< Isaayyaas 13 >

1 Raajii waaʼee Baabilon kan Isaayyaas ilmi Amoos arge:
The burden of Babylon, which Isaiah the son of Amoz saw.
2 Tulluu homaa itti hin biqilin irratti faajjii ol kaasaatii isaanitti iyyaa; akka isaan karra namoota bebeekamootiin ol galaniif harkaan itti himaa.
Set up a banner on the bare mountain! Lift up your voice to them! Wave your hand, that they may go into the gates of the nobles.
3 Ani qulqulloota koo ajajeera; akka isaan dheekkamsa koo hojii irra naa oolchaniif ani loltoota koo kanneen moʼannoo kootti gammadan waammadheera.
I have commanded my consecrated ones; yes, I have called my mighty men for my anger, even my proudly exulting ones.
4 Waca tulluuwwan irraa, kan akka tuuta guddaa tokkoo dhaggeeffadhaa! Guungummii mootummootaa kan saboota walitti qabamanii dhaggeeffadhaa! Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu lolaaf jedhee loltoota qopheeffachaa jira!
The noise of a multitude is in the mountains, as of a great people; the noise of an uproar of the kingdoms of the nations gathered together! The LORD of Armies is mustering the army for the battle.
5 Isaan biyya fagoodhaa daarii samiiwwaniitii dhufan; Waaqayyoo fi miʼa lolaa kan dheekkamsa isaatiin guutummaa biyyattii balleessuuf dhufu.
They come from a far country, from the uttermost part of heaven, even the LORD, and the weapons of his indignation, to destroy the whole land.
6 Waan guyyaan Waaqayyoo dhiʼaateef booʼaa; guyyaan sun akkuma badiisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa ergameetti ni dhufa.
Wail, for the LORD’s day is at hand! It will come as destruction from the Almighty.
7 Kanaafuu harki hundinuu ni laamshaʼa; onneen nama hundaas ni baqa.
Therefore all hands will be feeble, and everyone’s heart will melt.
8 Sodaan isaan qabata; dhukkubbii fi gaddi isaan qabata; akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti wixxirfatu. Isaan rifatanii wal ilaalu; fuulli isaanii akka ibiddaa diimata.
They will be dismayed. Pangs and sorrows will seize them. They will be in pain like a woman in labor. They will look in amazement one at another. Their faces will be faces of flame.
9 Kunoo guyyaan Waaqayyoo, guyyaan hamaan, dheekkamsaa fi aarii sodaachisaadhaan, lafa onsuu fi cubbamoota ishee keessa jiraatan barbadeessuuf ni dhufa.
Behold, the day of the LORD comes, cruel, with wrath and fierce anger; to make the land a desolation, and to destroy its sinners out of it.
10 Urjiiwwan samiitii fi tuunni isaanii ifa isaanii hin kennan. Aduun baatu ni dukkanoofti; jiʼis ifa ishee hin kennitu.
For the stars of the sky and its constellations will not give their light. The sun will be darkened in its going out, and the moon will not cause its light to shine.
11 Ani addunyaa kana sababii jalʼina isaatiif, hamoota sababii cubbuu isaaniitiif nan adaba. Ani of tuulummaa of jajjootaa nan balleessa; of guddisuu gara jabeeyyii illee gadin deebisa.
I will punish the world for their evil, and the wicked for their iniquity. I will cause the arrogance of the proud to cease, and will humble the arrogance of the terrible.
12 Ani akka namni warqee qulqulluu caalaa gati qabeessa, warqee Oofiir caalaas muraasa taʼu nan godha.
I will make people more rare than fine gold, even a person than the pure gold of Ophir.
13 Kanaafuu ani akka samiiwwan hollatan nan godha; gaafa aariin isaa bobaʼutti dheekkamsa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin lafti iddoo isheetii ni raafamti.
Therefore I will make the heavens tremble, and the earth will be shaken out of its place in the LORD of Armies’ wrath, and in the day of his fierce anger.
14 Namni hundinuu akkuma kuruphee adamsamtuu, akkuma hoolota tiksee hin qabnee gara saba isaatti deebiʼa; namni kam iyyuu biyya isaatti baqata.
It will happen that like a hunted gazelle and like sheep that no one gathers, they will each turn to their own people, and will each flee to their own land.
15 Namni boojiʼame hundinuu ni waraanama; kan qabame kam iyyuu goraadeedhaan duʼa.
Everyone who is found will be thrust through. Everyone who is captured will fall by the sword.
16 Daaʼimman isaanii fuuluma isaanii duratti ni cicciramu; manneen isaanii ni saamamu; niitonni isaaniis humnaan gudeedamu.
Their infants also will be dashed in pieces before their eyes. Their houses will be ransacked, and their wives raped.
17 Kunoo ani warra Meedee kanneen meetii irraa dhimma hin qabne warra warqeen hin gammachiifne jarattin kakaasa.
Behold, I will stir up the Medes against them, who will not value silver, and as for gold, they will not delight in it.
18 Iddaan isaanii dargaggoota fixxi; isaan daaʼimmaniif hin naʼan; ijoolleefis garaa hin laafan.
Their bows will dash the young men in pieces; and they shall have no pity on the fruit of the womb. Their eyes will not spare children.
19 Baabilon ulfinni moototaa, miidhaginni of jaja warra Baabilon akkuma Sodoomii fi Gomoraa irree Waaqaatiin garagalfamti.
Babylon, the glory of kingdoms, the beauty of the Chaldeans’ pride, will be like when God overthrew Sodom and Gomorrah.
20 Namni ishee keessa hin qubatu; yookaan dhaloota hunda keessatti namni ishee keessa hin jiraatu; namni Arabaa tokko iyyuu dunkaana isaa achi hin dhaabbatu; tikseen tokko iyyuu bushaayee isaa achi hin boqochiifattu.
It will never be inhabited, neither will it be lived in from generation to generation. The Arabian will not pitch a tent there, neither will shepherds make their flocks lie down there.
21 Garuu bineensonni bosonaa achi ciciisu; waangoowwan mana ishee ni guutu; urunguun achi jiraatti; reʼeen diidaa achi keessa buburraaqxi.
But wild animals of the desert will lie there, and their houses will be full of jackals. Ostriches will dwell there, and wild goats will frolic there.
22 Waraabessi daʼannoowwan ishee keessaa yuusa; waangoonis manneen ishee mimmiidhagoo kan mootummaa keessaa iyyiti. Yeroon ishee gaʼeera; barri ishees hin dheeratu.
Hyenas will cry in their fortresses, and jackals in the pleasant palaces. Her time is near to come, and her days will not be prolonged.

< Isaayyaas 13 >