< Hooseʼaa 9 >

1 Yaa Israaʼel hin ililchin; akka saboota kaanii hin gammadin. Ati Waaqa keetiif amanamaa hin turreetii; ati oobdii hunda irratti gatii sagaagaltummaadhaaf baafamu jaallatteerta.
אל תשמח ישראל אל גיל כעמים כי זנית מעל אלהיך אהבת אתנן על כל גרנות דגן׃
2 Oobdiiwwanii fi iddoon cuunfaa wayinii saba hin sooran; daadhiin wayinii haaraan isaaniif hin tolu.
גרן ויקב לא ירעם ותירוש יכחש בה׃
3 Isaan biyya Waaqayyoo keessatti hin hafan; Efreem gara Gibxitti deebiʼee Asoor keessatti nyaata xuraaʼe nyaata.
לא ישבו בארץ יהוה ושב אפרים מצרים ובאשור טמא יאכלו׃
4 Isaan dhibaayyuu daadhii wayinii Waaqayyoof hin dhibaafatan; yookaan aarsaan isaanii isa hin gammachiisu. Aarsaan akkasii akkuma buddeena warra gaddaa isaanitti taʼa; namni buddeena kana nyaatu hundinuu ni xuraaʼa. Nyaanni kun kanuma mataa isaanii taʼa; mana qulqullummaa Waaqayyoos ol hin seenu.
לא יסכו ליהוה יין ולא יערבו לו זבחיהם כלחם אונים להם כל אכליו יטמאו כי לחמם לנפשם לא יבוא בית יהוה׃
5 Isin guyyaa ayyaana keessan murteeffameetti, guyyoota ayyaana Waaqayyoo sanatti maal hojjetu?
מה תעשו ליום מועד וליום חג יהוה׃
6 Yoo isaan badiisa jalaa baʼan iyyuu Gibxi walitti isaan qabdi; Memfiis immoo isaan awwaala. Qabeenyi meetii isaanii sokorruudhaan liqimfama; dunkaana isaanii immoo qoraattiitu haguuga.
כי הנה הלכו משד מצרים תקבצם מף תקברם מחמד לכספם קמוש יירשם חוח באהליהם׃
7 Guyyoonni adabbii dhufaa jiru; guyyoonni itti gatii baasan dhiʼaataniiru. Israaʼel waan kana haa beeku. Sababii cubbuun kee akka malee baayʼatee hamminni kees akka malee guddaa taʼeef, raajiin akka raatuutti ilaalame; namni Hafuura Waaqaatiin qajeelfamu immoo akka maraatuutti hedame.
באו ימי הפקדה באו ימי השלם ידעו ישראל אויל הנביא משגע איש הרוח על רב עונך ורבה משטמה׃
8 Raajichi Waaqa koo wajjin eegduu Efreem taʼe; taʼus daandii isaa hunda irratti kiyyoon isa eeggata; mana Waaqa isaa keessattis jibbi isa eeggata.
צפה אפרים עם אלהי נביא פח יקוש על כל דרכיו משטמה בבית אלהיו׃
9 Isaan akkuma bara Gibeʼaa keessatti taʼe sana xuraaʼummaa keessa dhidhiman. Waaqni hammina isaanii yaadatee sababii cubbuu isaaniitiif isaan adaba.
העמיקו שחתו כימי הגבעה יזכור עונם יפקוד חטאתם׃
10 “Yeroo ani Israaʼelin argetti, inni akkuma ija wayinii gammoojjii keessatti argamee ture; yeroo ani abbootii keessan argetti, isaan akkuma waan ija jalqabaa harbuu irratti argamee turan. Isaan garuu yommuu gara Baʼaal Pheʼoor dhufanitti, waaqa tolfamaa qaanessaa sanaaf of qulqulleessanii akkuma waan jaallatan sanaa jibbisiisoo taʼan.
כענבים במדבר מצאתי ישראל כבכורה בתאנה בראשיתה ראיתי אבותיכם המה באו בעל פעור וינזרו לבשת ויהיו שקוצים כאהבם׃
11 Ulfinni Efreem akkuma simbirroo barrisee bada; dhalchuun, garaatti baachuun, ulfaaʼuun hin jiru.
אפרים כעוף יתעופף כבודם מלדה ומבטן ומהריון׃
12 Yoo isaan ijoollee guddifatan iyyuu ani jalaa fixee ilmaan malee isaan nan hambisa. Gaafa ani isaan irraa garagalu isaaniif wayyoo!
כי אם יגדלו את בניהם ושכלתים מאדם כי גם אוי להם בשורי מהם׃
13 Ani Efreemin isaa akkuma Xiiroos lafa namatti tolu irra dhaabatee jiru nan arge. Sabni Efreem garuu ijoollee isaa gad baasee warra gogorraʼutti kenna.”
אפרים כאשר ראיתי לצור שתולה בנוה ואפרים להוציא אל הורג בניו׃
14 Yaa Waaqayyo isaaniif kenni; ati maal isaaniif kennita? Gadameessa ulfa hin baannee fi harma goggogaa kenniif.
תן להם יהוה מה תתן תן להם רחם משכיל ושדים צמקים׃
15 “Sababii hammina isaanii kan Gilgaal keessatti hojjetame sana hundaatiif, ani achitti isaan nan jibbe. Sababii hojii isaanii kan cubbuudhaan guutamee sanaatiif ani mana koo keessaa isaan ariʼa. Ani siʼachi isaan hin jaalladhu; bulchitoonni isaanii hundinuu finciltoota.
כל רעתם בגלגל כי שם שנאתים על רע מעלליהם מביתי אגרשם לא אוסף אהבתם כל שריהם סררים׃
16 Efreem rukutameera; hiddi isaanii goggogeera; isaan ija tokko illee hin godhatan. Yoo isaan ijoollee godhatan iyyuu ani sanyii isaanii jaallatamoo isaan jalaa nan qala.”
הכה אפרים שרשם יבש פרי בלי יעשון גם כי ילדון והמתי מחמדי בטנם׃
17 Sababii isaan isaaf hin ajajaminiif, Waaqni koo isaan dida; isaan warra asii fi achi saboota gidduu jooru taʼu.
ימאסם אלהי כי לא שמעו לו ויהיו נדדים בגוים׃

< Hooseʼaa 9 >