< Isaayyaas 12 >

1 Ati gaafas akkana jetta: “Yaa Waaqayyo, ati natti aartee turte; aariin kees narraa deebiʼeera; na jajjabeessiteertaatii sin galateeffadha.
當那日,你要說:「上主!我稱頌你,因為你雖向我發了怒,但你的怒氣已止息,並且還安慰了我。
2 Dhugumaan Waaqni fayyina koo ti; ani isa nan abdadha; hin sodaadhus. Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa, jabinaa fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera.”
看哪!天主是我的救援,我依靠他,決不畏懼,因為上主是我的力量,是我的歌頌,他確是我的救援。
3 Isin burqaa fayyinaa keessaa gammachuudhaan bishaan waraabbattu.
你們要愉快地從救援的泉源裏汲水。」
4 Isin bara sana keessa akkana jettu: “Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa; waan inni hojjete sabootatti beeksisaa; akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa.
那一日,你要說:「你們應稱頌上主,呼號他的名!將他的作為宣告於萬民,稱述他的名是崇高的。
5 Inni waan ulfina qabu hojjeteeraatii Waaqayyoon faarfadhaa; wanni kun addunyaa hunda keessatti haa beekamu.
請歌頌上主,因為他行了顯赫的事,這事應該遍傳天下。
6 Yaa saba Xiyoon, Qulqullichi Israaʼel isin gidduutti guddaadhaatii sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan faarfadhaa.”
熙雍的居民,你們應歡呼高唱,因為以色列的聖者在你們中間是偉大的。」

< Isaayyaas 12 >