< Isaayyaas 1 >

1 Mulʼata Isaayyaas ilmi Amoos bara bulchiinsa Uziyaan, bara Yootaam, bara Aahaazii fi bara Hisqiyaas keessa waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge.
This is the vision concerning Judah and Jerusalem that Isaiah son of Amoz saw during the reigns of Uzziah, Jotham, Ahaz, and Hezekiah, kings of Judah.
2 Yaa Samiiwwan dhagaʼaa! Yaa lafa dhaggeeffadhu! Waaqayyo akkana jedhee dubbateeraatii: “Ani ijoollee horadheen guddifadhe; isaan garuu natti fincilaniiru.
Listen, O heavens, and give ear, O earth, for the LORD has spoken: “I have raised children and brought them up, but they have rebelled against Me.
3 Qotiyyoon gooftaa isaa, harreenis gola gooftaa isaa ni beeka; Israaʼel garuu hin beeku; sabni koo hin hubatu.”
The ox knows its owner, and the donkey its master’s manger, but Israel does not know; My people do not understand.”
4 Yaa saba cubbamaa, uummata balleessaan itti baayʼate, ilmaan warra waan hamaa hojjetuu, ijoollee xuraaʼummaadhaan guutamte isiniif wayyoo! Isaan Waaqayyoon dhiisaniiru; Qulqullicha Israaʼel sana tuffatanii dugda isaanii itti garagalfataniiru.
Alas, O sinful nation, a people laden with iniquity, a brood of evildoers, children of depravity! They have forsaken the LORD; they have despised the Holy One of Israel and turned their backs on Him.
5 Isin siʼachi maaliif rukutamtu? Maaliif fincila keessa jiraatu? Mataan keessan guutuun miidhameera; garaan keessan guutuunis dadhabeera.
Why do you want more beatings? Why do you keep rebelling? Your head has a massive wound, and your whole heart is afflicted.
6 Faana miilla keessaniitii hamma gubbee mataa keessaniitti, fayyaa hin qabdan; madaa fi dirmammuun, madaan dhiigu, kan hin qulqulloofne yookaan hin maramne yookaan zayitiidhaan hin laafne.
From the sole of your foot to the top of your head, there is no soundness— only wounds and welts and festering sores neither cleansed nor bandaged nor soothed with oil.
7 Biyyi keessan duwwaa hafteerti; magaalaawwan keessan ibiddaan gubamaniiru; alagoonni fuuluma keessan duratti lafa qotiisaa keessan saamu; akkuma waan ormi ishee saameettis onti.
Your land is desolate; your cities are burned with fire. Foreigners devour your fields before you— a desolation demolished by strangers.
8 Intalli Xiyoon akkuma daʼannoo iddoo dhaabaa wayinii keessaatti, akkuma daasii lafa qotiisa buqqee keessaatti, akkuma magaalaa marfame tokkootti dhiifamti.
And the Daughter of Zion is abandoned like a shelter in a vineyard, like a shack in a cucumber field, like a city besieged.
9 Utuu Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu hambaa muraasa nuuf hambisuu baatee, nu silaa akkuma Sodoom taanee, Gomoraas fakkaanna turre.
Unless the LORD of Hosts had left us a few survivors, we would have become like Sodom, we would have resembled Gomorrah.
10 Yaa bulchitoota Sodoom dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa; yaa saba Gomoraa, Seera Waaqa keenyaa dhaggeeffadhaa!
Hear the word of the LORD, you rulers of Sodom; listen to the instruction of our God, you people of Gomorrah!
11 Waaqayyo akkana jedha; “Baayʼinni aarsaa keessanii anaaf maali?” Ani aarsaa gubamu kan korbeeyyii hoolaatii fi horii gabbifamanii baayʼeen qaba; ani dhiiga korommii looniitti, kan xobbaallaawwan hoolaattii fi reʼeetti hin gammadu.
“What good to Me is your multitude of sacrifices?” says the LORD. “I am full from the burnt offerings of rams and the fat of well-fed cattle; I take no delight in the blood of bulls and lambs and goats.
12 Isin yommuu fuula koo duratti mulʼachuuf dhuftan, akka oobdii koo dhidhiittan eenyutu isin irraa barbaade?
When you come to appear before Me, who has required this of you— this trampling of My courts?
13 Kennaa faayidaa hin qabne fiduu dhiisaa! Ixaanni keessan na jibbisiisa. Ayyaana Baatii, Sanbataa fi yaaʼii keessan jechuunis wal gaʼii keessan hamaa sana ani hin fedhu.
Bring your worthless offerings no more; your incense is detestable to Me— your New Moons, Sabbaths, and convocations. I cannot endure iniquity in a solemn assembly.
14 Ayyaana Baatii keessanii fi ayyaanota keessan bebbeekamoo lubbuun koo ni jibbiti. Isaan baʼaa natti taʼaniiru; anis obsuu dadhabeera.
