< Isaayyaas 11 >

1 Lataan tokko jirma Isseey irraa ni lata; hidda isaa irraas dameen tokko ija naqata.
And there shall come forth a rod out of the stem of Jesse, and a Branch shall grow out of his roots:
2 Hafuurri Waaqayyoo, Hafuurri ogummaatii fi hubannaa, Hafuurri gorsaatii fi humnaa, Hafuurri beekumsaatii fi kan Waaqayyoon sodaachuu isa irra qubata;
And the spirit of Yhwh shall rest upon him, the spirit of wisdom and understanding, the spirit of counsel and might, the spirit of knowledge and of the fear of Yhwh;
3 inni Waaqayyoon sodaachuutti ni gammada. Inni waanuma iji isaa arguun murtii hin kennu; yookaan waanuma gurra isaatiin dhagaʼuun hin murteessu;
And shall make him of quick understanding in the fear of Yhwh: and he shall not judge after the sight of his eyes, neither reprove after the hearing of his ears:
4 garuu nama rakkataaf qajeelummaadhaan murteessa; hiyyeeyyii lafa irraatiifis murtii qajeelaadhaan murtii kenna. Inni ulee afaan isaatiin lafa rukuta; hafuura afaan isaatii baʼuun hamoota ni fixa.
But with righteousness shall he judge the poor, and reprove with equity for the meek of the earth: and he shall smite the earth with the rod of his mouth, and with the breath of his lips shall he slay the wicked.
5 Qajeelummaan teepha mudhii isaa ti; amanamummaan immoo sabbata mudhii isaa ti.
And righteousness shall be the girdle of his loins, and faithfulness the girdle of his reins.
6 Yeeyyiin xobbaallaa hoolaa wajjin jiraata; qeerransi ilmoo reʼee bira ciisa; jabbiin, leencii fi horiin gabbataan walii wajjin bobbaʼu; mucaan xinnaan isaan bobbaasa.
The wolf also shall dwell with the lamb, and the leopard shall lie down with the kid; and the calf and the young lion and the fatling together; and a little child shall lead them.
7 Saan amaaketa wajjin soorata; ilmaan isaanii wal cina ciciisu; leencis akka sangaa cidii nyaata.
And the cow and the bear shall feed; their young ones shall lie down together: and the lion shall eat straw like the ox.
8 Daaʼimni boolla bofaa irra taphata; mucaan xinnaan boolla buutii keessa harka kaaʼa.
And the sucking child shall play on the hole of the asp, and the weaned child shall put his hand on the cockatrice’ den.
9 Isaan tulluuwwan koo qulqulloota hunda irratti waa hin miidhan yookaan waa hin balleessan; akkuma bishaan galaana guutu sana lafti Waaqayyoon beekuudhaan guutamtiitii.
They shall not hurt nor destroy in all my holy mountain: for the earth shall be full of the knowledge of Yhwh, as the waters cover the sea.
10 Bara sana keessa hiddi Isseey akkuma faajjiitti uummataaf dhaabata; saboonni gara isaatti walitti qabamu; lafti inni boqotus ulfina qabeessa taʼa.
And in that day there shall be a root of Jesse, which shall stand for an ensign of the people; to it shall the Gentiles seek: and his rest shall be glorious.
11 Gaafas Gooftaan yeroo lammaffaaf harka isaa diriirsee Asoor irraa, Gibxi Gadii irraa, Gibxi Olii irraa, Itoophiyaa irraa, Eelaam irraa, Baabilon irraa, Hamaatii fi biyyoota bishaan gidduu galaanaa irraa hambaawwan saba isaa walitti qabata.
And it shall come to pass in that day, that the Lord shall set his hand again the second time to recover the remnant of his people, which shall be left, from Assyria, and from Egypt, and from Pathros, and from Cush, and from Elam, and from Shinar, and from Hamath, and from the islands of the sea.
12 Inni sabootaaf faajjii ol kaasee boojiʼamtoota Israaʼel walitti qaba; inni roga laafaa afran irraa saba Yihuudaa kan bittinnaaʼee ture walitti qaba.
And he shall set up an ensign for the nations, and shall assemble the outcasts of Israel, and gather together the dispersed of Judah from the four corners of the earth.
13 Hinaaffaan Efreem ni bada; diinonni Yihuudaas ni barbadeeffamu; Efreem gaafas Yihuudaatti hin hinaafu; yookaan Yihuudaan Efreemitti hin hammaatu.
The envy also of Ephraim shall depart, and the adversaries of Judah shall be cut off: Ephraim shall not envy Judah, and Judah shall not vex Ephraim.
14 Isaan karaa lixa biiftuutiin gatiittii Filisxeemitti gad buʼu; tokko taʼaniis uummata baʼa biiftuu saamu. Isaan Edoomii fi Moʼaabin qabatu; warri Amoonis isaan jalatti bulu.
But they shall fly upon the shoulders of the Philistines toward the west; they shall spoil them of the east together: they shall lay their hand upon Edom and Moab; and the children of Ammon shall obey them.
15 Waaqayyo guutumaan guutuutti, galoo galaana Gibxi ni gogsa; inni bubbee isaa kan nama waxaluun harka isaa laga Efraaxiis irra sochoosa. Akka namoonni kopheen ceʼaniifis inni laga torbatti gargar isa qooda.
And Yhwh shall utterly destroy the tongue of the Egyptian sea; and with his mighty wind shall he shake his hand over the river, and shall smite it in the seven streams, and make men go over dryshod.
16 Akkuma gaafa isaan Gibxii baʼan Israaʼeliif taʼe sana, hambaa saba isaa kan Asoor irraa hafeef karaan guddaan ni argama.
And there shall be an highway for the remnant of his people, which shall be left, from Assyria; like as it was to Israel in the day that he came up out of the land of Egypt.

< Isaayyaas 11 >