< Isaayyaas 19 >

1 Raajii Gibxiin mormu: kunoo Waaqayyo duumessa saffisaa yaabbatee gara Gibxi dhufaa jira. Waaqonni Gibxi tolfamoon fuula isaa duratti hollatu; garaan warra Gibxis isaan keessatti baqa.
The burden of Egypt. Behold the Lord will ascend upon a swift cloud, and will enter into Egypt, and the idols of Egypt shall be moved at his presence, and the heart of Egypt shall melt in the midst thereof.
2 “Ani warra Gibxi walitti nan naqa; obboleessi obboleessa isaa, ollaan ollaa isaa, magaalaan tokko magaalaa kaan, mootummaanis mootummaa kaan lola.
And I will set the Egyptians to fight against the Egyptians: and they shall fight brother against brother, and friend against friend, city against city, kingdom against kingdom.
3 Hafuurri warra Gibxi isaan keessatti jeeqama; anis karoora isaanii nan fashaleessa; isaanis waaqota tolfamoo fi hafuurota warra duʼanii, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafatu.
And the spirit of Egypt shall be broken in the bowels thereof, and I will cast down their counsel: and they shall consult their idols, and their diviners, and their wizards, and soothsayers.
4 Anis dabarsee warra Gibxi humna gooftaa garaa jabaatu tokkootti nan kenna; mootiin hamaan tokkos isaan ni bulcha” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
And I will deliver Egypt into the hand of cruel masters, and a strong king shall rule over them, saith the Lord the God of hosts.
5 Bishaanonni galaanaa ni gogu; lagni isaas ni hirʼata; ni gogas.
And the water of the sea shall be dried up, and the river shall be wasted and dry.
6 Burqaawwan isaa ni ajaaʼu; lageen Gibxiis qalʼatanii gogu. Shambaqqoo fi dhallaadduun ni coollagu;
And the rivers shall fail: the streams of the banks shall be diminished, and be dried up. The reed and the bulrush shall wither away.
7 biqiltuuwwan ededa Abbayyaa, kanneen qarqara lagichaa jiranis ni coollagu. Wanni laga Abbayyaa biratti facaafame hundi ni goga; bubbeedhaan fudhatama; deebiʼees hin argamu.
The channel of the river shall be laid bare from its fountain, and every thing sown by the water shall be dried up, it shall wither away, and shall be no more.
8 Qurxummii qabdoonni, warri hokkoo Abbayyaa keessa buusan hundi aadanii booʼu; warri kiyyoo bishaanitti darbatanis ni dadhabu.
The fishers also shall mourn, and all that cast a hook into the river shall lament, and they that spread nets upon the waters shall languish away.
9 Warri quncee talbaa iddame qopheessan, wayyaa dhooftonnis abdii kutatu.
They shall be confounded that wrought in flax, combing and weaving fine linen.
10 Warri wayyaa dhaʼan mataa buusu; warri mindaadhaan hojjetan hundis ni gaddu.
And its watery places shall be dry, all they shall mourn that made pools to take fishes.
11 Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota; gorsitoonni Faraʼoon ogeeyyiinis gorsa faayidaa hin qabne kennu. Isin akkamitti Faraʼooniin, “Ani namoota ogeeyyii keessaa tokkoo dha; ani barataa mootota durii ti” jechuu dandeessu?
The princes of Tanis are become fools, the wise counsellors of Pharao have given foolish counsel: how will you say to Pharao: I am the son of the wise, the son of ancient kings?
12 Namoonni keessan ogeeyyiin amma eessa jiru? Mee isaan waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Gibxiin mormuudhaan karoorfate; isinitti haa himan; haa beeksisanis.
Where are now thy wise men? let them tell thee, and shew what the Lord of hosts hath purposed upon Egypt.
13 Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota taʼaniiru; bulchitoonni Memfiis gowwoomfamaniiru; gurguddoonni saba ishee Gibxiin karaa irraa jalʼisaniiru.
The princes of Tanis are become fools, the princes of Memphis are gone astray, they have deceived Egypt, the stay of the people thereof.
14 Waaqayyo hafuura nama hadoochu isaanitti dhangalaaseera; isaan akkuma machaaʼaan tokko hoqqisaa gatantaru sana biyya Gibxi waan isheen hojjettu hunda keessatti gatantarsan.
