< Isaayyaas 13 >

1 Raajii waaʼee Baabilon kan Isaayyaas ilmi Amoos arge:
Tamko kuhusu Babeli, ambalo Isaya mtoto wa Amozi alipokea:
2 Tulluu homaa itti hin biqilin irratti faajjii ol kaasaatii isaanitti iyyaa; akka isaan karra namoota bebeekamootiin ol galaniif harkaan itti himaa.
Kwenye mlima wa wazi imewekwa bendera ya ishara, lia kwa sauti kwao, wapungie mikono waende kwenye lango la wenye vyeo.
3 Ani qulqulloota koo ajajeera; akka isaan dheekkamsa koo hojii irra naa oolchaniif ani loltoota koo kanneen moʼannoo kootti gammadan waammadheera.
Nimewamuru watakatifu wangu, ndio, nimewaita watu wangu wenye nguvu kutekeleza asira yangu, na hata watu wangu wanojigmba na kujiinua wenyewe.
4 Waca tulluuwwan irraa, kan akka tuuta guddaa tokkoo dhaggeeffadhaa! Guungummii mootummootaa kan saboota walitti qabamanii dhaggeeffadhaa! Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu lolaaf jedhee loltoota qopheeffachaa jira!
Kelele za umati wa watu kwenye milima, za watu wengi! Kelele za ghasiaza ufalme kama mataifa mengi yamekusanyika pamoja! Yahwe wa majeshi anapanga jeshi kwa vita.
5 Isaan biyya fagoodhaa daarii samiiwwaniitii dhufan; Waaqayyoo fi miʼa lolaa kan dheekkamsa isaatiin guutummaa biyyattii balleessuuf dhufu.
Wametoka katika nchi ya mbali, kutoka juu ya upeo wa macho. Ni Yahwe na silaha zake za hukumu, kuhiharibu nchi yetu.
6 Waan guyyaan Waaqayyoo dhiʼaateef booʼaa; guyyaan sun akkuma badiisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa ergameetti ni dhufa.
Omboleza maana siku ya Yahwe imekaribia; itakuja na uharibifu kutoka kwa Mwenyenzi.
7 Kanaafuu harki hundinuu ni laamshaʼa; onneen nama hundaas ni baqa.
Hivyo basi mikono ining'inizwe kama kiwete, na kila moyo ulioyeyuka.
8 Sodaan isaan qabata; dhukkubbii fi gaddi isaan qabata; akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti wixxirfatu. Isaan rifatanii wal ilaalu; fuulli isaanii akka ibiddaa diimata.
Itawatisha; maumivu na uchungu atawapa wao, kama mwanamke ambaye anajifungua. Watangalia kwa kushangaa kwa kila mmoja mmoja; nyuso zao zitakuwa kama moto.
9 Kunoo guyyaan Waaqayyoo, guyyaan hamaan, dheekkamsaa fi aarii sodaachisaadhaan, lafa onsuu fi cubbamoota ishee keessa jiraatan barbadeessuuf ni dhufa.
Tazama, siku za Yahwe zinakuja na laana kali wingi wa hasira, kuifanya nchi yenye ukiwa na kuharibu wenye dhambi katika nchi.
10 Urjiiwwan samiitii fi tuunni isaanii ifa isaanii hin kennan. Aduun baatu ni dukkanoofti; jiʼis ifa ishee hin kennitu.
Nyota ya mbinguni na matangamano havitatoa nuru yake. Jua litakuwa giza na hata mwenzi hautaangaza.
11 Ani addunyaa kana sababii jalʼina isaatiif, hamoota sababii cubbuu isaaniitiif nan adaba. Ani of tuulummaa of jajjootaa nan balleessa; of guddisuu gara jabeeyyii illee gadin deebisa.
Nitaihadhibu nchi kwa maovu yake na makosa ya uovu wao. Nitamaliza kiburi cha majivuno na nitawashusha wenye kiburi wasiwe makali.
12 Ani akka namni warqee qulqulluu caalaa gati qabeessa, warqee Oofiir caalaas muraasa taʼu nan godha.
Nitawafanya watu kuwa nadra zaidi ya dhahabu nzuri na watu kuwa vigumu kupatikana zaidi ya dhahabu safi ya Ofiri.
13 Kanaafuu ani akka samiiwwan hollatan nan godha; gaafa aariin isaa bobaʼutti dheekkamsa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin lafti iddoo isheetii ni raafamti.
Hivyo basi nitazifanya mbingu kutingishika, na dunia itayumba kutoka sehemu iliyoko, Kwa hasira ya Yahwe wa majeshi, na siku ya hasira yake.
14 Namni hundinuu akkuma kuruphee adamsamtuu, akkuma hoolota tiksee hin qabnee gara saba isaatti deebiʼa; namni kam iyyuu biyya isaatti baqata.
Kama Paa anayewindwa au kama kondoo wasio na mchungaji, kila mtu atageukia watu wake na kukimbia kwenye nchi yake.
15 Namni boojiʼame hundinuu ni waraanama; kan qabame kam iyyuu goraadeedhaan duʼa.
Kwa yeyote atakayeonekana atauliwa, na yeyote atakayekamatwa atauliwa kwa upanga.
16 Daaʼimman isaanii fuuluma isaanii duratti ni cicciramu; manneen isaanii ni saamamu; niitonni isaaniis humnaan gudeedamu.
Watoto wao watakatwa vipandevipande mbele ya macho yao. Nyumba zao zitavamiwa na wake zao watabakwa.
17 Kunoo ani warra Meedee kanneen meetii irraa dhimma hin qabne warra warqeen hin gammachiifne jarattin kakaasa.
Tazama, ninakaribia kuwakoroga Wamede ili wawavamie wao, ambao hawaoni maana ya fedha wala furaha ya dhahabu.
18 Iddaan isaanii dargaggoota fixxi; isaan daaʼimmaniif hin naʼan; ijoolleefis garaa hin laafan.
Mishale yao itawachoma vijana wadogo. Hakutakuwa na shimo kwa watoto wao na hawatawacha watoto wao.
19 Baabilon ulfinni moototaa, miidhaginni of jaja warra Baabilon akkuma Sodoomii fi Gomoraa irree Waaqaatiin garagalfamti.
Na Babali ufalme unaovutia zaidi, fahari ya mapambo ya wakaldyo, itaangamizwa na Mungu kama Sodoma na Gomora.
20 Namni ishee keessa hin qubatu; yookaan dhaloota hunda keessatti namni ishee keessa hin jiraatu; namni Arabaa tokko iyyuu dunkaana isaa achi hin dhaabbatu; tikseen tokko iyyuu bushaayee isaa achi hin boqochiifattu.
Hapatakuwa na wenyeji wala wakazi kutoka kizazi kimoja hadi kizazi kingine. Mwarabu atapiga hema lake uko wala wachungaji hawatalaza mifugo yao pale.
21 Garuu bineensonni bosonaa achi ciciisu; waangoowwan mana ishee ni guutu; urunguun achi jiraatti; reʼeen diidaa achi keessa buburraaqxi.
Lakini wanyama pori wa jangwani watalala pale. Nyumba zao zitajaa bundi; na mbuni watakaa huko na mbuzi pori wataruka pale.
22 Waraabessi daʼannoowwan ishee keessaa yuusa; waangoonis manneen ishee mimmiidhagoo kan mootummaa keessaa iyyiti. Yeroon ishee gaʼeera; barri ishees hin dheeratu.
Fisi watalia kwenye ngome yao, na mbeha katika maeneo yao mazuri. Mda wao umekaribia, na siku zao hazitachelewa.

< Isaayyaas 13 >