< Isaayyaas 20 >

1 Bara ajajaan muummichi Sargoon mooticha Asooriin ergame sun gara Ashdood dhufee lolee ishee qabate sana keessa,
In the yeere that Tartan came to Ashdod, (when Sargon King of Asshur sent him) and had fought against Ashdod, and taken it,
2 yeroodhuma sanatti Waaqayyo karaa Isaayyaas ilma Amoosiitiin dubbate. Innis, “Uffata gaddaa dhagna kee irraa, kophees miilla kee irraa baasi” jedheen. Innis akkasuma godhe; qullaa fi miilla duwwaa asii fi achi deeme.
At the same time spake the Lord by ye hand of Isaiah the sonne of Amoz, saying, Goe, and loose the sackecloth from thy loynes, and put off thy shooe from thy foote. And he did so, walking naked and barefoote.
3 Kana irratti Waaqayyo akkana jedhe; “Akkuma garbichi koo Isaayyaas, akka Gibxii fi Itoophiyaaf mallattoo fi akeekkachiisa taʼuuf jedhee waggaa sadii qullaa fi miilla duwwaa deeme sana,
And the Lord said, Like as my seruant Isaiah hath walked naked, and barefoote three yeeres, as a signe and wonder vpon Egypt, and Ethiopia,
4 akkasuma mootiin Asoor boojiʼamtoota Gibxii fi baqattoota Itoophiyaa dargaggeessaa fi jaarsa, qullaa fi miilla duwwaa hambisee teessuma isaanii illee qullaa godhee fudhatee deeme; kun warra Gibxiitiif qaanii dha.
So shall the King of Asshur take away the captiuitie of Egypt, and the captiuitie of Ethiopia, both yong men and olde men, naked and barefoote, with their buttockes vncouered, to the shame of Egypt.
5 Warri Itoophiyaa amanatanii Gibxiin boonan ni sodaatu; ni qaanaʼus.
And they shall feare, and be ashamed of Ethiopia their expectation, and of Egypt their glory.
6 Gaafas warri qarqara galaanaa irra jiraatan akkana jedhu; ‘Warra nu itti irkanne, warra mooticha Asoor jalaa nu baasu jennee gargaarsaaf itti baqanne sana irra waan gaʼe mee ilaalaa! Yoos nu akkamitti jalaa baʼuu dandeenya?’”
Then shall the inhabitant of this yle say in that day, Behold, such is our expectation, whither we fledde for helpe to be deliuered from the King of Asshur, and howe shall we be deliuered?

< Isaayyaas 20 >