< Isaayyaas 21 >
1 Raajii Gammoojjii Galaana bira jirtuun mormu: Akkuma bubbeen hamaan biyya kibbaa haxaaʼu sana, weeraraan tokko gammoojjiidhaa, biyya sodaachisaa keessaa ni dhufa.
The word about the waste land. As storm-winds in the South go rushing through, it comes from the waste land, from the land greatly to be feared.
2 Mulʼanni hamaan tokko natti mulʼateera: gantuun ni ganti; saamtuunis ni saamti. Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedee marsii qabi! Ani aaduu isheen fidde hunda nan xumura.
A vision of fear comes before my eyes; the worker of deceit goes on in his false way, and the waster goes on making waste. Up! Elam; to the attack! Media; I have put an end to her sorrow.
3 Kana irratti dugdi na cite; akkuma dubartii ciniinsifattuu muddamni na qabe; ani waanan dhagaʼeen nan holladhe; waanan argeenis nan raafame.
For this cause I am full of bitter grief; pains like the pains of a woman in childbirth have come on me: I am bent down with sorrow at what comes to my ears; I am shocked by what I see.
4 Qalbiin koo ni raafame; sodaan na hollachiise; dimimmisni ani hawwe sun sodaatti na jalaa geeddarame.
My mind is wandering, fear has overcome me: the evening of my desire has been turned into shaking for me.
5 Isaan maaddii qopheessu; afaa diriirsu; ni nyaatu, ni dhugu! Isin qondaaltonni kaʼaa; gaachanas zayitii dibaa.
They make ready the table, they put down the covers, they take food and drink. Up! you captains; put oil on your breastplates.
6 Gooftaan akkana naan jedha: “Dhaqiitii eegduu tokko ramadi; innis waan argu haa himu.
For so has the Lord said to me, Go, let a watchman be placed; let him give word of what he sees:
7 Inni yommuu warra farda yaabbatan kanneen lama lamaan yaaʼan, warra harree yaabbatan yookaan warra gaala yaabbatan argutti, haa dammaqu; guutumaan guutuutti haa dammaqu.”
And when he sees war-carriages, horsemen by twos, war-carriages with asses, war-carriages with camels, let him give special attention.
8 Eegduun sunis akkana jedhee iyye; “Yaa gooftaa ko, ani guyyuma guyyaan qooxii eegumsaa irra nan dhaabadha; halkan hundas ani hojii koo irra nan tura.
And the watchman gave a loud cry, O my lord, I am on the watchtower all day, and am placed in my watch every night:
9 Kunoo, warri farda yaabbatan, lama lamaan dhufaa jiru; inni akkana jedhee deebise: ‘Baabilon jigdeerti; jigdeerti! Fakkiiwwan waaqota ishee hundinuu burkutaaʼanii lafa dhaʼaniiru!’”
See, here come war-carriages with men, horsemen by twos: and in answer he said, Babylon is made low, is made low, and all her images are broken on the earth.
10 Yaa saba koo warra oobdii midhaanii irratti dhaʼamtan, ani waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Waaqa Israaʼel irraa dhagaʼe isinittin hima.
O my crushed ones, the grain of my floor! I have given you the word which came to me from the Lord of armies, the God of Israel.
11 Raajii Duumaan mormu: Namni tokko Seeʼiirii na waamee, “Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe? Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?” jedhe.
The word about Edom. A voice comes to me from Seir, Watchman, how far gone is the night? how far gone is the night?
12 Eegduun sunis, “Bariʼuu gaʼeera; garuu deebiʼee dhiʼa. Yoo gaafachuu barbaaddan gaafadhaa; garuu deebiʼaa kottaa” jedhee deebisa.
The watchman says, The morning has come, but night is still to come: if you have questions to put, put them, and come back again.
13 Raajii biyya Arabaatiin mormu: Isin imaltoonni Dedaan kanneen bosona Arabaa keessa qubattan,
The word about Arabia. In the thick woods of Arabia will be your night's resting-place, O travelling bands of Dedanites!
14 warra dheeboteef bishaan fidaa; isin warri Teemaa keessa jiraattan, baqattootaaf waan nyaatan fidaa.
Give water to him who is in need of water; give bread, O men of the land of Tema, to those in flight.
15 Isaan goraadee jalaa, goraadee luqqifame jalaa, xiyya aggaamame jalaa, hoʼa waraanaa jalaa baqataniiruutii.
For they are in flight from the sharp sword, and the bent bow, and from the trouble of war.
16 Gooftaan akkana naan jedhe: “Akkuma waggoota hojjetaa qaxaramaa tokkootti ulfinni Qeedaar hundinuu waggaa tokko keessatti ni dhuma.
For so has the Lord said to me, In a year, by the years of a servant working for payment, all the glory of Kedar will come to an end:
17 Warra xiyya darbatan keessaa kanneen hafan, gootonni Qeedaar muraasa taʼu.” Waaqayyo Waaqni Israaʼel dubbateeraatii.
And the rest of the bowmen, the men of war of the children of Kedar, will be small in number: for the Lord, the God of Israel, has said it.