< Isaayyaas 10 >

1 Warra seera jalʼaa baasan, kanneen labsii cunqursaa labsaniif wayyoo;
禍哉,那些制定不義的法例,記錄不義的斷案,
2 isaan murtii rakkattootaa jalʼisu; mirga hiyyeeyyii saba koos ni dhiibu; haadhota hiyyeessaa boojuu godhatu; ijoollee abbaa hin qabnes ni saamu.
為屈枉小民的案件,剝削我窮民的權利,攘奪寡婦和劫掠孤兒的人!
3 Isin yeroo badiisni fagoodhaa dhufu guyyaa adabbiitti maal gootu? Gargaarsa argachuuf eenyutti baqattu? Qabeenya keessan eessatti dhiiftu?
當懲罰之日,風暴由遠而近的時候,你們將怎樣應付﹖你們將向誰求助﹖你們的財寶將棄於何地﹖
4 Warra boojiʼaman jala gugguufuu yookaan warra ajjeefaman jalatti kufuu malee homtuu hin hafu. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
唯有屈伏在被俘者中,倒斃在被殺者下;然而他的震怒並未因此而熄滅,他的手仍然伸著。
5 “Asooricha isa ulee aarii kootii taʼeef, isa bokkuun dheekkamsa kootii harka isaa jiruuf wayyoo!
禍哉,亞述!我義怒的木棒,我震怒的棍杖!
6 Ani akka inni isaan saamuu fi boojiʼuuf akka inni akkuma dhoqqee karaa irraa lafatti isaan dhidhiituuf saba Waaqatti hin bulletti isa nan erga; uummata na aarsuttis isa nan ajaja.
我派遣她是為攻擊一個邪惡的百姓,我委任他是為攻擊我所憤恨的民族,為擄掠劫奪,並為蹂躪他們,有如街上的糞土。
7 Garuu kun waan inni yaadu miti; yaadni akkasiis garaa isaa keessa hin jiru; kaayyoon isaa barbadeessuu dha; saba baayʼees fixuu dha.
但她並沒有這樣想,心裏也沒有這樣推測,只圖肆意破壞,剿滅不少的民族。
8 Innis akkana jedha; ‘Ajajjoonni koo hundinuu mootota mitii?
因為她說:「我的首領不都是君王嗎﹖
9 Kaalnoon akkuma Karkemiish mitii? Hamaati akkuma Arfaad mitii? Samaariyaanis akkuma Damaasqoo mitii?
加耳諾不是與與加革米士一樣嗎﹖哈瑪特不是與阿爾帕得一樣嗎﹖撒瑪黎雅不是與大馬士革一樣嗎﹖
10 Akkuma harki koo mootummoota waaqota tolfamoo kanneen fakkiiwwan soofamoo kan Yerusaalemii fi Samaariyaa caalan qabe sana,
我的手既然征服了這些偶像的王國--況且他們的偶像還多過耶路撒冷和撒瑪黎雅--
11 ani waanan Samaariyaa fi fakkiiwwan ishee godhe sana Yerusaalemii fi waaqota ishee tolfamoo hin godhuu?’”
難道我不能對待耶路撒冷和她的神像,有如對待了撒瑪黎雅和她的偶像嗎﹖」
12 Gooftaan yeroo Tulluu Xiyoon irrattii fi Yerusaalem keessatti hojii isaa hunda fixatutti akkana jedha; “Ani sababii of jajuu garaa isaatii fi ilaalcha isaa kan of tuulummaan guutame sanaatiif jedhee mooticha Asoor nan adaba.
當吾主對熙雍山和耶路撒冷完成了他的一切工作時,必要懲罰亞述王心高氣傲的功績,和他目空一切的驕傲。
13 Inni akkana jedhaatii: “‘Ani jabina harka kootiin waan kana hojjedheera; ani sababiin hubannaa qabuuf, ogummaa kootiin hojjedheera. Ani daangaa sabootaa iddoodhaa buqqiseera; qabeenya isaanii illee saameera. Akkuma nama jabaa tokkoo ani mootota isaanii of jala galfadheera.
因為他曾說過:「我完成了這一切,全憑我的手和我的智慧,因為我是聰明的;我撤除了各民族的界限,擄掠了他們的財寶,有如強者打倒了居於高位的人。
14 Akkuma namni tokko manʼee simbiraa keessa harka kaaʼu sana anis harka koo qabeenya sabootaa keessa nan kaaʼa; akkuma namoonni hanqaaquu dagatame walitti qaban sana, anis biyya hunda walitti nan qabe; kan qoochoo hurgufate, yookaan wacuuf afaan banate tokko iyyuu hin turre.’”
我的手奪取了列國的財富,有如取諸窩巢;我兼併了大地,有如拾取遺卵,沒有誰敢鼓翼和張口鼓噪。」
15 Qottoon nama ittiin waa murutti ni kooraa? Yookaan wanni ittiin waa muran nama itti fayyadamutti of jajaa? Kunis akka waan uleen tokko nama isa qabatutti of mirmirsuu ti; yookaan akkuma bokkuun tokko akka waan muka hin taʼiniitti ol of guddisuu ti!
斧頭豈能對用斧頭砍伐的人自豪﹖鋸豈能向拉鋸的人自誇﹖難道棍杖能揮動那舉它的人﹖木棒能舉起那不是木頭的人﹖
16 Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, loltoota gagabbatan kanatti dhukkuba nama huqqisu ni erga; ulfina isaa jalaanis ibiddi tokko akkuma arraba ibiddaa ni qabsiifama.
