< Isaayyaas 18 >
1 Biyya lageen Itoophiyaatiin gamaa kan qoochoo isheetiin shaakkiftuuf wayyoo;
Ole kwa nchi ya wezi wa mabawa, iliyoko mbali kupitia mito ya Ethiopia;
2 isheen galaana irra, bidiruu dhallaadduutiin ergamoota bishaan irra ergiti. Yaa ergamoota ariifattoota, gara saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafuu, gara saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamuu, saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte sanaa dhaqaa.
wanowatuma mabalozi wao kwa kupitia bahari, na vyombo vya majani juu ya maji. Nendeni enyi wajumbe wepesi, kwa watu warefu na laini waishio kwenye nchi, kwa watu wanogopa mbali na karibu, taifa lenye nguvu, wakanyagao watu, ambao mito imegawanya nchi yao.
3 Isin uummanni addunyaa hundi, warri lafa irra jiraattan yeroo mallattoon gaara irratti ol qabamu ni argitu; yeroo malakanni afuufamus inuma dhageessu.
Watu wote wakaao duniani nao wakaao katika nchi, pale ishara itakaponyanyuliwa juu ya milima, angalia; na sikilizeni mbiu itakapopulizwa.
4 Waaqayyo akkana naan jedhe: “Ani akkuma hoʼa ifa aduu keessatti calaqqisuu, akkuma duumessa fixeensaa kan hoʼa yeroo midhaan galchaniitti calʼisee iddoo jireenya kootii nan ilaala.”
Yahwe asema hivi, ''nitachunguza kimyakimya kutoka nyumbani kwangu, kama kupika joto kwenye jua, na kama ukungu kwenye joto la mavuno.
5 Haamaa midhaaniitiin dura, yeroo hudhaan daraaree daraaraan sunis ija wayinii bilchaatee taʼutti inni billaa ittiin qoraniin lataa isaa ni ciccira; damee babalʼates irraa murmuree ni balleessa.
Kabla ya mavuno, pale kipindi cha maua kinapoisha, na maua yako tayari kuwa zabibu. Atakata matawi kwa kupogoa ndoano, na atakatiwa chini na kuchukua matawi yaliyotawanyika.
6 Isaan hundinuu allaattii tulluu kan waa adamsuu fi bineensota bosonaatiif dhiifamu; allaattiin bona guutuu, bineensonni bosonaas ganna guutuu isaan nyaatu.
Wataachwa kwa pamoja maana ndege wa milimani na wanyama wa duniani. Ndege watatua kwao majira ya joto, na wanyama wote watakuwa kwao kipindi cha baridi.''
7 Gaafas saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafu irraa, saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamu irraa, saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte irraa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf kennaan ni fidama; kennaan sunis gara Tulluu Xiyoon, iddoo Maqaan Waaqayyo Waan hunda dandaʼu jiraatutti ni fidama.
Kwa mda huo kodi italetwa kwa Yahwe wa majeshi kwa watu warefu na laini, kwa watu wanohofia umbali na ukaribu, taifa imara na kukanyagwa chini, ambayo nchi yao imegawanjwa na mito, Kwa sehemu ya jina la Yahwe wa majeshi, mpaka mlima Sayuni.