< Isaayyaas 14 >

1 Waaqayyo Yaaqoobiif garaa ni laafa; inni amma illee Israaʼelin filatee biyya isaanii keessa isaan qubachiisa. Ormoonni isaanitti dabalamu; mana Yaaqoob wajjinis tokko taʼu.
For the LORD will have compassion on Jacob; once again He will choose Israel and settle them in their own land. The foreigner will join them and unite with the house of Jacob.
2 Saboonni isaan fudhatu; iddoo ofii isaaniitti isaan deebisu. Manni Israaʼel immoo akkuma hojjettoota dhiiraa fi dubartiitti lafa Waaqayyoo keessatti dhaala godhanii isaan fudhatu. Isaan boojitoota isaanii boojiʼanii warra isaan hacuucanis bulchu.
The nations will escort Israel and bring it to its homeland. Then the house of Israel will possess the nations as menservants and maidservants in the LORD’s land. They will make captives of their captors and rule over their oppressors.
3 Guyyaa Waaqayyo itti dhiphina, rakkinaa fi hojii hamaa isin itti garboomfamtanii turtan sana jalaa isin boqochiisutti,
On the day that the LORD gives you rest from your pain and torment, and from the hard labor into which you were forced,
4 akkana jettee mootii Baabilonitti ni qoosta: Cunqursichi akkamitti bade! Aariin isaas akkamitti isa irraa gale!
you will sing this song of contempt against the king of Babylon: How the oppressor has ceased, and how his fury has ended!
5 Waaqayyo ulee hamootaatii fi bokkuu bulchitootaa,
The LORD has broken the staff of the wicked, the scepter of the rulers.
6 kan dheekkamsa wal irraa hin cinneetiin uummata rukute; kan gara laafina tokko malee ariʼee saboota dhaʼe sana caccabseera.
It struck the peoples in anger with unceasing blows; it subdued the nations in rage with relentless persecution.
7 Lafti hundi boqonnaa fi nagaa argatti; faarfachuuttis kaati.
All the earth is at peace and at rest; they break out in song.
8 Gaattiraawwanii fi birbirsawwan Libaanoon iyyuu isinitti burraaqanii, “Amma ati kufteerta; namni tokko iyyuu nu muruuf hin dhufu” jedhu.
Even the cypresses and cedars of Lebanon exult over you: “Since you have been laid low, no woodcutter comes against us.”
9 Siiʼool isheen gadii yeroo ati dhuftutti si simachuuf kaati; isheen akka isaan si dubbisaniif hafuurota warra duʼanii, warra addunyaa irratti hooggantoota turanii hunda dammaqsiteerti; isheen warra mootota sabootaa turan hunda teessoo isaanii irraa kaafti. (Sheol h7585)
Sheol beneath is eager to meet you upon your arrival. It stirs the spirits of the dead to greet you— all the rulers of the earth. It makes all the kings of the nations rise from their thrones. (Sheol h7585)
10 Isaan hundinuu deebisanii akkana jedhu; “Atis akkuma keenya dadhabdeerta; akkuma keenya taateerta.”
They will all respond to you, saying, “You too have become weak, as we are; you have become like us!”
11 Ulfinni kee hundinuu, sagalee baganaa keetii wajjin awwaala keessa buufameera; ilmaan raammoo si jala afamanii raammoon si haguugdi. (Sheol h7585)
Your pomp has been brought down to Sheol, along with the music of your harps. Maggots are your bed and worms your blanket. (Sheol h7585)
12 Yaa bakkalcha barii, ilma barii barraaqaa, ati akkamitti samii irraa lafa dhoofte! Ati kan duraan saboota gad qabde, lafatti gad darbatamteerta!
How you have fallen from heaven, O day star, son of the dawn! You have been cut down to the ground, O destroyer of nations.
13 Ati garaa keetti akkana jette; “Ani samiitti olin baʼa; ani urjiiwwan Waaqaatii olitti teessoo koo olin baafadha; ani tulluu wal gaʼii irra, fiixee tulluu qulqullichaa irra teessoo irra nan taaʼa.
You said in your heart: “I will ascend to the heavens; I will raise my throne above the stars of God. I will sit on the mount of assembly, in the far reaches of the north.
14 Ani fiixee duumessootaa gara irraatti ol nan baʼa; ani akka Waaqa Waan Hundaa Olii ofin taasisa.”
I will ascend above the tops of the clouds; I will make myself like the Most High.”
15 Garuu ati siiʼool keessa, boolla qilee keessa buufamteerta. (Sheol h7585)
But you will be brought down to Sheol, to the lowest depths of the Pit. (Sheol h7585)
16 Warri si argan ija babaasanii si ilaalu; akkana jedhaniis dinqisiifatu: “Kun namichuma lafa sochoosee akka mootummoonni raafaman godhe,
Those who see you will stare; they will ponder your fate: “Is this the man who shook the earth and made the kingdoms tremble,
17 namicha addunyaa kana gammoojjii godhe, kan magaalaawwan ishee gaggaragalchee akka warri boojiʼaman mana isaaniitti hin deebine godhe sanaa?”
who turned the world into a desert and destroyed its cities, who refused to let the captives return to their homes?”