I hate your New Moons and your appointed feasts. They have become a burden to Me; I am weary of bearing them.
15 Yeroo isin kadhannaaf harka keessan balʼifattan, ani ija koo isinan dhokfadha; yoo isin kadhaa baayʼee kadhattan illee ani hin dhaggeeffadhu. Harki keessan dhiigaan guutameera!
When you spread out your hands in prayer, I will hide My eyes from you; even though you multiply your prayers, I will not listen. Your hands are covered with blood.
16 Dhiqadhaatii of qulqulleessaa. Hojii keessan hamaa sana fuula koo duraa balleessaa! Yakka hojjechuus dhiisaa;
Wash and cleanse yourselves. Remove your evil deeds from My sight. Stop doing evil!
17 waan qajeelaa hojjechuu baradhaa! Murtii qajeelaa barbaadaa; warra hacuucame jajjabeessaa. Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa; haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa.
Learn to do right; seek justice and correct the oppressor. Defend the fatherless and plead the case of the widow.”
18 Waaqayyo akkana jedha; “Kottaa wal qorraa; cubbuun keessan yoo akka bildiimaa taʼe iyyuu, inni addaatee akka cabbii ni taʼa; yoo akka alalaa diimate iyyuu, akka suufii ni addaata.
“Come now, let us reason together,” says the LORD. “Though your sins are like scarlet, they will be as white as snow; though they are as red as crimson, they will become like wool.
19 Isin yoo fedhii qabaattanii ajajamtan, waan lafti baaftu filatamaa ni nyaattu;
If you are willing and obedient, you will eat the best of the land.
20 garuu yoo diddanii finciltan goraadeetu isin nyaata.” Afaan Waaqayyoo waan kana dubbateeraatii.
But if you resist and rebel, you will be devoured by the sword.”
21 Akka magaalaan amanamtuun sun sagaagaltuu taate ilaalaa! Isheen dur murtii qajeelaadhaan guutamtee qajeelummaan ishee keessa jiraata ture; amma immoo namoota nama ajjeesantu ishee keessa jiraata!
See how the faithful city has become a harlot! She once was full of justice; righteousness resided within her, but now only murderers!
22 Meetiin kee ligidaaʼeera; daadhiin wayinii kee filatamaan bishaaniin makameera.
Your silver has become dross; your fine wine is diluted with water.
23 Bulchitoonni kee finciltoota; michuu hattuuwwanii ti; isaan hundinuu mattaʼaa jaallatu; kennaas akka malee barbaadu. Isaan ijoollee abbaa hin qabneef hin falman; himata haadha hiyyeessaa hin dhaggeeffatan.
Your rulers are rebels, friends of thieves. They all love bribes and chasing after rewards. They do not defend the fatherless, and the plea of the widow never comes before them.
24 Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Jabaan Israaʼel sun akkana jedha: “Ani amajaajota koo irraa boqonnaa nan argadha; diinota koos haaloo nan baafadha.
Therefore the Lord GOD of Hosts, the Mighty One of Israel, declares: “Ah, I will be relieved of My foes and avenge Myself on My enemies.
25 Ani harka koo sitti nan deebisa; ligidaaʼummaa kees akka malutti sirraa nan haqa; xurii kee hundas sirraa nan balleessa.
I will turn My hand against you; I will thoroughly purge your dross; I will remove all your impurities.
26 Ani akkuma bara durii abbootii murtii iddootti, akkuma jalqabaatti gorsitoota kee illee siifin deebisa. Ergasii ati magaalaa qajeelummaa, magaalaa amanamtuu jedhamtee ni waamamta.”
I will restore your judges as at first, and your counselors as at the beginning. After that you will be called the City of Righteousness, the Faithful City.”
27 Xiyoon murtii qajeelaadhaan, qalbii jijjiirrattoonni ishee immoo qajeelummaadhaan furamu.
Zion will be redeemed with justice, her repentant ones with righteousness.
28 Finciltoonnii fi cubbamoonni garuu ni caccabu; warri Waaqayyoon dhiisanis ni badu.
But rebels and sinners will together be shattered, and those who forsake the LORD will perish.
29 “Isin sababii muka qilxuu itti gammaddan sanaatiif ni qaanoftu; sababii iddoo biqiltuu filattan sanaatiif immoo ni salphattu.
Surely you will be ashamed of the sacred oaks in which you have delighted; you will be embarrassed by the gardens that you have chosen.
30 Isin akka qilxuu baalli irraa harcaʼee, akka iddoo biqiltuu bishaan hin qabnee ni taatu.
For you will become like an oak whose leaves are withered, like a garden without water.
31 Namni jabaan akkuma huubaa, hojiin isaas akkuma qaanqee taʼa; isaan lachuu walumaan gubatu; namni ibidda sana dhaamsus hin jiru.”
The strong man will become tinder and his work will be a spark; both will burn together, with no one to quench the flames.

< Isaayyaas 1 >