< Isaayyaas 18 >
1 Biyya lageen Itoophiyaatiin gamaa kan qoochoo isheetiin shaakkiftuuf wayyoo;
唉!古实河外翅膀刷刷响声之地,
2 isheen galaana irra, bidiruu dhallaadduutiin ergamoota bishaan irra ergiti. Yaa ergamoota ariifattoota, gara saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafuu, gara saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamuu, saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte sanaa dhaqaa.
差遣使者在水面上, 坐蒲草船过海。 先知说:你们快行的使者, 要到高大光滑的民那里去。 自从开国以来,那民极其可畏, 是分地界践踏人的; 他们的地有江河分开。
3 Isin uummanni addunyaa hundi, warri lafa irra jiraattan yeroo mallattoon gaara irratti ol qabamu ni argitu; yeroo malakanni afuufamus inuma dhageessu.
世上一切的居民和地上所住的人哪, 山上竖立大旗的时候你们要看; 吹角的时候你们要听。
4 Waaqayyo akkana naan jedhe: “Ani akkuma hoʼa ifa aduu keessatti calaqqisuu, akkuma duumessa fixeensaa kan hoʼa yeroo midhaan galchaniitti calʼisee iddoo jireenya kootii nan ilaala.”
耶和华对我这样说: 我要安静,在我的居所观看, 如同日光中的清热, 又如露水的云雾在收割的热天。
5 Haamaa midhaaniitiin dura, yeroo hudhaan daraaree daraaraan sunis ija wayinii bilchaatee taʼutti inni billaa ittiin qoraniin lataa isaa ni ciccira; damee babalʼates irraa murmuree ni balleessa.
收割之先,花开已谢, 花也成了将熟的葡萄; 他必用镰刀削去嫩枝, 又砍掉蔓延的枝条,
6 Isaan hundinuu allaattii tulluu kan waa adamsuu fi bineensota bosonaatiif dhiifamu; allaattiin bona guutuu, bineensonni bosonaas ganna guutuu isaan nyaatu.
都要撇给山间的鸷鸟和地上的野兽。 夏天,鸷鸟要宿在其上; 冬天,野兽都卧在其中。
7 Gaafas saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafu irraa, saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamu irraa, saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte irraa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf kennaan ni fidama; kennaan sunis gara Tulluu Xiyoon, iddoo Maqaan Waaqayyo Waan hunda dandaʼu jiraatutti ni fidama.
到那时,这高大光滑的民, 就是从开国以来极其可畏、 分地界践踏人的, 他们的地有江河分开; 他们必将礼物奉给万军之耶和华, 就是奉到锡安山— 耶和华安置他名的地方。