< Isaayyaas 17 >

1 Raajii Damaasqoodhaan mormu: “Kunoo, Damaasqoon tuullaa diigamte taati malee siʼachi magaalaa hin taatu.
The prophecy concerning Damascus. Behold, Damascus shall be no more a city; It shall become a heap of ruins.
2 Magaalaawwan Aroʼeer ni onu; bushaayeen achi ciciisu; wanni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
The cities of Aroer shall be forsaken; They shall be pastures for flocks, Which shall lie down, and none shall make them afraid.
3 Magaalaan jabeeffamtee ijaaramte Efreem keessaa, humni mootummaas Damaasqoo keessaa ni bada; hambaan Sooriyaa akka ulfina Israaʼelootaa taʼa” jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
The fortress shall cease from Ephraim, And the kingdom from Damascus, and the rest of Syria; It shall be with them as with the glory of the children of Israel, Saith Jehovah of hosts.
4 “Bara sana keessa ulfinni Yaaqoob gad deebiʼa; furdinni dhagna isaas ni huqqata.
In that day shall the glory of Jacob sink away, And the fatness of his flesh become leanness.
5 Akkuma namni midhaan haamu tokko, midhaan dhaabbatu walitti qabee irree isaatiin haamu sana kunis akkuma yeroo namni tokko Sulula Refaayim keessaa qarmii funaanuu ni taʼa.
And it shall be as when the harvest-man gathereth the corn, And reapeth the ears with his arm; Yea, as when one gleaneth ears in the valley of Rephaim.
6 Taʼus akkuma yeroo mukni ejersaa dhaʼamuutti, qarmii guuruun amma iyyuu jira; fiixee ol aanu irratti gumaa lama yookaan sadiitu hafa; damee gad aanu irratti gumaa afur yookaan shantu hafa” jedha Waaqayyo, Waaqni Israaʼel.
There shall be left in it only a gleaning, as in the olive-harvest, Two or three berries on the top of the highest bough, Four or five on the fruitful branches, Saith Jehovah, the God of Israel.
7 Gaafas namoonni gara Uumaa isaanii ilaalu; ija isaaniis gara Qulqullicha Israaʼel deebifatu.
In that day shall a man have regard to his Maker, And his eyes shall look to the Holy One of Israel.
8 Isaan gara iddoo aarsaa, gara hojii harka isaanii hin ilaalan; isaan galma waaqeffannaa Aasheeraa, iddoo aarsaa ixaanaa kan quba isaaniitiin tolchanis wayittuu hin lakkaaʼan.
He shall not look to the altars, the work of his hands, Nor have respect to that which his fingers have made, The images of Astarte and the Sun-pillars.
9 Gaafas magaalaawwan jajjaboon isaan sababii Israaʼelootaatiif keessaa baʼan sun akkuma lafa bosona keessaa kan namni dhiisee deemee taʼu. Hundi ni onu.
In that day shall his fortified cities be like ruins in the forests, or on the mountain tops, Which the enemy left, in flight from the children of Israel; And the land shall be a desolation.
10 Ati Fayyisaa kee, Waaqa irraanfatteerta; ati kattaa, daʼoo kee hin yaadanne. Kanaafuu yoo biqiltuu akka malee gaarii dhaabbattee muka wayinii kan alaa dhufe biqilfatte iyyuu,
For thou hast forgotten the God of thy salvation, And hast not been mindful of the rock of thy strength; Therefore though thou plant beautiful plants, And set shoots from a foreign soil,
11 yoo guyyuma dhaabde sana akka inni biqilu goote iyyuu ganama yeroo dhaabdetti akka inni daraaru goota; garuu guyyaa dhukkubaa fi dhibee hin fayyineetti wayinichi homaa hin fayyadu.
When thou hast planted them, though thou hedge them in, And in the morning bring thy plants to the blossom, Yet shall the harvest flee away, In the day of pain and desperate sorrow.
12 Saboota baayʼee kanneen aaraniif wayyoo! Isaan akkuma galaana aaruutti aaru! Saboota wacaniif wayyoo! Isaan akkuma bishaan guddaan huursutti huursu.
Alas! a tumult of many nations! They rage with the raging of the sea. Alas! a roaring of kingdoms! They roar with the roaring of mighty waters.
13 Saboonni akkuma huursaa bishaan cabsee deemuu yoo huurse iyyuu yommuu inni isaanitti dheekkamu isaan baqatanii badu; akkuma habaqiin tulluu irraa fuula bubbee dura ariʼamu, akkuma awwaarri fuula bubbee hamaa duraa bittinnaaʼu isaan ni bittinnaaʼu.
Like the roaring of mighty waters do the nations roar; He rebuketh them, and they flee away, Driven like the chaff of the mountains before the wind, Like stubble before the whirlwind.
14 Galgala sodaan akkuma tasaa isaan qabatti! Isaan utuu lafti hin bariʼin ni dhabamu! Kun qooda warra nu boojiʼee, hiree warra nu saamee ti.
At the time of evening, behold, terror! Before morning, behold, they are no more! This is the portion of them that spoil us, And the lot of them that plunder us.

< Isaayyaas 17 >