The Lord hath mingled in the midst thereof the spirit of giddiness: and they have caused Egypt to err in all its works, as a drunken man staggereth and vomiteth.
15 Wanni mataan yookaan eegeen, dameen meexxii yookaan shambaqqoon, Gibxiif gochuu dandaʼan tokko iyyuu hin jiru.
And there shall be no work for Egypt, to make head or tail, him that bendeth down, or that holdeth back.
16 Bara sana warri Gibxi akka dubartii taʼu. Harka ol kaʼe kan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isaanitti ol fudhatu sana arganii sodaan ni hollatu.
In that day Egypt shall be like unto women, and they shall be amazed, and afraid, because of the moving of the hand of the Lord of hosts, which he shall move over it.
17 Biyyi Yihuudaas warra Gibxi ni naasisa; namni maqaan Yihuudaa biratti dhaʼamu hundinuu sababii waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isaanitti karoorfachaa jiru sanaatiif ni naʼa.
And the land of Juda shall be a terror to Egypt: every one that shall remember it shall tremble because of the counsel of the Lord of hosts, which he hath determined concerning it.
18 Gaafas biyya Gibxi keessatti magaalaawwan shan afaan Kanaʼaan dubbatu; isaanis Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf amanamoo taʼuuf ni kakatu. Isaan keessaa tokko Magaalaa Badiisaa jedhamti.
In that day there shall be five cities in the land of Egypt, speaking the language of Chanaan, and swearing by the Lord of hosts: one shall be called the city of the sun.
19 Gaafas wiirtuu Gibxi keessatti iddoon aarsaa tokko Waaqayyoof ni hojjetama; daangaa biyyattii irrattis siidaan tokkoo Waaqayyoof ni dhaabama.
In that day there shall be an altar of the Lord in the midst of the land of Egypt, and a monument of the Lord at the borders thereof:
20 Kunis biyya Gibxi keessatti Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf mallattoo fi dhuga baʼumsa taʼa. Yeroo isaan sababii cunqursitoota isaaniitiif gara Waaqayyootti iyyatanitti, inni fayyisaa fi baraaraa tokko ergeefii isaan oolcha.
It shall be for a sign, and for a testimony to the Lord of hosts in the land of Egypt. For they shall cry to the Lord because of the oppressor, and he shall send them a Saviour and a defender to deliver them.
21 Kanaafuu Waaqayyo warra Gibxitti of beeksisa; isaanis gaafas Waaqayyoon ni beeku. Isaanis qalmaa fi kennaa midhaaniitiin waaqeffatu; Waaqayyoofis ni wareegu; wareega sanas ni baafatu.
And the Lord shall be known by Egypt, and the Egyptians shall know the Lord in that day, and shall worship him with sacrifices and offerings: and they shall make vows to the Lord, and perform them.
22 Waaqayyo biyya Gibxi ni rukuta; rukutees ni fayyisa. Isaan gara Waaqayyootti ni deebiʼu; innis kadhannaa isaaniitiif deebii kennee isaan fayyisa.
And the Lord shall strike Egypt with a scourge, and shall heal it, and they shall return to the Lord, and he shall be pacified towards them, and heal them.
23 Gaafas Gibxii hamma Asooritti karaa guddaa tokkotu jiraata. Warri Asoor gara Gibxi, warri Gibxis gara Asoor ni dhaqu. Warri Gibxii fi warri Asoor walii wajjin ni waaqeffatu.
In that day there shall be a way from Egypt to the Assyrians, and the Assyrian shall enter into Egypt, and the Egyptian to the Assyrians, and the Egyptians shall serve the Assyrian.
24 Israaʼel bara sana keessa Gibxii fi Asooritti dabalamtee sadaffaa taati; kunis lafa irratti eebba taʼa.
In that day shall Israel be the third to the Egyptian and the Assyrian: a blessing in the midst of the land,
25 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼus, “Gibxi sabni koo, Asoor hojiin harka kootii fi Israaʼel dhaalli koo haa eebbifaman” jedhee isaan eebbisa.
Which the Lord of hosts hath blessed, saying: Blessed be my people of Egypt, and the work of my hands to the Assyrian: but Israel is my inheritance.

< Isaayyaas 19 >