< Isaayyaas 2 >
1 Wanni Isaayyaas ilmi Amoos waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge kanaa dha:
Révélation que reçut Isaïe, fils d’Amoç, sur Juda et Jérusalem:
2 Bara dhumaa keessa, tulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; inni tulluuwwan caalaa ol ol jedha; saboonni hundinuu gara isaatti yaaʼu.
Il arrivera, à la fin des temps, que la montagne de la maison du Seigneur sera affermie sur la cime des montagnes et se dressera au-dessus des collines, et toutes les nations y afflueront.
3 Namoonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; “Kottaa gara tulluu Waaqayyoo, gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa. Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf karaa isaa nu barsiisa.” Seerri Xiyoon keessaa, dubbiin Waaqayyoo immoo Yerusaalem keessaa ni baʼa.
Et nombre de peuples iront en disant: "Or çà, gravissons la montagne de l’Eternel pour gagner la maison du Dieu de Jacob, afin qu’il nous enseigne ses voies et que nous puissions suivre ses sentiers, car c’est de Sion que sort la doctrine et de Jérusalem la parole du Seigneur."
4 Inni saboota gidduutti murtii kenna; namoota hedduudhaafis ni murteessa. Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa tolfatu; eeboo isaaniis tumanii haamtuu tolfatu. Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu; yookaan lolaaf nama hin leenjifatan.
Il sera un arbitre entre les nations et le précepteur de peuples nombreux; ceux-ci alors de leurs glaives forgeront des socs de charrue et de leurs lances des serpettes; un peuple ne tirera plus l’épée contre un autre peuple, et on n’apprendra plus l’art des combats.
5 Yaa mana Yaaqoob, kottaa ifa Waaqayyoo keessa deddeebinaa.
Maison de Jacob, allons, marchons à la lumière de l’Eternel.
6 Kanaafuu saba kee, mana Yaaqoob dhiifteerta. Isaan bartee Baʼa Biiftuutiin guutamaniiru; akkuma Filisxeemotaa falfala hojjetu; duudhaa namoota ormaattis ni cichu.
Certes, tu avais délaissé ton peuple, la maison de Jacob, car ils étaient envahis de superstitions venues de l’Orient, de pratiques de sorcellerie comme les Philistins, ils se complaisaient aux produits des étrangers.
7 Biyyi isaanii meetii fi warqeen guutamteerti; qabeenyi isaanii dhuma hin qabu. Biyyi isaanii fardeeniin guutamteerti; gaariiwwan isaaniis dhuma hin qaban.
Leur pays est gorgé d’argent et d’or, point de limites à leurs trésors; il abonde en chevaux, et ses chars ne se comptent point.
8 Biyyi isaanii waaqota tolfamoodhaan guutamteerti; isaan hojiidhuma harka isaanii, waanuma qubni isaanii tolcheef sagadu.
Leur pays est rempli aussi d’idoles, ils se prosternent devant l’œuvre de leurs mains, devant les créations de leurs doigts.
9 Kanaafuu namni gad qabama; ilmaan namaa gad deebifamu; ati isaaniif hin dhiisin.
Toute personne s’est abaissée, tout homme s’est dégradé: tu ne peux leur pardonner.
10 Argamuu Waaqayyoo isa sodaachisaa fi surraa ulfina isaa duraa, kattaa keessa lixu; lafa keessas dhokadhu!
Qu’on se retire dans les rochers, qu’on cherche un abri dans la poussière, devant la terreur qu’inspire Dieu et l’éclat de sa majesté!
11 Iji nama of tuuluu gad qabama; of jajuun namootaas gad deebifama; gaafas Waaqayyo qofatu ol ol jedha.
Les yeux hautains seront abaissés, l’orgueil humain sera humilié: Dieu seul sera grand en ce jour.
12 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu warra of jajuu fi warra of tuulu hundaaf, warra ol ol jedhan hundaaf guyyaa tokko qaba; isaanis gad deebifamu.
Oui, l’Eternel-Cebaot fixera un jour contre l’orgueilleux et le superbe, contre quiconque s’élève: ils seront abaissés;
13 Inni birbirsa Libaanoon dheeraa fi guddaa hundaaf, qilxuu Baashaan hundaaf,
contre tous les cèdres élancés et majestueux du Liban et les chênes du Basan;
14 tulluuwwan ol dhedheeroo hundaaf, gaarran ol dhedheeroo hundaaf,
contre toutes les hautes montagnes et les collines altières;
15 gamoo gurguddaa hundaaf, dallaa dhagaadhaan jabeeffamee ijaarame hundaaf,
contre les tours élevées et les remparts puissants;
16 doonii daldalaa hundaa fi waan gatii guddaa qabu hundaaf guyyaa murteeffate tokko qaba.
et contre les navires de Tarsis et les édifices somptueux.
17 Of tuulummaan namaa gad qabama; of jajuun namootaas gad deebifama; gaafas Waaqayyo qofatu ol ol jedha;
L’Orgueil des hommes sera humilié, leur arrogance sera abattue; seul l’Eternel sera grand en ce jour.
18 waaqonni tolfamoon guutumaan guutuutti ni barbadeeffamu.
Quant aux idoles, elles s’évanouiront toutes.
19 Namoonni yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti, sodaachisa Waaqayyootii fi surraa isaa ulfina qabeessa sana duraa gara holqa kattaa keessaattii fi boolla lafa keessaatti ni baqatu.
On se réfugiera alors dans les cavités des rochers et dans les grottes souterraines devant la terreur répandue par l’Eternel et l’éclat de sa majesté, quand il se lèvera pour épouvanter la terre.
20 Gaafas namoonni waaqota isaanii tolfamoo kanneen waaqeffachuuf jedhanii meetii fi warqee irraa tolfatan sana tuqaa fi simbira halkaniitiif darbatu.
En ce jour, ils jetteront aux taupes et aux chauves-souris leurs idoles d’argent et d’or, qu’ils avaient fabriquées pour leur rendre hommage,
21 Isaan yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti sodaachisa Waaqayyootii fi surraa ulfina isaa duraa gara holqa guddaa kattaawwan keessaatii fi baqaqaa kattaatti ni baqatu.
et ils iront dans le creux des rochers, dans les crevasses des côtes pierreuses, terrifiés par la crainte de l’Eternel et l’éclat de sa majesté, quand il se lèvera pour épouvanter la terre.
22 Nama duʼa hin oolle, kan hafuurri isaa funyaan irra jiru abdachuu dhiisaa. Inni maalitti lakkaaʼama?
Cessez de vous appuyer sur l’homme, dont la vie n’est qu’un souffle. Quelle peut être sa valeur?