18 Mootonni sabootaa hundi, ulfinaan awwaala isaanii keessa ciciisaniiru.
All the kings of the nations lie in state, each in his own tomb.
19 Ati garuu akkuma damee jibbame tokkootti, awwaala kee keessaa baafamtee gatamteerta; ati warra ajjeefamaniin, warra goraadeen waraanamaniin, warra gara dhagaa boollaatti gad buʼaniin haguugamteerta. Akkuma reeffaa miillaan dhidhiitamteerta;
But you are cast out of your grave like a rejected branch, covered by those slain with the sword, and dumped into a rocky pit like a carcass trampled underfoot.
20 ati sababii biyya kee balleessitee namoota kee fixxeef, isaan gidduutti hin awwaalamtu. Maqaan sanyii hamootaa lammata hin dhaʼamu.
You will not join them in burial, since you have destroyed your land and slaughtered your own people. The offspring of the wicked will never again be mentioned.
21 Sababii cubbuu abbootii isaaniitiif iddoo ilmaan isaa itti qalaman qopheessaa; isaan biyya dhaaluudhaaf, magaalaawwan isaaniitiinis lafa guutuuf hin kaʼan.
Prepare a place to slaughter his sons for the iniquities of their forefathers. They will never rise up to possess a land or cover the earth with their cities.
22 “Ani isaanitti nan kaʼa,” jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu. “Ani Baabilon keessaa maqaa isheetii fi hambaa ishee, ilmaan isheetii fi sanyii ishee nan balleessa” jedha Waaqayyo.
“I will rise up against them,” declares the LORD of Hosts. “I will cut off from Babylon her name and her remnant, her offspring and her posterity,”
23 “Ani iddoo urunguun keessa jiraattuu fi lafa caffee ishee nan godha; ani hartuu badiisaatiin ishee nan haxaaʼa” jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
“I will make her a place for owls and for swamplands; I will sweep her away with the broom of destruction,” declares the LORD of Hosts.
24 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhee kakateera; “Dhugumaan akkuma ani duraan karoorfadhe sana wanni kun ni taʼa; akkuma ani yaade sanas ni dhaabata.
The LORD of Hosts has sworn: “Surely, as I have planned, so will it be; as I have purposed, so will it stand.
25 Ani biyya koo keessatti Asoorota nan barbadeessa; tulluuwwan koo irratti ani isa gad dhidhiita. Waanjoon isaa saba koo irraa ni fuudhama; baʼaan isaas gatiittii isaanii irraa ni buʼa.”
I will break Assyria in My land; I will trample him on My mountain. His yoke will be taken off My people, and his burden removed from their shoulders.”
26 Karoorri guutummaa addunyaatiif murtaaʼe kanaa dha; kun harka saboota hunda irratti diriirfamee dha.
This is the plan devised for the whole earth, and this is the hand stretched out over all the nations.
27 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu waan kana yaadeeraatii, eenyutu isa garagalcha? Harki isaa diriirfameeraa; eenyutu duubatti isa deebisuu dandaʼa?
The LORD of Hosts has purposed, and who can thwart Him? His hand is outstretched, so who can turn it back?
28 Raajiin kun bara Aahaaz mootichi duʼe keessa dhufe:
In the year that King Ahaz died, this burden was received:
29 Yaa Filisxeemota, uleen isin dhaʼe waan cabeef, isin hundinuu hin gammadinaa; hidda bofa sanaa keessaa buutiitu baʼa; iji isaa bofa darbatamaa summii qabu ni taʼa.
Do not rejoice, all you Philistines, that the rod that struck you is broken. For a viper will spring from the root of the snake, and a flying serpent from its egg.
30 Hiyyeessi gadadamaan iddoo itti bobbaʼu argata; rakkataanis nagaadhaan ciisa. Hidda kee garuu ani beelaan nan barbadeessa; beellis hambaa kee ni fixa.
Then the firstborn of the poor will find pasture, and the needy will lie down in safety, but I will kill your root by famine, and your remnant will be slain.
31 Yaa karra, ati booʼi! Yaa magaalaa, iyyi! Filisxeemonni hundi baqaatii badaa! Duumessi aaraa tokko karaa kaabaatiin ni dhufa; raayyaa waraana isaa keessas kan citee hafu tokko iyyuu hin jiru.
Wail, O gate! Cry out, O city! Melt away, all you Philistines! For a cloud of smoke comes from the north, and there are no stragglers in its ranks.
32 Ergamoota saba sanaatiif deebii akkamiitu kennamuu mala? “Waaqayyo jabeessee Xiyoonin dhaabeera; ishee keessattis namoonni isaa kanneen miidhaman daʼannoo ni argatu.”
What answer will be given to the envoys of that nation? “The LORD has founded Zion, where His afflicted people will find refuge.”

< Isaayyaas 14 >