< Isaayyaas 16 >
1 Seelaa, gammoojjii gama jirtu sana irraa bulchaa biyyattiitiif, gara tulluu Intala Xiyoonitti xobbaallaawwan hoolaa gibira ergaa.
Botinda mpate lokola mpako epai ya mokambi ya mokili; wuta na Sela kino na ngomba Siona, mboka kitoko, bokatisa esobe.
2 Akkuma simbira manʼee ishee keessaa ariʼamtee asii fi achi fiigduu dubartoonni Moʼaabis malkaa laga Arnoonitti akkasuma taʼu.
Bakobengana basi ya Moabi lokola bandeke na zala na yango, na suka ya ebale ya Arinoni.
3 “Gorsa nuuf kennaa; murtii murteessaa. Guyyaa saafaadhaan gaaddidduu keessan akkuma halkanii dukkaneessaa. Baqattootas dhoksaa; kooluu galtoota hin ganinaa.
« Pesa biso toli, kamata mokano. Sala ete elili na yo ezala lokola butu na moyi makasi. Bomba bato oyo bakimeli epai na yo, kobimisa bango te.
4 Baqattoonni Moʼaab isin wajjin haa jiraatan; balleessituu irraa daʼoo isaaniif taʼaa.” Cunqursaan ni bada; badiisnis ni hafa; warri nama miidhan lafa irraa badu.
Tika ete bato ya Moabi oyo bakimi epai na yo bawumela elongo na yo! Zala nguba na bango liboso ya mobomi. » Tango minyoko ekokoma na suka, kobebisama ekotikala lisusu te mpe koboma ekosila na mokili.
5 Teessoon jaalalaan hundeeffama; mana Daawit keessaa namni murtii kennuu irratti murtii qajeelaa barbaadu, kan waan qajeelaa hojjechuuf ariifatu tokko amanamummaadhaan teessoo sana irra ni taaʼa.
Kiti ya bokonzi ekolendisama na bolingo; moto moko akovanda na kiti yango na bosolo, akobimela na ndako ya Davidi: alukaka bosembo kati na kosambisa mpe alongisaka makambo ya bosembo.
6 Nu of tuulummaa Moʼaab, of guddisuu fi kooruu ishee, of tuuluu fi addaggee taʼuu ishee dhageenyeerra; of jajuun ishee garuu faayidaa hin qabu.
Toyokaki sango ya lolendo ya Moabi, ndenge atombolaka mapeka: lolendo na ye oyo eleka ndelo mpe lofundu na ye, lolendo mpe maloba na ye ya lofundu ezanga na yango tina.
7 Kanaafuu Moʼaabonni ni booʼu; isaan tokkummaadhaan Moʼaabiif booʼu. Namoota Qiir Hareeshetiif faarsanii booʼuudhaan gaddu.
Yango wana, bato ya Moabi bakosala matanga, bakomilela bango na bango mpo na Moabi. Bolela mpe bozala na mawa mpo na mikate ya Kiri-Aresheti, oyo basala na bambuma ya vino.
8 Lafti qotiisaa Heshboon, mukni wayinii Sibimaas coollageera. Bulchitoonni sabootaa mukkeen wayinii filatamoo kanneen duraan Yaʼizeerin gaʼanii gara gammoojjiitti babalʼatan dhidhiitaniiru. Lataan isaanii dheeratee hamma galaanaatti diriire.
Mpo ete bilanga ya Eshiboni esili kokawuka elongo na bilanga ya vino ya Sibima. Bakambi ya bikolo babukaki-bukaki bitape na yango oyo eleki kitoko, oyo ekenda kino na Yaezeri mpe eleka kino na esobe. Bitape yango ezalaki epanzana makasi mpe ekenda mosika kino na ebale monene.
9 Kanaafuu ani akkuma Yaʼizeer boosse sana, mukkeen wayinii Sibimaatiif nan booʼa. Yaa Heshboon, yaa Eleʼaalee, ani imimmaan kootiin sin jiisa! Ililleen yeroo midhaan siif gaʼeetii fi gammachuun yeroo midhaan siif haamamu ture sun hafeera.
Yango wana, nazali kolela lokola Yaezeri mpo na vino ya Sibima. Eshiboni mpe Eleale, nazali kosopa mpinzoli mpo na bino! Koganga ya esengo esili mpo bambuma na bino mpe mpo na biloko oyo bobuki na bilanga na bino.
10 Ililchuu fi gammaduun iddoo biqiltuu keessaa badaniiru; namni tokko iyyuu iddoo dhaabaa wayinii keessatti hin faarfatu yookaan hin ililchu: sababii ani ilillee balleesseef namni iddoo wayinii itti cuunfanitti wayinii dhidhiitu tokko hin jiru.
Esengo mpe kosepela ebungi na bilanga ya kitoko, banzembo mpe koganga ya esengo ezali lisusu te kati na bilanga ya vino! Mokamoli vino akokamola lisusu te kati na ekamolelo, pamba te nakosukisa koganga.
11 Garaan koo akkuma baganaa faarsee Moʼaabiif booʼa; keessi koos Qiir Hareeshetiif booʼa.
Motema na ngai ezali kolela lokola lindanda mpo na Moabi, mpe kati ya motema na ngai ezali komona pasi mpo na Kiri-Aresheti.
12 Moʼaab yoo iddoo ol kaʼaatti mulʼatte, isheen ofuma dadhabsiifti; yoo kadhannaaf gara iddoo qulqulluu ishee dhaqxe kunis faayidaa tokko illee hin qabu.
Bakomona Moabi komata na bisambelo ya likolo ya bangomba mpo na kobondela na esika na ye ya bule, kasi akolonga te.
13 Kun dubbii Waaqayyo duraanuu waaʼee Moʼaab dubbatee dha.
Yango nde liloba oyo Yawe aloba wuta kala mpo na Moabi.
14 Waaqayyo garuu amma akkana jedha: “Waggaa sadii keessatti, ulfinni Moʼaabii fi namoonni ishee hedduun hundi akkuma hojjetaan tokko guyyaa isaa lakkaaʼatu sana ni tuffatamu; kanneen hafanis akka malee muraasaa fi dadhaboo taʼu.”
Kasi Yawe alobi sik’oyo boye: « Etikali mibu misato, kobakisa ata mokolo moko te, bato ya lokumu ya Moabi mpe ebele ya bato na ye bakosambwa, bongo bato na ye oyo bakobika bakozala kaka moke mpe bakozanga makasi. »