因此吾主,萬軍的天主,將瘦弱放在她的肥碩之中,在她的光輝之下燃起火燄,有如烈火焚燒。
17 Ifni Israaʼel ibidda, Qulqullichi isaanii sunis arraba ibiddaa taʼa; ibiddi sun guyyuma tokkoon qoraattii isaatii fi sokorruu isaa gubee balleessa.
以色列的光將變為火,他的聖者將變為烈燄,一日間即將她的荊棘蒺藜焚燬。
18 Akkuma namni tokko yeroo dhukkubsatu huqqatu sana, ibiddi sun ulfina bosonaa isaatii fi lafa qotiisaa gabbataa, lubbuu fi foonis ni barbadeessa.
她的叢林和她田園的華麗,必將由內到外毀滅,有如為蟲蝕盡一樣。
19 Mukkeen bosona isaa keessatti hafan waan akka malee muraasa taʼaniif mucaan tokko galmeessuu ni dandaʼa.
她的叢林所剩餘的樹木不多,一個兒童就能計算。
20 Bara sana keessa hambaan Israaʼel, mana Yaaqoob keessaa warri hafan, dhugumaan Waaqayyo Qulqullicha Israaʼel abdatu malee lammata isa isaan dhaʼe sana hin abdatan.
到那一日,以色列的遺民和雅各伯家的逃亡者,不再依恃打擊他們的人,卻誠心依賴上主,以色列的聖者。
21 Hambaan tokko, hambaan Yaaqoob gara Waaqa Jabaa sanaatti ni deebiʼa.
遺民必將歸回,雅各伯的遺民必將歸依強有力的天主!
22 Yaa Israaʼel, yoo sabni kee akkuma cirracha qarqara galaanaa taʼe iyyuu, hambaa qofatu deebiʼa. Badiisni qajeelummaadhaan guutame labsameera.
以色列啊! 你的百姓雖然多如海沙,其中唯有殘存者得以歸回:毀滅已經決定,但是充溢著公義,
23 Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu badiisa lafa hundatti labsame ni raawwata.
因為吾主,萬軍的上主必在大地上執行所決定的毀滅。
24 Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yaa saba koo warri Xiyoon keessa jiraattan, warra Asoor kanneen uleedhaan isin rukutan, kanneen akkuma warra Gibxi bokkuu ol isinitti fudhatan hin sodaatinaa.
因此吾主,萬軍的上主這樣說:我的百姓,熙雍的居民!亞述雖然用木棒痛擊你,像埃及一樣,舉起棍杖敲打你,但你不必害怕,
25 Aariin ani isinitti aare dafee qabbanaaʼa; dheekkamsi koos isaan balleessuuf itti garagala.”
因為瞬息間我的怒氣即將終止,我的憤怒將轉為他們的毀滅。
26 Waaqayyon Waan Hunda Dandaʼu sun, akkuma kattaa Hereeb biratti Midiyaanin qacceen garafe sana, akkuma biyya Gibxi keessatti godhe sana, ulee isaa bishaan irratti ol fudhata.
萬軍的上主將揮動刑鞭鞭打他們,有如昔日在曷勒布磐石處打擊米德楊一樣;高舉向海上伸出的棍杖,有如在埃及一樣。
27 Gaafas baʼaan isaanii gatiittii keessan irraa, waanjoon isaaniis morma keessan irraa fuudhama; waan isin akka malee gabbattaniif waanjoon ni caccaba.
到那日,她的重負將由你肩上卸下,她的重軛將由你頸上解除。
28 Isaan gara Ayyati seenan; Migroon keessa baʼan; nyaataa fi hidhata isaaniis Mikmaas keessatti kuuftan.
破壞者由黎孟而來,來到阿雅特,經過米革龍,將輜重貯在米革瑪斯;
29 Isaan karaa qalʼaa irra baʼanii, “Nu Gebaa qubannee bulla” jedhan. Raamaan ni sodaatti; Gibeʼaan Saaʼolis ni baqatti.
又穿過要隘,夜宿革巴。辣瑪驚慌了,撒烏耳的基貝亞逃走了。
30 Yaa intala Galiim, iyyi! Yaa Laayishaa dhaggeeffadhu! Yaa Anaatoot deebii isheef kenni!
巴特加林!你們應大聲疾呼;拉依士!你們應該傾聽;阿納托特!你們應該回答。
31 Maadmenaan baqataa jirti; uummanni Geebiimis baqachuuf walitti qabama.
瑪德默納走散了,革平的居民逃避了。
32 Isaan harʼa Noob gaʼu; isaan tulluu Intala Xiyoonitti, gaara Yerusaalemitti harka isaanii raasu.
在諾布暫停一天,遂即揮手指向熙雍女兒山,耶路撒冷的山崗。
33 Kunoo Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, humna guddaadhaan dameewwan murmura; mukkeen gurguddaan ni cicciramu; mukkeen dhedheeroonis gad qabamu.
看啊!吾主,萬軍的上主將用斧鉞砍伐枝幹:高出的要削去,聳出的要砍低。
34 Inni bosona gobbuu qottoodhaan cira; Libaanoonis fuula Waaqa Jabaa duratti kufa.
他將用鐵斧砍伐叢林,黎巴嫩和她的壯麗必被伐倒。

< Isaayyaas 10 >