Kama dhuruba yenye upepo inayotokea kupita Negevi kuelekea jangwani, kutoka kwenye aridhi ya kutisha.
2 Mulʼanni hamaan tokko natti mulʼateera: gantuun ni ganti; saamtuunis ni saamti. Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedee marsii qabi! Ani aaduu isheen fidde hunda nan xumura.
Nimepewa maono ya kusikitisha: Wasaliti wamepanga hila, na waharibifu kuharibu. Nenda juu na uvamie, Elamu; zingira Media; Mimi nitasimamisha maumivu yao yote.
3 Kana irratti dugdi na cite; akkuma dubartii ciniinsifattuu muddamni na qabe; ani waanan dhagaʼeen nan holladhe; waanan argeenis nan raafame.
Hivyo basi simba wangu wamejawa na maumivu; ni kama mwanamke anayejifungua kwa uchungu yamenipata mimi; Nimeina chini kwa kile nilichokisikia; nimesumbuliwa kwa kile nilichokiona.
4 Qalbiin koo ni raafame; sodaan na hollachiise; dimimmisni ani hawwe sun sodaatti na jalaa geeddarame.
Moyo wangu unajinga, nimetitishika kwa hofu. Mapema jioni, mda wangu mzuri kwa siku, imeniletea hofu.
5 Isaan maaddii qopheessu; afaa diriirsu; ni nyaatu, ni dhugu! Isin qondaaltonni kaʼaa; gaachanas zayitii dibaa.
Wameandaa meza, wametawanya vitambaa, na wanakula na kunjwa; tokea, mkuu, pakeni ngao yenu kwa mafuta.
6 Gooftaan akkana naan jedha: “Dhaqiitii eegduu tokko ramadi; innis waan argu haa himu.
Hiili ndilo Bwana aliloniambia, ''Nenda, baada ya mlinzi; lazima atoe taarifa kwa kile atakacho kiona.
7 Inni yommuu warra farda yaabbatan kanneen lama lamaan yaaʼan, warra harree yaabbatan yookaan warra gaala yaabbatan argutti, haa dammaqu; guutumaan guutuutti haa dammaqu.”
Kama ataona gari, jozi ya farasi, farasi juu ya punda na farasi juu ya ngamia, hivyo basi anatakiwa kuwa makini na kuwa macho.''
8 Eegduun sunis akkana jedhee iyye; “Yaa gooftaa ko, ani guyyuma guyyaan qooxii eegumsaa irra nan dhaabadha; halkan hundas ani hojii koo irra nan tura.
Mlinzi analia nje, ''Bwana, ninasimama juu ya mnara siku zote, kila siku, na kwa nguzo yangu nitasimama usiku wote.''
9 Kunoo, warri farda yaabbatan, lama lamaan dhufaa jiru; inni akkana jedhee deebise: ‘Baabilon jigdeerti; jigdeerti! Fakkiiwwan waaqota ishee hundinuu burkutaaʼanii lafa dhaʼaniiru!’”
Tazama gari linakuja na wakiwa wawili wawili. anaita, ''Babeli umeanguka, umeanguka, na sanamu za kuchonga za miungu yao zimevunjika chini.''
10 Yaa saba koo warra oobdii midhaanii irratti dhaʼamtan, ani waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Waaqa Israaʼel irraa dhagaʼe isinittin hima.
Watu wangu niliwapururu na kuwapepeta, watoto niliyewatoa kwenye sakafu yangu mwenyeweNilichokisikia kutoka kwa Yahwe wa majeshi, Mungu wa Israeli, Nimekutangazia wewe.
11 Raajii Duumaan mormu: Namni tokko Seeʼiirii na waamee, “Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe? Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?” jedhe.
Tamko kuhusu Duma. Mtu mmoja amenita mimi kutoka Seiri, ''Mlinzi, ni kitu gani kilichobakizwa usiku?
12 Eegduun sunis, “Bariʼuu gaʼeera; garuu deebiʼee dhiʼa. Yoo gaafachuu barbaaddan gaafadhaa; garuu deebiʼaa kottaa” jedhee deebisa.
Mlinzi akasema, ''Asubuhi itafika na vilevile usiku. Ikiwa unataka kuuliza basi uliza; na urudi tena.''
13 Raajii biyya Arabaatiin mormu: Isin imaltoonni Dedaan kanneen bosona Arabaa keessa qubattan,
Tamko kuhusu Arabia. Katika jangwa la Arabia mmeutumia usiku, enyi misafara ya Dedanite.
14 warra dheeboteef bishaan fidaa; isin warri Teemaa keessa jiraattan, baqattootaaf waan nyaatan fidaa.
Leteni maji kwa wenye kiu; wenyeji wa nchi ya Tema, waoneni watuhumiwa kwa mikate.
15 Isaan goraadee jalaa, goraadee luqqifame jalaa, xiyya aggaamame jalaa, hoʼa waraanaa jalaa baqataniiruutii.
Maana wameukimbia upanga, kutoka upanga unaotolewa, kutoka kwenye upinde ulopinda, na kutokana na uzito wa vita.
16 Gooftaan akkana naan jedhe: “Akkuma waggoota hojjetaa qaxaramaa tokkootti ulfinni Qeedaar hundinuu waggaa tokko keessatti ni dhuma.
Maana hili ndilo Bwana alichosema na mimi, ''Ndani ya mwaka mmoja, kama mtu aliyeajiriwa kwa mwaka ataona, utukufu wa Kedari utakwisha.
17 Warra xiyya darbatan keessaa kanneen hafan, gootonni Qeedaar muraasa taʼu.” Waaqayyo Waaqni Israaʼel dubbateeraatii.
Ni baadhi ya ya wavuta upinde, mashujaa wa Kader watabakia,'' maana Bwana, Mungu wa Israeli, amesema.

< Isaayyaas 21 >