< Isaayyaas 16 >

1 Seelaa, gammoojjii gama jirtu sana irraa bulchaa biyyattiitiif, gara tulluu Intala Xiyoonitti xobbaallaawwan hoolaa gibira ergaa.
Шаљите јагањце господару земаљском, од Селе до пустиње, ка гори кћери сионске.
2 Akkuma simbira manʼee ishee keessaa ariʼamtee asii fi achi fiigduu dubartoonni Moʼaabis malkaa laga Arnoonitti akkasuma taʼu.
Јер ће бити кћери моавске на бродовима арнонским као птица која лута, отерана с гнезда.
3 “Gorsa nuuf kennaa; murtii murteessaa. Guyyaa saafaadhaan gaaddidduu keessan akkuma halkanii dukkaneessaa. Baqattootas dhoksaa; kooluu galtoota hin ganinaa.
Учини веће, народе, начини сен у подне као ноћ, заклони изагнане, немој издати бегунце.
4 Baqattoonni Moʼaab isin wajjin haa jiraatan; balleessituu irraa daʼoo isaaniif taʼaa.” Cunqursaan ni bada; badiisnis ni hafa; warri nama miidhan lafa irraa badu.
Нека код тебе бораве изгнани моји, Моаве; буди им заклон од пустошника; јер ће нестати насилника, престаће пустошење, истребиће се са земље који газе друге.
5 Teessoon jaalalaan hundeeffama; mana Daawit keessaa namni murtii kennuu irratti murtii qajeelaa barbaadu, kan waan qajeelaa hojjechuuf ariifatu tokko amanamummaadhaan teessoo sana irra ni taaʼa.
И утврдиће се престо милошћу, и на њему ће седети једнако у шатору Давидовом који ће судити и тражити што је право и бити брз да чини правду.
6 Nu of tuulummaa Moʼaab, of guddisuu fi kooruu ishee, of tuuluu fi addaggee taʼuu ishee dhageenyeerra; of jajuun ishee garuu faayidaa hin qabu.
Чусмо за охолост Моава врло поноситог, за понос његов и охолост и обест његову; лажи његове неће бити тврде.
7 Kanaafuu Moʼaabonni ni booʼu; isaan tokkummaadhaan Moʼaabiif booʼu. Namoota Qiir Hareeshetiif faarsanii booʼuudhaan gaddu.
Зато ће ридати Моавац над Моавцем, сви ће ридати; над темељима кир-аресетским уздисаћете јер су разваљени.
8 Lafti qotiisaa Heshboon, mukni wayinii Sibimaas coollageera. Bulchitoonni sabootaa mukkeen wayinii filatamoo kanneen duraan Yaʼizeerin gaʼanii gara gammoojjiitti babalʼatan dhidhiitaniiru. Lataan isaanii dheeratee hamma galaanaatti diriire.
И поља есевонска посушише се и чокот сивамски; господа народна потрше красне лозе његове, које досезаху до Јазира и вијаху се по пустињи; одводе његове пружаху се и прелажаху преко мора.
9 Kanaafuu ani akkuma Yaʼizeer boosse sana, mukkeen wayinii Sibimaatiif nan booʼa. Yaa Heshboon, yaa Eleʼaalee, ani imimmaan kootiin sin jiisa! Ililleen yeroo midhaan siif gaʼeetii fi gammachuun yeroo midhaan siif haamamu ture sun hafeera.
Зато ћу плакати плачем јазирским за чокотом сивамским; заливаћу те сузама својим, Есевоне и Елеало, јер песма о летини твојој и о жетви твојој паде.
10 Ililchuu fi gammaduun iddoo biqiltuu keessaa badaniiru; namni tokko iyyuu iddoo dhaabaa wayinii keessatti hin faarfatu yookaan hin ililchu: sababii ani ilillee balleesseef namni iddoo wayinii itti cuunfanitti wayinii dhidhiitu tokko hin jiru.
И неста радости и весеља с поља родног, у виноградима се не пева ни подвикује, вина у кацама не гази газилац; учиних крај песмама.
11 Garaan koo akkuma baganaa faarsee Moʼaabiif booʼa; keessi koos Qiir Hareeshetiif booʼa.
Зато утроба моја јечи као гусле за Моавом, и срце моје за Кир-Ересом.
12 Moʼaab yoo iddoo ol kaʼaatti mulʼatte, isheen ofuma dadhabsiifti; yoo kadhannaaf gara iddoo qulqulluu ishee dhaqxe kunis faayidaa tokko illee hin qabu.
И кад се види да се уморио Моав на висини својој, ући ће у светињу своју да се помоли; али ништа неће свршити.
13 Kun dubbii Waaqayyo duraanuu waaʼee Moʼaab dubbatee dha.
Ово је реч што рече Господ за Моава давно.
14 Waaqayyo garuu amma akkana jedha: “Waggaa sadii keessatti, ulfinni Moʼaabii fi namoonni ishee hedduun hundi akkuma hojjetaan tokko guyyaa isaa lakkaaʼatu sana ni tuffatamu; kanneen hafanis akka malee muraasaa fi dadhaboo taʼu.”
А сада вели Господ говорећи: До три године, као што су године најамничке, олошаће слава Моавова са свим мноштвом његовим, и шта остане биће врло мало и нејако.

< Isaayyaas 16 >